Naayijeeriyaatti nama hoogganaa amantii waliin waldhabe itti duulanii ajjeesani

Poolisii Naayijeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa guddittii Naayijeeriyaa Abuujaa keessatti namichi tokko erga hoogganaa amantaa Islaamaa tokko waliin wal dhabee booda deeggartoonni namichaa itti yaa'anii ibidda erga itti qabsiisanii booda lubbuun isaa darbuu poolisiin ibse.

Ahmad Usmaan namni ganna 30 miseensa eegumsa hawaasaa yoo ta'u namoonni itti yaa'anii ajjeesan gara 200 akka ta’an poolisiin ibseera.

Waldhabdeen kun maalirratti akka uumame ammayyuu ifa miti.

Ji’a darbe, barattuun amantaa Kiristaanaa tokko maqaa Waaqaa balleessite jechuun magaalaa Sokotoo keessatti barattoonni Musliimaa daboon reebanii ibidda itti qabsiisuun ajjeesaniiru.

Abuujaatti Ahmad garmalee qaamisaa gubatee erga argamee booda poolisiin gara hospitaalaatti isa geessus, sababa miidhaa irra ga’een lubbuun isaa darbeera.

Gaazexessaan BBC Abuujaa Kiriis Ewookor akka jedhutti, Naayjeriyaa keessatti yakki daboon ajjeesuu dabalaa kan jiru fakkaata.

Torban lama dura, Abuujaa keessatti waldhabdee daldaltootaa fi konkolaachistoota doqdoqqee gidduutti uumameen yoo xiqqaate namootni shan ajjeefamaniiru.

Rogeessotni mirga namooma akka jedhanitti, yakki daboon ajjeessuu kan dabalaa jiru sababa, uummatni sirna haqaa irratti amantaa ga’aa hin qabnee fi yakkamtoonni adabbii malee hafuun isaanii waan baayyateefidha.

Taateen walfakkaataa dhihoo Itoophiyaattis raawwatee ture.

Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti maanguddoon tokko osoo waraabessa yaabbatanii adeemanii argaman jechuun ajjeefamaniiru.

Taateen kanaan viidiyoon dubartii kana yeroo namootni itti naanna’anii ilaalanii fi miidhaa irraan gahan miidiyaa hawaasummaa irratti bal'inaan qoodamaa ture.

Dubartiin kun mana yaalaa akka gahaniin lubbuun isaanii akka darbe BBC’n odeeffateera.

Boodarra akka hubatameetti dubartiin kuni rakkoo fayyaa sammuu akka qaban maatiin isaanii himaniiru.