Magaalaa qananii kan taate Dubaay, gibiraa fi uggura alkoolirra keessee turte kaaste

Nama dhugaatii bitaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa namoonni addunyaa garaagaraa qananiidhaan keessa jiraatan kan taate Dubaay hawwata tuurizimii guddisuuf jecha gibira dhibbeentaa 30 dhugaatii alkooliirra keessee turte kaaste.

Kana malees uggura eeyyama dhugaatii alkoolii kan namoonni dhuunfaa manasaaniitti dhuguuf qabaachaa turan irra keessee turtes kaasuuf akka jirtu beeksisteetti.

Dubaay dhugaatii alkooliin walqabatee seera hagas mara hamaa ta'e hin qabdu turte, namoonni guyyaa saafaa- ji'a Ramadaanaa keessa dabalatee- alkoolii bitanii akka dhugan ni eeyyamti turte.

Wayita weerara koronaavaayirasii wanti hundi cufamee tures namoonni haga manasaaniitti dhugaatii ajajataa turan, mootummaanis dhorkaa hin turre.

Dhorkaan dhugaatii alkooliirraa ka'e kun magaalattiin lammiilee alaa hedduuf quubsuma hawwattuu taatee akka itti fuftu gochuu kan kaayyeffateedha.

Kunis hawwata tuurizimiin magaalattiin kanneen waliin dorgoman duuba akka hin hafneefi.

Kubbaaniyyaan gurguddoon magaalattii keessatti dhugaatii alkoolii dhiyeessuun beekaman- Maritime and Mercantile International (MMI), fi African & Eastern jedhaman, tarkaanfii mootummaan labse kana ammumarraa hojiitti hiikuun gatii alkoolii akka hir'isan himan.

''Waggaa 100 dura erga Dubaay keessatti hojii eegallee as mootummaan biyya kanaa yeroo faana kan of fooyyessu, hunda kan keessummeessu fi hundaaf kan dhimmamu ture,'' jedha dubbi himaan kubbaaniyyaa MMI Tyrone Reid.

Dhaabbileen alkoolii daballiin gibiraa ka'uun kun Dubaayi fi biyyoota UAE kaan keessatti itti gaafatamummaadhaan alkoolii bitachuu fi dhuguuf kan jajjabeessu ta’uu ibsaniiru. Daballiin gibiraa alkoolii irra kaa'ame Wiixata har'aa irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta'u, murteen kun dhaabbataan kan itti fufu ta'uu fi dhiisuu isaa garuu ifa miti.

Gaazexaan Faayinaansi Taayims jedhamu akka gabaasetti, gibirri kun yeroo yaaliif waggaa tokkoof kan kaafamedha.

Jiraattonni Dubaay dhibbeentaan 90 lammiilee biyya alaa waan ta'aniif alkoolii bitachuuf gara magaalaa Uma Al Quwain imaluu qabu.

Dubaay magaalota Arabaa naannichaa biroo irraa bifa adda ta'een seera hagas mara cimaa ta'e waan hin qabneef lammiilee biyya alaa hedduu biratti magaalaa jaallatamtuu taatee jirti.