Naayijeeriyaatti haleellaa mana hidharratti raawwatameen sirreeffamtoota 1,800 ol miliqan keessaa ja'a deebiyan

Mana hidhaa Owerri

Haleellaa hidhattootaan mana hidhaa Naayijeeriyaa tokko irratti gaggeeffameen sirreeffamtoonni 1,800 ol miliqusaanii qondaaltoonni mootummaa biyyattii himan.

Hidhattoonni kunneen dallaa mana hidhaa kan kibba-lixa magaalaa Oweriitti argamu erga seenaniin booda gamoo bulchiinsaa irratti haleellaa gaggeessaniin dhohinsi uumamuu isaatu gabaafame.

Sirreeffamtoota mana hidhaa sana keessaa haleellaa raawwatameen baqatanii turan keessaa jaha deebi'unsaanii yoo dhagahamu, sirreeffamtoonni 35 ammoo miliquuf diduunsaanii himameera.

Poolisiin garee hidhattoota ummata Biafra, ummata warra ganamaadha jedhaman foxxoquuf socho'an dhorkamanii jiran haleellaa kana raawwachuu isaanii himata.

Isaan garuu himannaa poolisii kana waakkachuutuu gabaafame.

Tajaajjiilli Sirreessaa Naayijeriyaa akka mirkanneesseetti sirreeffamtoonni 1,844 bulchiinsa Imoo keessatti milqaniiru.

Namoonni hidhannoo cimaa hidhatan konkolaataa pikkaappiifi atoomusiin erga dhufanii booda, guyyaa Wiixataa ganama turee kan jidduugala Hidhaa Owerii haleellan jedha tajaajilichi.

Dubbi himaan poolisii meeshaalee waraanaa garaa garaa baatanii turan jedheera.

Haleellaa Owerri

Pirezidaant Muhaammaduu Buhaariin haleellichaan, ''gocha shorrkessuummaa'' jechuun ibsaniiru.

Akkasumas, humnootiin nageenyaa kanneen haleellaa kana raawwataniif hidhamtoota miliqan hadamsuun akka to'ataniif waamicha taasisaniiru.

Dubbi himaan garee ummata Biafraa warra foxxoquuf socho'anii kanaa AFPtti akka dubbatanitti, haleellaa Wiixataa kana duuba jirtu himannaan jedhu 'soba' jedhe.

Bulchiins Imoo baroota dheeraaf bakka gareewwan kun itti hundeeffaman yoo ta'u, waliitti dhufeenyi mootummaa jiddugalaafi ummata ganamaa Igboogarri hin turre.

Erga Amajjiitiin as poolisii hedduufi konkolaatoonni kibba-baha Naayijeeriyaa guutuu haleelamaa turan.

Saamichi meeshaa waraanaa olaanaanis gaggeeffameera. Haleellaa kanaaf garuu qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.