Yargan Kiloopp : Waa'ee leenjisaa Liivarpuul kana beektuu?

Yargan Kiloopp leenjisummaan taphoota 999 irratti hirmaataniiru

Madda suuraa, BBC Sport

Ibsa waa'ee suuraa, Yargan Kiloopp leenjisummaan taphoota 999 irratti hirmaataniiru

Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp guyyaa Sambataa dirree isaanii irratti Chelsii morkatan bara leenjisummaa isaanii tapha 1,000ffaa ta'eera.

Kiloop leenjisummaatiin bara dorgommii 23’fis leenjisaniiru. Kilaboonni leenjisaniis sadii yoo ta’an Jarmaniifi Ingilaand keessa argamu.

Bara turtii isaanii kana Waancaa Liigiifi Chaampiyoons Liigii ol kaasaniiru.

Milkaa'ina

Kiloopp leenjisaa cimaa ta’u isaanii mirkaneessaniiru. Taphoota 999 gareen isaan leenjisan taphate keessaa 538 injifataniiru. Taphoonni isaan injifataman 222.

Injifannoo kanneen keessaa walakkaa kan ta’u Liivarpulitti galmaa’e. Kilaboota leenjisanitti hamma injifannoo kilabootaa fooyyessaniiru.

Fakkeenyaaf yeroo kilaba Jarman Meeyinz leenjisan taphoota morkatan keessaa 40.4% injifataniiru.

Yeroo Dortimuund turan dhibbantaa injifannoo 56.4’tti akkasumas kan Liivarpuul 60.7% gahaniiru.

Morkattoota ijoo Kiloopp

Kiloopp Chelsii si’a 19 morkatanii si’a jaha injifatan, sagal qixa bahan. Garee biraa waliin hammana qixa hin baane.

Kilabii Jarman Firiibarg si’a 18 morkatanii si’a lama qofa mo’aman. Totanhaam waliin si’a 17 walitti dhufanii si’a 10 gareen Yargan Kiloopp injifateera.

Kilaba Jarman Baayarmuunik waliin qabxiin qaban garuu xiqqoo hammaata. Si’a 31 morkatanii si’a 16 mo’aman.

Yargan Kiloopp leenjisaa Maanchistar Siitii Pep Gaardiyoolaa waliin morkiin taasisan leenjistoota kaan waliin taasisan ni caala.

Yeroo Gaardiyoolaan Baayermunik leenjisaa turaniifi Kiloop Dortimuund leenjisanitti si’a saddeet walitti dhufaniiru.

Kana keessaa sadii Kilooppitu mo’ate. Erga lamaanuu Pirimiyeer Liigii Ingilizii dhufanimmoo si’a 19 wal morkataniiru.

Kana keessaa saddeet Kilooppitu injifate. Walumaa gala leenjistoonni lamaan si’a 27 walitti dhufanii Kiloopp 11 mo’atan jechuudha. Sagal immoo mo’ataman.

Kiloopp taphoota 200ffaa, 300ffaa, 400ffaa, 500ffaafi 600ffaa taphatan injifataniiru. Tapha 800ffaa Chelsii waliin taasisan immoo qixa bahan.

Akkamiin morkataa muddu?

Leenjisaan lammii Jarman kuni gareen Liivarpuulitti ijaaran garee haalaan erga takkaa jifatee morkataa muddudha.

Galchii hedduun injifannoon gareen Kiloopp leenjisan galmeesse Hagayya waggaa darbe Bornimaawuz 9fi 0 yeroo injifatanidha.

Gareen isaan leenjisan taphoota waltajjii Awurooppaa irrattillee danuu galchan.

Taphataan Liivarpuul Robertoo Firminoo taphataa kamuu caalaa Kiloopp jala hiriiree taphate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan Liivarpuul Robertoo Firminoo taphataa kamuu caalaa Kiloopp jala hiriiree taphate

Borusiyaa Dortomundiifi Liivarpuul taphoota 100 irratti galchiiwwan 205 galchan. Kanneen keessaa 58 injifatan.

Jifattooti isaanii ijoo Firminihoo, Mohaammad Saalah, fi Saadiyoo Maane – sadan isaaniituu si’a 250 ol hiriiranii taphataniiru.

Kanneen dursa kennuun hiriirsan torba keessas jiru.

Kilooppif eenyutu baay'inaan hiriire?

Taphataan Liivarpuul Firminoon taphoota Yargan Kiloopp taphachiisan 999 keessaa 341 irratti hiriiree taphateera.

Taphataan warra diddiimoo biraa Jeemsi Milnar taphataa biraa taphoota 301 irratti hiriiree taphatedha.

Dortimunitti immoo taphataan Kiloop baay’inaan hiriirsan Roman Weidenfeller jedhama. Si’a 280 hiriiree taphate.

Kiloopp jala taphataan baay’ee galche Mohaammad Saalahidha. Galchiiwwan 173 galche. Kunis tapha keessa daqiiqaa 133tti galchii takka galchaa ture jechaadha.

Yeroon kuni kan Roobart Liwaandowiskiin daqiiqaa 139’tti galchii takka Dortimunditti galchaa ture ni caala.