Indiyaan oomisha shirooppii du’a daa’immaniif madda jedhame dhaabde

Qondaaltoonni fayyaa Inidiyaa, erga du'a daa'imman Gambiyaa 70 ta'an waliin hidhata akka qabu erga baramee booda, warshaan shirooppii qufaa dhiyeessu oomisha akka dhaabuuf ajajan.

Dhaabbati Maiden Pharmaceuticals “hojii oomishaa fi yaalii isaa heedduu irraatti” seeroota cabseera jechuun to'attoonni Indiyaa himan.

Duuti daa’imman gara 70 ta’anii shirooppiiwwan qufaa Maiden afur waliin erga hidhata qabaachuun adda baheen booda, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) addunyaaf ergaa of eeggana labseera.

Amma Indiyaa fi Gaambiyaa keessatti qorannoon gaggeeffameera.

Aangaa’onni to’annoo akka jedhanitti, dhaabbati Niiw Delhiitti argamu kun seerota eegumsaa hedduu cabsuu isaa erga baranii booda hojii omishaa hunda dhaabaniiru.

Dabaluunis “yeroo qorannootti hojii seerota cabsan hubatamanii fi qulqullina, nageenyaa akkasumas bu’a qabeesummaa qoricha omishamaa ture irratti rakkoon waan jiruuf,” tarkaanfiin kun fudhatame jedhaniiru.

Dhaabbati Maiden yaada akka kennuuf gaaffii BBC'n dhiyeesseef deebii hatattamaa hin kennine.

Torban darbe, dhaabbatichi “du’a kunneeniin wal qabatee gabasaa miidiyaan rifanneerra fi wanta uumameen gaddineerra,” jechuun beeksisee ture. 

Kanas kan jedhe erga beeksisa WHO’n hidhata shirooppiiwwan dhaabbaticha (Maiden) afur, du’aa fi fdhibee kale daa’immanii Adoleessa, Hagayyaa fi Fulbaana keessa uumame gidduu jiru irratti akeekkachiisa erga kennee booda. 

Dabalataanis WHO’n qorichi kun Gambiyaan alatti, “karaa gabaawwan adda addaan biyyootii fi naannolee birootti,” raabsameera ta’a jechuun akeekkachiiseera.

Qorichootii kunneen shirooppiiwwan Promethazine Oral Solution, Kofexmalin Baby Cough Syrup, Makoff Baby Cough Syrup fi Magrip N Cold Syrup kan jedhaman ta’u akka baafameera.

Poolisiin Gaambiyaa du’a daa’imman kunneenii qorachaa kan jiru yoo ta’u, lammileen biyyatti haqi akka jiraatuuf gaafachaa jiru.

Pirezdaantiin Gaambiyaa, Adaamaa Baaroo, anga’ootii qorannoo isaaniin wanta hunda gadi fageenyaan akka ilaalan ibsaniiru. 

Gabaasa jalqabaa Kibxata ba’een, poolisiin Za Gaambiyaa, shirooppiiwwan qufaa kunneen gara biyyatti kan seene dhaabbata US keessatti argamuun akka ta’e ibseera.

Dabalataanis, shirooppiwwan faalamoo 50,000 ta’an gara biyyattii seenaan keessaa harki caalan amma to’annoo jala oolfamuu isaani gabaasi kun eereera.