Gaabii Uwwisuu: 'Barsiifati ittiin walkabajan amma kan ittiin walrakkisan ta'ee'?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiheenya kana keessa jechi 'Gaabii Uwwisuu' jedhu kun irra deddebiin hawaasa keessatti yoo ka'u dhagahama.
Duriirraa qabee gaabii walitti uwwiisuun mallattoo kabajaafi angafoonni ittiin kabajaman akka ta'etti beekama ture. Gaabiin uwwiisan kunis sirnoota akka cidhaa, kan waldhabee yoo araarsan fi kkf irratti raawwatama.
Dhiheenya kana keessa garuu gaabii uwwiisuun haala aadaa tureetiin faallaatti, barsiifata haaraafi kan hawaasni akka wal hin gargaarree taasisudha jedhu jaarsooliifi maanguddoonni haala kanaan yaadda'uu himan.
Gaabii Uwwisuun maali?
Gaabii uwwisuun mala kadhaa gara fuulduratti namni akka wal hin gargaarre gochuuf deemaa jiruudha jedhu Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa turtii BBC waliin taasisaniin akka jedhanitti, barsiifanni gaabii uwwisuu kun Tuulamatti kan babal’ate bara Gadaa Meelbaatti.
Akka barsiifata kanaatti namni hoteela, gamoo, kitaaba, sirbaa fi kanneen biroo yeroo hojjetee sagantaa eebbaa qopheessa.
Sagantaa eebbaa kanaaf ammoo madda galii ijoo kan ta’aa dhufe gaabii uwwisuudha. Abbaan qabeenyaa waa eebbisuuf jiru dursee gaabii hedduu bitee qopheeffata.
Gaabiiwwan kunneenis baayyinisaanii akkuma abbaatti kudhanii hanga dhibbaatti kan lakkaa'amu ta’uu mala. Baayyiini gaabiiwwanis akkaatuma hariiroo fi namoota abbaan dhimmaa sun naannawa isaatii qaburratti kan hundaa’udha.
Abbaan qophii sunis gaabii qophaa’e kana jila eebbaa sana dura namoota adda baafate kanaf mana isaanii deemee itti uwwisa. Itti uwwisuun kunis ‘jila kiyya warra eebbisan keessaa tokko si’i waan ta'eef waalessaa qopheeffadhuu maallaaqa qabiin koottu’ akka jechuuti.
Namni gaabii uffaate kunis eebba kanaaf waalessa kadhachuu jalqaba. Naamoonni isa waalessan kunneenis qarshii gumaachuuf jechuudha.
Guyyaa eebbaa sana namni gaabii uffate kun maallaqa waalesitoota isaarraa walitti qabe kana qabatee waan eebbifamu sanaaf Rivaanii kutee eebbisa. Maallaqichas abbaa jilaatiif kenna jechuu akka ta'e ibsan.
Labsii Abbaa Gadaa maal ture?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa ibsa tibbana baasaniin barsiifanni mana eebbisuu kuni reefu dhufaa aadaa Oromoo keessa hin turree fi haalaan babal’achaa jiru waan ta’eef akka dhaabbatu jedhan.
“Wal-gargaaruun waanuma jirudha. Garuu akkaan ta’uu qaba. Wanni akkanaa kuni kan babal’ate bara Gadaa kiyyaa keessa. Waan kuni amma Oromoo Tuulamaa kana raasaa jira,“ jechuun waan taajjaban irraa ka'uun ibsan.
Akkaataa Sirna Gadaatiin Oromoon aadaa ittiin walgargaaru ‘Hirpha’ qaba, kan jedhan Abbaaan Gadaa, barsiifanni gaabii uwwisuu kuni ammoo mala kadhaa ta’aa dhufuu dubbatu.
“Namuma kitaaba fuula 50 barreessee hundatu ka’ee eebba jedha. Mana kireeffatee qalama dibeetuma eebba jedha. Gaabii uwwisee waaleessa kadhachiisee birrii walitti qaba,” jechuun attamiin barsiifanni haaraan hawaasa keessatti babal'ataa akka dhufe himu.
Barsiifanni Gaabii Uwwisuu kuni Oromoota Tuulamaa biratti akka malee babal’achaa akka jiruu fi adeemsi kuni itti fufee jennaan aadaa walgargaaruu uummataa miidha jechuun yaaddoo qaban kaasu.
“Adeemsi kuni akkaataa namni wal hin gargaarre, akkaataa duudhaa walgargaarsaa dur jiru hafu waan godhaa deemuf yeroodhaaf akka dhaabbatu murteessine. Haalli kuni itti fufnaan, namni oolee bulee wal-jibba” jedhan.
Gaabii Uwwisuun kun mala galii walitti qabachuu waan ta’eef, hoteelonni haala kanaan eebbifaman yeroo tokko tokko baatii tokko caalaa itti fufanii haalli hin hojjenne ni uumama.
Akka Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa jedhanitti, barsiifanni gaabii uwwisuu fi mana eebbisuu kuni yeroof erga dhaabbatee booda qooda fudhattoonni bu’aa fi miidhaa isaa irratti qorannoo akka taasifamu akeekkan.
“Mootummaa dabalatee, hayyoonni Oromoo waan kanarratti qorannoo godhanii hanga murtaa’utti waan kuni itti fufuu hin qabu. Namni dhorkii kana darbee gaabii uwwise maal ta’a kan jedhu fuulduratti ibsa itti kenninas” jedhan.












