Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan garee biyyaalessaa Itoophiyaa abdii egereeti jedhame tasa du’e
Bakka guddaa gaha jedhamee hedduu abdatamaa kan ture taphataan garee kubbaa miilaa garee biyyaalessaa Itoophiyaa Aalleliny Azzanaa tasa du’aan boqote.
BBCn hiriyoota taphataa kanaa irraa akka mirkaneeffachuu danda’etti, Aalleliny Bitootessa 26, 2024 addunyaa kanarraa du’aan kan boqote.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa fuula Feesbuukii isaarratti ibsa gaddaa baaseen du’a tasaa taphataa kanaan gadda itti dhaga’ame ibseera.
Magaalaa Arbaa Minci bakka addaa Limaat Safar jedhamuun beekamutti dhalatee kan guddate Aalleliny Azzanaa, taphataa Piriimer Liigii Itoophiyaa abdii garee biyyaalessaa ta’e ture.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa taphataan kun sababa maaliin tasa akka du’e waan jedhe hin qabu.
''Aalleliny Azzanaa irra deddeebiin garee biyyaalessaa keenyaaf filatamee tajaajila kennaa kan jiruufi yeroo ammaa kanas taphattoota gahumsa gaarii agarsiisaa jiran keessaa taphataa eeramu ture,'' jedha ibsi Federeeshinichaa.
Taphataan garee biyyaalessaa Itoophiyaa kun bakka guddaa gaha jedhamee hedduu abdatamaa ture.
Kilabiin kubbaa miilaa magaalaa Baahir Daar akka ibsetti Aallelliny Azzanaa sababa miidhamaatiin garee isaarraa adda bahee boqonnaatiif gara Aarbaa Minci deeme.
Dursaan garee magaalaa Baahir Daar Henook Habtee aanga’oonni kilabichaafi taphattoonni tasa du’uu Aalleliny gadduu isaanii BBCtti himeera.
''Sababa miidhamaatiin boqonnaa waan isa barbaachisuuf gara Aarbaa Minci deeme. Wixata (Bitootessa 25, 2024) Finfinnee dhufee wallaansa argatee deebiye. Isaan booda halkan nuuf bilbilameeti du’a isaa kan hubanne,'' jedha.
Dursaan garee kun itti-dabaluun, taphattoonniifi aanga’oonni Baahir Daar du’a taphataa kanaan naasuu guddaa keessa jiraachuu BBCtti himeera.
Waldaan Aksiyoonaa Piriimer Piigii Itoophiyaa, kilabiin kubbaa miilaa magaalaa Aarbaa Minci, Ministeerri Aadaafi Ispoortiifi kanneen biroo du’a taphataa kanaan gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.
Deeggartoonni kubbaa miilaa dandeettii Aalleliny dinqisiifatan baayyeenis miidiyaa hawaasaa isaaniirratti duuti taphataa kanaa kubbaa miilaa biyyatiidhaaf gahee bahachuu danda’u dhabsiise jechuun gaddasaanii ibsachaa jiru.
Aalleliny eenyudha?
Aarbaa Mincitti dhalatee kan guddate Aalleliny Azzanaa waggoota lamaan darbaniif magaalaa Baahir Daariif taphateera.
Taphataa sarara ittisaa gara gidduu kan ta’e Aalleliny, magaalaa Baahir Daar dura magaalaa Hawaasaafi Maqalee 70 Indartaaf taphateera.
Dhiyeenya akkaataa amantaa Ortodoksiitiin gaa’ela kan dhaabbate Aalleliny, Itoophiyaa keessaa bahee kubbaa miilaa taphachuu akka barbaadu fedhii akka qabu dubbacha ature.
Nammni hiriyyaa dhiyoo taphata akanaa ta’e Aalleliny maatii isaatiif, ''humnaa ol nama quuqamu, kana godheera jedhee kan gaheera hin jenne ture,'' jechuun BBCtti dubbate.
''Hawwii guddaa qaba ture. Torban tokko dura [gaa’ela waan godhateef] baga gammadde jechuuf bilbileefiin ture. Miidhamasaarraa dandamatee Dirreee Dawwaatti akka wal arginu waliin dubbannee ture. Nama deeggartoonni garichaa jaallatan ture.''
Dursaan garee magaalaa baahir Daar Henook akkuma kana, ''Aalleliny nama amala gaarii qabu, nama bataskaanaati,'' jedhe.
Henook itti-dabaluun, kilabichaafis ta’e biyyaaf taphataa kubbaa miilaa baayyee abdatamu akka ture dubbata.
Komentaatara Piriimer Liigii Itoophiyaa ta’uun kan tajaajile Giilbelt Seeleebiwaal tasa du’uu taphataa kanaan gadda itti dhaga’ame BBCf ibseera.
''Ani komentaatara ta’ee yeroon hojjedhetti gooliiwwan inni galche sadan hin dagadhu. Baayyee gaddeera,'' jedhe Giilbart.
Sirna awwaalcha Aalleliny Azzanaa har’a Roobii 27, 2024 magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeeffame.