Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Morkii jabaa Siitii fi Arsenaal: Gaardiyoolaa fi Arteettaan maal jedhan?
Morkii Maanchistar Siitiifi Arsenaal akkaan eegamu dura leenjistoonni kilaboota lamaanii yaada kennaniiru.
Pirimeer Liigicha kan dursaa jiru Arsenaal gara Itihaad imaluun qabxii tokko qofaan duubatti kan hafe Maanchistar Siitii morkata.
Waggoota 10 keessa yeroo jalqabaafi taphoota 28 booda kilabootni sadarkaa tokko hanga sadii jiran qabxin tokko qofaan kan wal caalan.
‘’Kilaboota lamaaniifuu tapha guddaadha,’’ jedheera leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteetaan.
‘’Yoo mo’anne humna guddaa nuuf ta’a garuu isa boodas taphoonni biroo jiru.’’
Yeroo afraffaaf walitti aansee waancaa liigichaa kaasuuf kan falmaa jiru Siitiin taphoota liigichaa 13 darbe Arsenaal waliin taphate keessaa 12 mo’ateera.
Takkittii kan mo’ame bara dorgommii baranaa Emireetitti isa 1fi 0’n mo’ame qofadha.
‘’Waancaa Pirimeer Liigichaa ol kaasuuf taphoota hunda mo’achuu qabdan jedha,’’ jedhu leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaa.
‘’Arsenaaliifi Liivarpuul waan qabxii gatuuf deeman natti hin hin fakkaatu. Muuxannoon Liivarpuul qabu, Arsenaal walitti aansee mo’uun isaa, baay’ee galchuun isaa….
‘’Sababa kanatti [Dilbatni] tapha xumuraati. Tapha xumuraa taphanna,’’ jedhan.
Maan Siitiin waggaa darbe bara dorgommii tokko waancaa sadii ol kaase. Baranas walitti aansee sadeeffachuuf yaada qaba.
Waancaa Chaampiyees Liigiirratti tapha hirboo maayii Riyaal Maadirid waliin taphata, walakkaa maayii Waancaa FA immoo Chelsii waliin qaba.
Leenjisaan Arsenaal Arteettaan Siitiin waan kana dura hin turre kubbaa miilaa keessa fidaniiru jedhanii jajan.
‘’Isin saffisa sana itti fufaa, nutis kanuma dalaguuf yaalaa jirra,’’ jedhan.
‘’Waggoota lamaan sadan darban [sadarkaa sanatti] dhihaachaa jirra. Garaagartee jiru dhiphisnee isaan caaluu qabna.
‘’Namuu akka fakkeenyaatti isaan ilaalu gochuu danda’aniiru. Kunis sadarkaa keenya guddiseera, akka isaanii taanee isaan mo’achuuf fedhii keenya guddiseera.’’
Maan Siitiin ittistoota Ingilaand Joon Istoons fi Kaayil Waaker malee Arsenaal morkata. Sababi isaas kunneen taphoota idil-addunyaarratti waan miidhamaniifi.
Haa ta’u malee, Kevin de Biruuna ni deebi’a jedhameera.
Taphataan kuni tapha Waancaa FA Siitiin Niwkaasil mo’ateerratti akkasumas fi tapha michummaa Beljiyeem Ingilaandiifi Ayirlaand waliin taphateerrratti hin taphanne.
Miidhamni Kaayil, Johoon Istoonirra jabaata kan jedhan Gaardiyoolaan, tapha meeqaaf dirreerraa akka fagaachuu danda’u garuu akka hin beekne himan.
Gama kaaniin Arteettaan Bukaayoo Saakaa, Gabreel Maartineeliifi Gaabri’el tapha Dilbataaf carraan ga’umsattti deebi’u isaanii ni jira jedhan.
Maanchistar Siitiin taphoota 38 dorgommii garagaraarratti dirree ofirratti taphate keessaa tokkoyyuu hin mo’amne.
‘’Barri dorgommii baranaa baay’ee gaariidha,’’ jedhan Gaardiyoolaan.
‘’Waancaawwan sadiif dorgomuuf hojii jabaa hojjenne. Amma taphoota Pirimeer Liigichaa xumuraa 10 irra genyeerra.
‘’Pirimeer Liigicha kan dursan waliin taphanna. Ga’umsa gaariin akka taphannu [deeggartoonni] Siitii waan barbaannu nuuf kennu jedheen abdadha,’’ jechuun dubbataniiru.
Tilmaamni Opta’tiin taasifame Siitiin yeroo ammaa sadarkaa sadaffaarrattis argamu waancicha ol kaasuuf tilmaamni kennamuuf agarsiisa.