Dubaayi: Poolisiin dubartoota qullaa suuraa ka'an biyyaa akka baafaman murteesse

Madda suuraa, Getty Images
Garee dubartoota kan qullaa suuraa tariirratti [balcony] ka’aaniif to’ataman amma biyya akka baafaman aanga’ootii mootummaa murteessan.
Erga viidiyoon dubartoota qullaa suuraa tariirratti [balcony]ka’aa jiran argisiisu miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfame, dubartoonni Yuukreen 12 fi namichi Raashiyaa tokko to’atamaniiru.
Namoonni kunneen 'safuufi duudhaa hawaasaa cabsan' jechuun poolisiin kan himataman yoo ta’u, yakkaan kanaaf, hidhaa ji’a ja’aafi adabbii Dirhaama 5,000 ($1159) itti murteeffamuu danda’a.
Seera cimaa qabaattullee, Dubaay bakka daawwannaaf tuuristoota hedduu harkistudha.
Namni kammiyyuu achiis jiraate yookiin yeroo garas imalu, aadaafi seera biyya Dubaayiitti jirachuu qaba, seerri tuuristiif addatti hin jiru.
Namoonni suuraan isaani tariirratti kaa'an, dubartoota kudha lamaafi namni suuraa kaasu suuraarra mul'ateera.
Lammummaan namoota kaanii hanga amma hin beekamne.
Poolisiin amalli akkanaa kan fudhatama hin qabneefi kan safuu hawaasaa Emireetiin walsimuu miti jedhe.
Ministeerii dhimma ala Yuukreen, waajjiirri isaanii dubartoota kana daawwatee akkasumas Kibxata hoogganaa qorannaa damee yakka dubbisuu dubbata.
“Qorannoon waajjirri abbaa alangaa suuraa tibbana maxxanfame kan seera biyya kenna cabsuu xumuree jira. Namoonni gocha kana raawwatan biyyaa baafamuuf deemu. Dhimma kanarra yaadii dabalatan kennamu hin jiru,” Jedha ibsi wajjiirra miidiyaa Dubaay.
Saffisaan biyya baafamuun Dubaay keessatti beekamaa miti. Duraan gocha akkana yoo raawwatan qorumsi cimaan isaan irra gaʼuf deema.
Yakki kun kan hojjjatame, guyyoota muraasa jiʼa qulqullaaʼaa Muslimaa Ramadaanaattin dura.
Lammiileen biyya alaa Dubaayitti yoo hidhaman kuni kan duraa miti.
Bara 2017 keessa dubartiin lammii Biriitish tokko, namicha itti hin heeruminitti waliigalteen saalqunnamtii raawwannaan hidhaan waggaa tokko itti murtaa’ee ture.
Hariiroon isaanii kan beekame, namichi erga doorsisaa itti erge jennaan isheen aanga’ootaatti yeroo himtetti ture.












