Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karoorri immigireeshinii Afrikaa Kibbaa godaantota Itoophiyaa akkamiin miidha?
Biyya lammileen Itoophiyaa baayyee itti godaanan kan taate Afrikaan Kibbaa, sirna immigireeeshinii 'gita bittaa' ittiin hojjechaa jirtu fooyyeessuuf akka jirtu beeksifte.
Ministirri Dhimma Biyya Keessaa karoora seeronni immigireeshinii biyyattii akka jabaataniifi adeemsi lammummaafi kolu-galtummaa ittiin fooyyaa'u ifa godhaniiru.
Guyyaa yaadni dhimma immigireeshinii fooyyeessuu ifa ta'etti ibsa kan kennan Dr. Haroon Motiso'aledii imaammanni immigireeshinii biyyattiin amma ittiin hojjechaa jirtu dhaala bara "koloniiti" jedhan.
Wixineen dhimma immigireeshinii kun ummanni ji'ootaaf irratti erga mariyatee ifoomeen booda, kaabinee pirezidant Siriil Raamaafoosaatiin ragga'eera.
Haata'u malee, seera ta'ee raggaasifamuudhaaf hayyama paarlaamaa Afrikaa Kibbaa argachuu qaba.
Wixineen 'Eegumsa Lammummaa, Immigireeshiniifi Baqattootaa' jedhamu kun kan ifa ta'e lammiileen Afrikaa Kibbaa Caamsaa keessa filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf wayita qophaa'aa jiranittidha.
Filannoo kanarratti, dhimmi godaantotaafi immigireeshinii ijoo ta'a jedhamee eegama.
Biyyattii keessatti hoji-dhabdummaan akkaan dabalaa jiru gara dhibbentaa 32.6tti guddatee addunyaarratti warra baayyee olaanaadha jedhaman keessaa tokko ta'uun galmaa'eera.
Kana waliin walqabsiisee godaantonni jireenya fooyyaa'aa barbaacha gara biyyattii deeman hojii, mana jireenyaafi carraawwan biroo lammileen biyyattii jalaa fudhachaa jiru jechuun dheekamsi irra deddeebiin ni dhaga'ama.
Akka lakkoofsa ummataa Afrikaan Kibbaa waggaa lama dura gaggeessiteetti, yoo xiqqaate godaantonni biyya biraatii deeman miliyoona 2.4 ni jiraatu.
Isaan keessaa lakkoofsa olaanaa kan qabatan biyya ollaa taate Zimbaabuweerraa kan deeman ta'anis, lakkoofsi godaatota Itoophiyaa, Dimokiraatik Koongoo, Somaaliiyaa, Baangilaadishiifi Lesoottoorraa ta'aniis baayyeedha.
Itoophiyaarraa dabalatee godaantonni biyyoota Afrikaa biroorraa deeman ajjechaa, saamichiifi qabeenya isaanii mancaasuun irra deddeebiin isaan mudataa tureera.
Kana hunda ilalacha keessa kan galchite Afrikaan Kibbaa, dhimmoonni imaammata immigireeshiniishee irratti fooyyeessuuf jirtu maalidha?
Waliigalteewwan idil-addunyaa keessaa bahuu
Sirni hacuuccaa, sanyumma aleellisuufi looguun bekamu, Appartaayidiin hunkutaa'uu hordofee walakkeessa bara 1990 aanootti kan dhufe Kongirasiin Biyyaalessaa Afrikaa (ANC), waliigalteewwan idil-addunyaa baayyee mallatteessuun isaa 'dogongora guddaa' akka ture ibsu Dr. Haroon.
Ministirichi itti dabaluun, waliigalteewwan kunneen kan mallatteeffaman mootummaan haaraa ture godaantota ilaalchisee imaammata mataasaa osoo hin qopheeffatiin duradha.
waliigalteewwan ministiricha eeran keessaa waliigaltee dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) kan bara 1951, Pirootokoolii 1967, akkasumas waliigtaltee Dhaabbata Tkkummaa Afrikaa duraanii 1969ti.
Afrikaan Kibbaa waliigalteewwan kanneen yeroo fudhattetti karaa keewwatawwan hangi tokko hojiirra itti hin oolle ykn ittiin hafuu danda'an hin mijeeffanne ture jedhan ministirichi.
Afrikaan Kibbaa waliigalteewwan kanneen keessaa akka baatuuf yaada kan dhiyeessan ministirichi, akka falmiitti kan dhiyeessan akaataa waligalteewwan kanaatti godaantota biyyattiitti kolu-galtummaa gaafataniif carraa barnootaafi mana jireenyaa dhiyeessuu dabalatee dandeettii eegumsa hawaasummaafi dinagdee kennuu akka hin qabne eeruudhaanidha.
Afrikaan Kibbaa waliigalteewwan idil-addunyaa keessaa keewatawwan hanga tokko keessaa hambisuushee yeroo mirkaeessitetti, waliigalteewwan kanneen irra deebiin akka mallatteessitu Dr. Haroon dubbataniiru.
Qajeelfama biyya nageenyisaa eegamee
Akka gabaasa Dhaabbata Biyoota Gamtoomanii tokkootti Afrikaa Kibbaa keessa kooluugaltootaafi baqattoota walumatti kuma 250 ta'antu jira. Kana malees sababa diinagdee adda addaan lammiileen hayyama qabaniifi hin qabne hedduun biyyattii jiraatu.
Akka wixinee haaraa kanaatti gidduugalli baqattootaa gara daangaa akka siiqan godhama. Kunis baqattoota sababa diinagdee qaban ykn ammoo koolugaltoota siyaasaa adda baasuufi namoota callisaanii biyyattii galanii badan adda baasuuf fayyada.
Dabalataan Afrikaan Kibbaa qajeelfama biyya nageenyisaa eegamee ('First Safe Country Principle') hojiirra ni oolchiti. Qajeelfamni kun namootni kooluugaltummaa gaafatan biyya dhaloota isaaniitii erga bahanii biyya jalqabaa nageenyisaa eegametti koolugaltummaaf akka iyyatu kan gaafatuudha.
Kana jechuun baqattootni Afrikaaa Kibbaa gahuusaanii dura biyyoota qaxxaamuranitti koolugaltummaaf hin iyyannee taanaan iyyatnisaanii Afrikaa Kibbaa fudhatama hin argatu. Osoo hin iyyatiin darbanii haalli fudhatama argachuu itti danda'an yoo sababa qubsaa dhiyeessan qofa ta'a.
Qajeelfamni kun godaantota hojii qonnaa hojjatan irratti raawwatamuu dhiisuu danda'a. Sababni ammoo dameen qonnaa biyyattii hojjeettoota biyya ormaarraa dhufaniin kan hojjetamu waan ta'eefi.
Sirna Viizaa jijjiiruu
Barbaachisummaa imaammata immigireeshiniirratti jijjiirama gochuu kan dubbatan Dr Haroon, Viizaa gosa 17 Afrikaan Kibbaa qabdu kanaan ''maraammartoo bulchiinsaa'' jechuun ibsaniiru.
Sirna Viizaa isa haaraa kanaan viizaawwan fira gaafachuufi dhaabbilef kennaman fooyyessuu ykn walitti makuun akka hin hafne eegama.
Foyya'insi inni biraan karoorfame 'viizaa jiraataa ideelee yeroo gabaabaa' kennamu Invastimentii xiqqaa waliin walqabsiisuudha. Dabalataan hayyama jireenyaa dhaabbiin argachuuf jecha gaa'ila sobaa raawwataman irratti hordoffiin akka godhamu aanga'oonni himaniiru.
Suuqiiwwan 'Ispaazaa' kan seeraan alaa
Haleellaawwan jibba ormaa( xenophobic ) hedduun Afrikaa Kibbaa keessatti raawwatan suuqiiwwan 'Ispaazaa' jedhaman kan seeraan alaa fi lammiileen biyya biraa dhuunfatan irrattidha.
Amma mootummaan suuqiiwwan kana akkuma warra kaanii seera qabeessa gochuuf to'annoo jabeessuuf jedha.
Bulchiinsa isaaniitti galmaa'uu qabu, haala galmeen baqattumaa abbaa qabeenyaa sanaa irra jirus akkasuma adda bahuu qaba.
Abbaan suuqii sun ragaa seerawaa hin qabu taanaan suuqiinsaa ni cufama. Yoo ragaa sirrii qabaatemmoo gibira ni kaffala, qajeelfamoota to'annoo fayyaa fi nageenyaas eeguu qabaata. Akka qajeelfamichaatti suuqicha keessatti bilcheessuu, jiraachuufi kadhannaa gaggeesuun dhorkamaadha.