Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daa’imman lakkuu guyyaa muraasa qofa jiraatu otoo jedhamuu lubbuun hafan
Daa’imman lakkuu Maariyeem fi Nideyee yeroo dhalatan guyyoota muraasaa caala lubbuun turu jedhamee hin eegamne ture.
Amma umuriin isaanii waggaa torba guuteera, Awurooppaa keessatti daa’imman walitti maxxananii dhalatanii guddachaa jiran isaan qofadha jedhamee yaadama.
Ijoolleen durbaa lamaan eenyummaa fi miira adda addatti kan ofiisaanii kan qaban yoo ta'u, lubbuun jiraachuuf walirratti hirkatu.
"Jalqabarraa kaasee lubbuun hin turan jedhamee yeroo sitti himamu, ammaaf qofa jiraatta" jedhan abbaan isaanii Ibraahimaan.
Daa’imman walitti maxxanananii dhalatan baayyee miti, UK keessatti daa'imman lubbuun dhalatan 500,000 keessaa tokkotu haala kanaan dhalata.
Daa’imman harki walakkaan isaanii du'anii kan dhalatan yoo ta'u, harka tokko sadaffaan ammoo erga dhalatanii sa'aatii 24 keessatti du'u.
Maariyaam fi Nideyeen guyyaa dhaloota isaanii waggaa torbaffaa hiriyoota danuu waliin kabajuu arguun Ibraahimaa qofa gammachisaa osoo hin taane, hakiimota isaa gargaaraniillee gammachiise.
Maariyeem fi Nideyee miila lamaanii fi qaama naannoo garaa gadii tokko waliin qabu, garuu tokkoon tokkoon isaanii lafee dugdaa fi onnee addatti qabu.
Kunuunsa addaan hin cinne kan qaban yoo ta’u, garuu hiriyoota isaanii waliin gara mana barumsaa idilee kibba Weelsitti argamu dhaqu.
"Isaan falmattoota waanti namoonni jedhan dogoggora ta'uu mirkaneessani" jedhan Ibraahimaan.
"Ijoolleen durbaakoo baay'ee adda. Maariyaame baay'ee callistuudha, garuu Nideyeen waliin guutummaatti adda," jedhan.
"Salphaa fakkeessuu hin danda'u garuu waan addaatti argadhe. Lola jireenyaaf yeroo hunda godhamu kana arguutti akka carraa qabeessa ta’eetti natti dhaga'ama."
Bara 2016 yeroo lamaan isaanii Senegaal keessatti dhalatan warri isaanii daa'ima tokko eegaa turan.
Doktooronni guyyoota muraasa caalaa baay'ee akka jiraatan hin eegne.
''Battalumatti isaan dhabuufin jira jedheen of qopheessaa ture,'' jechuun Ibraahimaan dokumeentarii BBC ‘Inseparable Sisters’ jedhamurratti dubbateera.
"Wanti nuti gochuu dandeenyu isaan cinaa goruun, imala jiruu kana keessatti kophaa isaanii akka taane tumsuu qofa.
Carraan lubbuun jiraachuu isaanii inni guddaan adda bahuu akka ta'e amanama ture.
Hospitaalota addunyaa gargaarsa "kadhachaa" erga turanii booda maatiin kun bara 2017tti hospitaala ‘Great Ormond Street’ Landanitti argamutti yaala argachuuf UK gahan.
Ibraahimaan hospitaalli daa'immanii beekamaan kun adda isaan baasuu akka danda'uu fi gara obboloota isaanii Daakaar jiranitti deebi'uu akka danda'an abdatee ture, garuu hin milkoofne.
Qorannoon taasifame, onneen Maariyaamee baqaqsanii yaaluu walxaxaa gaggeessuuf baayyee dadhabaa ta’uutu mirkanaa’e.
Ogeeyyiin fayyaa daa’imman kun osoo addaan hin ba'iin ji'oota muraasaa ol lubbuun jiraachuu akka hin dandeenye ibsuun maatii kana akeekkachiisan.
Hakiimonni daa’imman kun adda bahuun Nideyeen carraa lubbuun jiraachuu akka argattu taasisa jedhan.
"Ijoolleekoo keessaa tokko ajjeesuu ta’a, waan kana ani raawwachuu hin danda’u," jechuun Ibraahimaan yeroo sanatti dubbata ture.
"Amma eenyu akka jiraatu fi du'u filachuuf ani eeyyamuu hin danda'u" jedhe.
Haati daa’imman kanaa ijoollee isaanii kanneen biroo kunuunsuuf gara Senegaalitti yeroo deebitu, Maariyamee fi Nideyeen kunuunsa fayyaa argachuuf abbaasaanii Ibraahimaa wajjin UK keessa kan turan yoo ta'u, sadanuu gara Kaardif dhaqan.
"Maatiikoo hafe fi hojii kootti deebi'uu dadhabuun baay'ee rakkisaa ture," jedha Ibrahimaan, kan duraan daayreektara olaanaa dhaabbata imalaa Senegaal ta’uun hojjachaa ture.
"Wanta hin beekamnetti seenuudha garuu baay'ee itti dhiphanne," jedhe.
"Nama isaan gargaaaru akka qabaatan mirkaneessuun ittigaafatamummaa abbummaa kooti, sun kaayyoo jireenya koo ta'a" jedhe.
Daa’imman lachuu infekshinii fi dhibee onneetiif carraa saaxilamuu guddaa waan qabaniif yeroo yeroon hospitaalatti sakatta'amuu qabu.
"Jalqabarratti wanta gammachuu addaatu ture, kun waan ani kitaabota barnootaa qofarratti dubbise ta'uusaan hubadhe," jedhan Dr Gilliyaan Bodii, gorsaan ogeessa fayyaa daa'immanii Hospitaala Yunivarsiitii Weelsi.
"Miila lamaanii fi garaa gara gadaanu tokkicha waliin qabu. Garaa isaanii keessaa gara olitti qaamolee argaman baay'ee addaan qabu.
Sirriitti hin beeknu, garuu qaamolee tokko tokko akka waliin qooddatan ni beekna, kaan adda addatti qabu" jedhan.
"Narvii hundaa wajjiin ispaayinaal koordii adda addaa lama qabu ammas haala kamiinuu guutummaatti qindoomina waan qabaniif akkamitti harka akka sochoosan ykn akkamitti miila akka sochoosan walitti himuu hin qaban’’ jedhan.
Ijoollee lakkuu kanatti uffata uffisuun qormaata guddaadha.
"Gubbaa uffata walfakkaataa lama bittee walitti hodhisiisu qabda," jedha Ibraahimaan.
"Miila lama qabu, kanaaf kofoo idilee keewwachuu danda'u, garuu mudhiin isaanii baayyee bal'aa waan ta'eef sanas gara suuqii huccuutti geessuu barbaachisa."
Maatiin kun amma hawaasa isaanii Kaardiif jirutti kan makaman yoo ta'u, kunuunsitoonni abbaa waan gargaaraniif halkanii fi guyyaa ijoolleen lamaan kun ni eegamu.
"Jireenya idilee akka qabaatan, ijoollee waliin akka taphataniifi kolfan akkasumas hiriyyaa akka horataniifi akka nama dhuunfaatti akka guddatan nan barbaada," jedha Ibraahimaan.
"Eenyu jalaa dhokachuu hin qaban, mana barumsaa idilee dhaquun isaanii qaama hawaasaa ta'uu isaanii kan agarsiisu yoo ta'u, qaama hawaasa kanaa ta'uun isaaniis carraa guddaadha," jedhan.
Qormaanni ittaanu Maariyaame fi Nideyeen dhaabbatanii deemuuf yaaludha.
"Wantoota namni ni ta’a jedhee hin yaadne galmaan ga'aniiru," jedha Ibraahimaan.
"Jalqabarraa kaasee egeree hin qabdu jedhamee yeroo sitti himamu, ammaaf jiraatta," jechuun Ibraahimaan dabalanii dubbatan.