Arsenaal dheebuu waancaaf qabu bahuuf kanneen keessaa eenyuun bituu danda'a?

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal Piriimer Liigii keessatti dheebuun waancaa irra bubbulteetti. Waggaa guutuu sadarkaa tokkoffaafi lamaffaa qabachaa turus itti fullaasee waancaa argachuun tabba itti ta'aa dhufeera.
Dirree irrattis kubbaa dhuunfatee tapha bareedaa taphatus dafqa qullaa ykn dhamaatii firii hin qabne ta'ee itti fufeera.
Bara kanas Liiverpuuliin qabxii 13 caalamee sadarkaa lammaffaarra jiraatus abdii gareen kun waancaaf qabu amma waan dhumate fakkaata.
Tapha Guraandhala 26 gaggeeffameen Arsenaal sadarkaa sadaffaarra kan jiru Notingihaam Forest waliin goolii malee yoo adda bahan, Liiverpuul garuu Niwkasiliin 2-0n mo'achuu danda'eera.
Rakkoo amma Arsenaal keessa jiruuf taphataan sarara duraa (jifataan) gahumsa qabu dhibuu akka ta'e waggoota muraasa darban keessa odeeffamaa tureera, ammas odeeffamaa jira.
Arsenaal taphoota Piriimer Liigii lamaan darbanirratti yaalii 33 gara gooliitti taasiseera, garuu isaan keessaa sadii qofti kan xiyyeeffannaan sirriin yaalaman yoo ta'u, gooliin tokkollee hin turre.
Erga Caamsaa 2023 as taphoota lamarratti osoo goolii hin lakkoofsisiin hafuun isaanii kun isa jalqabaati. Arsenaal taphataa sarara duraa hanguma jiranillee miidhamaan waan dhabeef Mikeel Meriinoo bakka uumamaan irratti beekamurraa fuudhee sarara jifataarratti hiriirsuuf dirqameera.
"Tapha dhuunfannee taphachuu dandeenyeerra. Karaa gara garaa hedduutiin yaalleerra. Itti cichinee yaalleerra garuu itti fullaasnee garee cimee ittisu cabsinee darbuu hin dandeenye. Kubbaa qixa sirriin gooliitti yaalamu baayyee uumuu danda'uu qabnda turre," jedhe Arteettaan.
Arsenaal ammas taanaan taphataa goolii lakkoofsisu sirrii argachuun baannaan dheebiin waancaaf qabu fala hin argatu.
Karra eegaan duraanii Arsenaal Daavid Siimaan BBC Radio 5 irratti, "Jifataan akka nu barbaachisu beekamaadha. Kanaan dura hanga tokko yeroo gabana jijjiirraa banamutti yaalleerra. Amma garuu yeroo jijjiirraa waqtii Gannaa keessa banamuuf kan tarree filannoo keessa galan jiru," jedhe.
Bara dhufu Piriimer Liigii mo'achuudhaaf, taphataa saara duraa goolii lakkoofsisu bituun dirqama akka ta;e hubatameera.
Haata'u malee, Piriimer Liigii keessatti morkattoonni Arsenaal warri akka Maanchester Yunaayitid, Chelsii, Tootenhaam fi Aston Viilaa gabaa kana dhiphisuun isaanii waan hin oolle waan ta'eef waan barbaadan argachuun salphaa hin ta'u.
Taphattoonni yeroo jijjiirraa ganna dhufu barbaadaman isaan itti aanan kanneenidha.
Jonaataan David (Liil)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (dorgommii hunda keessatti). Kan taphate:36. Goolii: 20. Kubbaa mijeesse: 9
Jifataan Liil Jonaataan David yeroo ammaa kana Faransaay keessatti goolii lakkoofsisuun sadarkaa sadaffaarrati argama. Taphoota Firaans Liigi 1 keessatti 21 taphateen goolii 12 galcheera. Shaampiyoons Liigii keessatti ammoo goolii saddet galcheera.
Taphataan lammii Kanaadaa umuriin isaa waggaa 25 ta'e ku ganna dhufu keessaa taphataa baayee barbaadamudha. Kontiraani isaas bara kana dhuma.
Li'aam Delaap (Ipsiwiich Taawon)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (dorgommii hunda keessatti). kan taphate: 28. Goolii: 10. Kubba amijeesse: 2.
Li'aam delaap garee Ingilaand umurii waggaa 21 gadiif taphtaa sarara duraadha. Erga ganna darbe Paawondii miliyoona 15n Maanchester Siitiirraa gara ipsiwiich dhufee akkaan qalbii hawwachaa jira. gareen isaa kun kufaatiiti dhiyaatus Piriimer Liigii keessatti goolii 10 lakkoofsiseera.
Viktor Gaaykores (Ispoorting)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (dorgommii hunda keessatti). Kan taphate: 37. Goolii: 35. Kubba amijeesse: 8.
Taphattoota sarara duraa Siwiidin keessaa durarra kan jiru taphataa duraanii Konetarii Siitii kan yeroo ammaa kilaba Poorchugaal Ispoorting keessa taphacha ajiru Viktor Gaaykores.
Taphataan umuriin isaa waggaa 26 ta'e kun maqaan isaa Maanchester Yunaayitid waliin ka'aa kan jiru oo ta'u, garas deemnaan laanjisaa isaa duraanii Ruben Amorim waliin wal argatu.
Taphataan kun goolii lakkoofsisuun kilaboota Awurooppaa ija seeneera. Arsenaal itti deemee yaalaa? Ganna dhufu kan ilaalamu ta'a.
Aleksaadar Isaaq (Niwkaisl Yunaayitid)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (dorgommii hunda keessatti). Kan taphate: 30. Goolii: 21. Kubbaa mijeesse: 5.
Taphataan Siwiidin Aleksaadar Isaaq bara kana Piriimer Liigii keessatti taphattoota sarara duraa akka bakkalchaa ifaa jiran keessaa tokkodha. Taphataan kun Niwkasil waancaa Karabaaoo akka waancaaf qaqqabu taasiseera.
Niwkasil taphataasaanii umuriin waggaa 25 gurguruu hin barbaada. Isaaq Piriimer Liigii keessatti goolii 50 lakkoofsisuurra ga'uudhaaf saffisaan sadarkaa torbaffaarra jira. Haata'u malee, yoo Niwkasil carraa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa keessa taphachuu hin argatiin hafe waliin itti fufaa?
Ganna dhufu kana kan ilaalamu ta'a.
Jiin-Fiilip Mateetaa (Kiristaal paalaas)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (Liigii keessatti qofa). Kan taphate: 32. Goolii: 15. Kubba mijeesse: 3.
Jiin-Filiip Mateetaa bara kana Kiristaal Palaas waliin yeroo gaaraa dabarsaa jira. Mateetaan taphoota sagal keessaa saddet lakkofsiseera. Kun hundi ammoo bara 202 keessadha.
Taphataan duraanii sarara cinaa Arsenaal Tiiwoo Waalkoot taphataan umuriin isaa waggaa 27 kun gara Asenaal deemuu danda'a jechuun: "Mateetaan ofitti amanamummaa gaariitiin taphata. Taphataan kun yeroo hunda morkattootaaf yaaddoodha. Dhiibbaa uumuufi hariiroo taphattoota isa duuba jiran waliin qabaachuurratti 'dinqiidha'," jedhe.
Viktor Osimheen (Naapooliirraa ergisaan Galatasaraay jira)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (Liigii keessatti qofa). Kan taphate: 26. Goolii: 20. Kubbaa mijeesse: 5.
Bara 2022-23 keessa jifataan Naajeeriyaa Viktor Osimheen Naappooliin ergabara 1990 yeroo jalqabaatiif waancii Seer A akka mo'atan gargaareera.
Bara fdabre jijjiirraatiin kilabicha gadhiisuuf karoorfatee ture garuu ergisaa gara kilaba tarkii Galatasaraay deeme. Taphataan umurii waggaa 26 kun achittis gahumsa gaariirratti argama.
Gooliiwwan bara kana lakkoofsise keessaa ammoo kan inni gareen isaa tapha Yurooppaa Liigii irratti 3-2n Tootenhaamiin mo'aterratti lama galchi ni yaadatama.
Mate'oo Retegu'ii (Atalaantaa)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (dorgommii hunda keessatti). Kan taphate: 37. Goolii: 24. Kubbaa mijeesse: 5.
Taphataan sarara duraa Xaaliyaan Mate'oo Retegu'ii Seer A keessatti goolii 21 Atalaantaatiif lakkoofsisuun bara 2025 keessa dursaa jira.
Taphataan umuriin isaa waggaa 25 ta'e kun kilaba isaatiif Shaampiyoons Liigiirratti bara kana kan taphateef yoo ta'u, jijjiirraa Ganna dhufu kanaan maqaan isaa kilaboota Piriimer Liigii Ingiliz warra akka Arsenaal fi Maachester Yunaayitd waliin ka'aa jira.
Benjaamin Seeskoo (RB Leepzhing)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (dorgommii hunda keessatti). Kan taphate: 33. Goolii: 17. Kubbaa jijeesse: 5.
Jifataan lammii Silovaakiyaa Benjaamiin Seeskoo yeroo B Leepzhing keessatti cimina qabu dabalaa jiru kanatti maqaan isaa kilaoota Piriimer Liigii waliin ka'uun itti fufeera.
Taphataan umuriin isaa waggaa 21 ta'e kun kilaba Jarmanii waliin kontiraata wagaa dheeraa waan mallatteesseeruuf jijjiirraa Ganna dhufu kanaan ni gadhiisa jedhamee waan yaadamu hin fakkaatu.
Dusaan Vilahoovich (Juveentus)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (dorgommii hunda keessatti). Kan taphate: 32. Goolii: 14. Kubba mijeesse: 2.
Jifataan lammii Sarbiyaa Dusaan Vilahoovich kilaboota Piriimer Liigiitiin xiyyeeffannaa guddaan barbaadamudha. Taphataan umuriin isaa waggaa 25 ta'e kontiraanni isaa hanga Waxabajji 2026 turu kun bara kana kilaba Xaaliyaanii, Juveentus waliin yeroo gaarii dabarsaa jira.
Juveentus Amajji 2022 ture erga Arsenaal itti hin milkaa'iin hafee kan mallatteesifate.
Dusaan Vilahoovich tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaa Juveentuus Mudde keessa Maanchester Siitii mo'aterratti goolii lakoofsiseera.
Olee Waatkins (Aston Viilaa)

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2024-25 ga'umsi agarsiise (dorgommii hunda keessatti). Kan taphate: 37. Goolii: 13. Kubbaa mijeesse: 10.
Arsenaal jifataa lammii Ingilaand kana fudhachuudhaaf jijjiirraa Amajji darbe kanaan saatii dhumaa yaaleera. garuu erga barfateeti. Aston Viilaan garuu gatii jijjiirraa miliyoona 40 dhiyaateef diduun dabarsee kennuu akka hin barbaadne ibseera.
Taphataan umuriin isaa waggaa 29 ta'e kun jijjiirraa ganna dhufu kanattis iji irruma jira.















