Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Siitiifi Arsenaal waancaan garam akka qajeelu akeeku eenyutu injifata?
Taphoonni Pirimeer Liigii Ingilizii boqonnaa booda yoo deebi'u taphoota eegaman keessaa inni ijoon Maanchistar Siitiin kan Arsenaal waliin taphatudha.
Taphni kuni ''abbaa waancaa fudhatu adda baasuu danda’a'' jedhameera.
Taphoonni liigichaa bara dorgommii 2023/24 xumuramuuf taphoota kudhan qofat hafa.
Gareewwan tokko hanga sadii jiran garaagarteen qabxii gidduu isaanii jiru tokko qofadha.
Dilbatammoo liigicha kan dursaa jiru Arsenaal shaampiyoonaa bara darbe Siitii waliin walitti dhufa.
Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Sutan taphni kuni waancaan garam akka qajeelu akeekuu danda’a jedha.
Niwkaasil fi Westihaam
Bara dorgommii kana wanti tokkochi Niwkaasil isa hafe liigicha keessa sadarkaa fooyyee qabu qabatanii xumuruudha.
Waancaa FA keessaa kan ari’aman jarri Niwkaasil tapha kanarraa qabxii argachuu yoo fedhan ittisa isaanii cimsuun gara dirree seenuu qabu.
Deevid Moyeesis taanaan qeeqa deeggartoota kilabichaa kan laaffisan tapha akkanaarraa qabxii argachuuni.
Tapha kanarraa qabxii guutuu argachuun gareewwan lamaaniifuu salphaa hin ta’u.
Haa ta’u malee, kan dirree isaaniirratti taphatan gargaarsa deeggartoota isaaniin mo’achuu malu.
Tilmaama: Niwkaasil 2 - 1 Westihaam
Bornimaz fi Evartan
Gareen Shondaayish erga injifatee tureera. Rakkoon isaanii tokko carraa argatanitti fayyadamuu dhabuudha.
Borniwaz si’achi soda godina balawaatti bu’uu qaba jedhee hin yaadu.
Tapha jalqabaarrati Bornimaz Guudisan Paarkirratti mo’amus, dirree isaaniirratti Evartaniif harka kenna jedhee hinyaadu.
Tilmaama: Bornimaw 1 – 1 Evartan
Chelsii fi Barnileey
Erga yeroo dhihootii gareen Pochetinoo ga’umsa gaarii agarsiisaa jira.
Waancaa FA’dhaan walakkaa maayiirratti kan taphatan ta’uun isaanii tarii liigiicharratti ga’umsa gaarii agarsiisaa waan hin jirreef ittiin kiisamuu malu.
Tapha kanarraa Barnileen homaa hin argatu. Barnileen tasa Chelsii dandamachuu hin danda’u.
Tilmaama: Chelsii 2 - 0 Barnileey
Notingihaam fi Paalaas
Notingihaam Foorast tapha darbeerratti Luutan injifachuu qabu turani.
Tapha sanarratti qabxiin dhaban wal’aansoo gadi akka hin buune taasisan irratti garaagartee uumuu danda’a.
Erga qabxiin isaanii jalaa kutamee booda yeroo duraaf dirree isaaniirratti kan taphatan taphattoota Foorastirraa maal eeguu akkan qabu hinbeeku.
Haaluma walfakkaataan dhihoo ga’umsa gaarirra hin jiran. Tapha Luutan waliin qabanirratti qabxii guutuu walitti qabuu osoo qabanii qixa bahaniiru.
Wanti mirkanaan dubbachuu danda’u Paalaas caalaa tapha kana mo’achuuf morkii cimaa kan taasisan taphattoota Forastidha.
Tilmaama: Forast 1 - 0 Paalaas
Sheefild fi Fulihaam
Tapha darbeerratti Fulihaam osoo hin eegamiin Totanihaamitti ittiin taphateera.
Gareen Maarko Silvaa ga’umsa isaa fooyyeffataa jira. Sheefild harka kennuu dhabuuf baay’ee carraaqu, carraaqiin isaanii garuu gahaa miti.
Tilmaama: Sheefild 0 - 2 Fulihaam
Totanihaam fi Luutan
Kilabiin Kaaba Landan erga Fulihaamin mo‘amee booda taphatti deebi’a. Kilaboota tapha isaanii daawwachuun na gammachiisu keessaa tokko Luutanidha.
Totanihaamiin mo’amuu dhabuuf carraaqqii baay’ee akka taasisan nan eega.
Galchis ni galchu jedheen tilmaama. Garuu mo’ichi kan Totanihaamidha.
Tilmaama: Totanihaam 4 - 1 Luutan
Aston Viilaa fi Wolvis
Wolvis haala ajaa’ibaa taen Kovaantariin mo’amanii Waancaa FA’n ala ta’anis Pirimeer Liigicharratti morkii gaarii taasisaa akka jiran nan tilmaama.
Miidhaan taphattoota kilabichaa qunname garuu rakkoo ta'uu danda’a.
Tapha kana dura Viilaan dirree isaaniirratti taasisaniin Totanihaamiin mo’amanis deeggartoota isaanii fuulduratti ni mo'amu jedhee hin eegu.
Tilmaama: Viilaa 2 - 1 Woolvis
Bireentiford fi Maan Yunaayitid
Kana tilmaamuun rakkisaa ta’u danda’a. Bara dorgommii darbe taphni kuni injifannoo Birentifordii 4fi 0’n xumurame.
Yeroo ammaa ga’umsa duriirra kan hin jirre taphattoonni Bireentiford kana irra deebi’u hin danda’an. Garuu qabxii qooddachuu ni danda’u.
Taphni kuni Erik Ten Haag qoruu akka danda’u nan tilmaama.
Tilmaama : Bireentiford 2 - 2 Yunaayitid
Livarpuul fi Biraayitan
Kiloop Livarpuul yeroo gadhiisan leenjisaan Biraayitan kilabicha leenjisuu malu oduun jedhu jira.
Kunis ta’u taphattoonni Biraayitan wanta Anfild irratti milkeessuun cimu yaaluun isaanii hin oolu.
Wanti yaadachuu qabnu tokko Biraayitan Anfiild irratti erga mo’amee bubbuleera. Yero xumuraaf bara 2019 mo’aman.
Haa ta’u malee, ga’umsi yeroo ammaa Liivarpuul irra jiru cimaa waan ta’ef tapha kana mo’achuu akka danda’an nan tilmaama.
Tilmaama: Liivarpuul 3 - 1 Biraayitan
Maanchistar Siitii fi Arsenaal
Bara dorgommii baranaa tapha marsaa duraan Arsenaal daqiiqaa xumuraarratti galchii galchee Emireetis irratti Siitiitin injifatee ture.
Tapha kanaan gooliin baay’ee akka hin lakkaa’amne nan tilmaama.
Tapha kana kan injifatu garee kubbaa baay’ee to’atu osoo hin taane garee tasa carraa argate fayyadamudha.
Waa’ee Siitii yeroon yaadu wanta dhihoo agarsiisaa jiraniin shakkiin na keessa buleera. Akkaataan kubbaa itti taphatan akka kana duraa miti.
Bara dorgommii baranaa gareewwan gabatee Pirimeer Liigichaan sadarkaa hanga shanaffaa jiran waliin taphatee hanga yoonaa hin injifanne.
Gama kaaniin Arsenaal liigicha dursaa jira. Garee baay’ee galchee xinnoo itti galedha. Taphoota liigichaa saddeet darbanis mo’achuu danda’aniiru.
Tapha kana garuu mo’achuun isaaniif hin salphatu.
Siitiin mo’ame jechuun taphoonni liigiichaa sagal osoo hafuu garaagarteen Arsenaal waliin qabu afur ta’a jechuudha.
Kuni akka ta’u Gaardiyoolaan tasa hin eeyyamu.
Tilmaama : Siitii 1 - 0 Arsenaal