Namtichi ogeettii fayyaa gudeeduun ajjeese balleessaan itti murtaa'e

Madda suuraa, EPA
Manni murtii Indiyaa nama dubartii Hakimii fayyaa tokko gudeedee fi gochaa ajjeechaa irratti raawwate balleessaan irratti murteesse. Taateen kunis yakka guutuu biyyattiitti dheekkamsa guddaa uume ture.
Hojjetaan tola ooltummaa hospitaalaa, Saanjaay Rooy, miidhaa bara darbe Hagayya keessa hospitaala magaalaa Kolkataa kan kutaa Lixa Beengaalii keessatti raawwatame kanaan yakkamaa ta'uunsaa mirkanaa'eera.
Taatee kun guutuu biyyattiitti damabalii naasuu uume kan ture yoo ta'u, mormii bal'aa fi nageenya hojjettoota eegumsa fayyaa Indiyaa, keessattuu dubartootaa irratti yaaddoo kaa'eera.
Abbaan murtii Anirbaan Daas, murtiin Wiixata dhufaa kan ifoomu yoo ta'u, hidhaa umurii guutuu irraa kaasee hanga adabbii du'aa akka ta'u himaniiru. Rooy waakkachuudhaan beekaa maqaan akka balleefamaa jiru waakkataa ture.
Haatii miidhamtu oduu AFPtti akka himaniitti, yoo Rooy'tti duutii murtaa'u baatee ummanni sirna biyyattiitti abdii kutata jedhan.
Reeffii hakiimii waggaa 31 kan sababii seeraatiif jecha maqaan hin dhahamnee, Adooleessa 9, 2024 Koolleejii Fayyaa fi hospitaalaa Kolkaataa bulchiinsa namoonni itti baayyatan keessaa argame.
Isheenis erga dabaree hojii sa'aatii 36 hojjachaa turteen booda galma seeminaara hospitaalichaa keessa rafuu deemte. Reeffii wallakkaansaa qullaa fi garmalee miidhaan irratti raawwatame booda koollijichaan waltajjiitti dhihoodhaa argame.

Madda suuraa, Wikimedia Commons
Qorannoon reeffarratti taasifame akka mul'iseetti, miidhamtuun waan ofirraa ittisuuf yaalaa turteef ukkaamsamuu fi miidhaan irra gahu mirkanneesseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka waraqaa himannaa Biiroo Qorannoo Giddugaleessaa (CBI)n dhiheessee fi BBC'n argeetti, Rooy machaa'ee gara hospitaalaa wayita deemeetti doktorri dubaraa tun kophaashee ciiftee argate.
Innis yakka sanaan guyyaa tokkoon booda to'annoo jala oolfame.
Dhimmi kun jalqaba poolisii Kolkataatiin qoratamaa kan ture yoo ta'u, boodarra garuu qondaaltonni kutaa biyyattii qorannicha haala hin malleen qabachuun erga himatamaniin booda manni murtichaa qorannoo kana Biiroo Qorannoo Gudduugaleessaa (CBI)f dabarsee kenne.
Taatee kanaan torbanoota hedduun booda ammoo Indiyaatti hakiimonnii fi barattoonni wallaansa fayyaa, hakiimotaaf haqaa fi nageenya fooyya'aa gaafachuun mormii fi hiriira gaggeessaa turan.
Mormii akkasii keessaa, hiriirri dhaaddannoo "Reclaim the Night" jedhu, Hagayya 14, jala bultii guyyaa walabummaa Indiyaatti, Kolkataa fi magaalota biroo keessatti dubartoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman halkan daandiirratti bahuun mormii dhageessisan tokkoodha.
Muddee keessa warri miidhamtuu tanaa qorannoo CBI irratti amantaa dhabuu ibsuudhaan, qorannoon haaraan akka gaggeeffamuuf Mana Murtii Ol'aanaa Kaalkutaatti iyyatan.
Rooy qofti yakka kana raawwachuu hin danda'u ture jechuun falmuun, namoonni dhimmicha keessa jiran hundi seeratti yeroo dhiyaatan qofa akka quufan ibsaniiru.
Manni murtii olaanaa ammoo iyyata kana, Manni Murtii Olaanaa, kan dhimmicha hordofaa jiru, akkas akka godhuuf yoo qajeelfama kenne qofa akka ilaalu ibseera.
Taatee kun Hinditti hookkara hojjettoota fayyaarratti raawwatamu dabalaa dhufuu isaatiin yaaddoo uumeera. Isaan keessaa hedduunsaan dhukkubsattoota aaraan ykn firoota isaaniitiin miidhaa qaamaa mudata.
Qorannoon bara 2017 Waldaan Meedikaalaa Indiyaa gaggeesse akka agarsiisutti, hakiimonni Indiyaa %75 ol jeequmsa bifa ta'e mudateera.
Akkasumas qorannooichi, hakiimonni gara %63 ta'an yeroo dhukkubsattoota yaalan jeequmsa uumamuu danda'u akka sodaatan agarsiiseera.
Walumaagalatti Indiyaa keessatti miidhaan dubbartoota irratti raawwatamu bal'aadha.
Indiyaatti bara 2022 keessatti qofaa miidhaan guddeeddii 31,000 gabaasa taasifamuu odeeffannoon Biiroo Galmeewwan Yakka Biyyaalessaa (NCRB) ni mul'isa.












