Namichi pirezidantii Yukireen ajjeessuuf Raashiyaa waliin hojjataa ture jedhame Polaanditti to’atame

Madda suuraa, Getty Images
Namichi pirezidantii Yukireen Volodmiir Zelenskii ajjeesuudhaaf tajaajila tikaa Raashiyaa waliin hojjataa ture jedhame Polaanditti to’annaa jala oole.
Abbaan alangaa Polaand, nama Pooweel Kee jedhamu odeeffannoo buufata daandii qilleensaa Poolaandii keessatti argamaniifi pirezidantiin Yukireen yeroo heddu itti fyyadamanii akka walitti qabuuf Raashiyaadhaan itti gaafatamummaan kennameefiira jedhan.
Namni kunis to’annaa jala kan oolfame haaluma eeruu waajjiirri tika Yukireen mootummaa Poolaandiif kenneen ture.
Abbaan alangaa namtichi buufata xiyyaarichaa ilaalchisuun odeeffannoo Raashiyaadhaaf dhiyeesse jiraachurratti kan jedhe hin jiru.
Pooweel Kee yoo balleessaan kan irratti argamu ta’e, waggoota saddeetiif hidhamuu danda’a jedhan.
Ibsi mootummaa Polaandiin kenname akka jedhuutti, shakkamaan hojii basaasaa kana akka hojjatuuf tika Raashiyaatiin kallattiin gaafiin dhiyaateef.
Innis Raashiyaanoota ‘‘kallattiidhaan waraana Yukireen keessatti hirmaatan dubbiseera’’ jedhameera.
Dhaabbanni tika Raashiyaatis Pooweel Kee buufata xiyyaaraa Razeszowu-Jaasii’onkaa kan kibba-baha Polaandiitti argamuu odeeffannoo akka walitti qabuuf itti gaafatamummaa kenneefiira.
Raashiyaan osoo weerara guddaa Yukireen irratti hin raawwatiin dura, buufanni xiyyaaraa kun kan sochii baayyee hin qabneefi buufata xiyyaaraa xiqqaa ture.
Weerarichaan booda garuu biyyoonni lixaa karaa ittiin Yukireeniif meeshaa waraanaa dabarsan ta’u hordofee, waggoota lamaan darban keessa hojiin babalisuu hojjatameefiira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiyyaaronni meeshaa waraanaafi mi’a fe’anii fi ka’umsi isaanii Ameerikaafi Awurooppaa ta’e buufata xiyyaaraa sanatti buusuu.
Meeshaalee waraanaatis konkolaatoota fe’umsaa gurguddoodhaan daangaa Yukireen kan fageenya km 100 irratti argamuutti geeffamu.
Kana malees, dureewwan gara Yukireenitti imalan buufata xiyyaaraa kanatti fayyadamu. Yeroo ammaatti naannoon qilleensaa Yukireen balaliinsaaf cufaa waan ta’eef, pirezidantii Ameerkaa Joo Baayidan dabalatee, dureewwan gara Yukireen yoo imalan buufata xiyyaaraa kanatti fayyadamu.
Dureewwan yeroo baayyee Polaand galuudhaan achii gara magaala guddoo Yukireen Kiyiv baabuuraan imalu. Zelenskiin kanaan dura dowwannaa biyya alaatiif biyyaa yoo bahu buufata xiyyaaraa Razeeszowu-Jaasii’onkaa fayyadamu.
Buufata xiyyaaraa kanarratti Raashiyaa basaasa akka raawwattu yoo himamau kun kan yeroo jalqabaa miti.
Wagga tokkoon dura mootummaan Polaandi naannoo buufata xiyyaarratti kaameeraawwan dhaabuudhaan lammiilee biyya biraa basaasaa turan jedheen hedduu to’annoo jala oolchee ture.












