Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni-murtii Naajeeriyaa tujaara Chaayinaa jaalalleesaa ajjeesetti adabbii du'aa mure
Manni-murtii Naajeeriyaa abbaan qabeenyaa lammii Chaayinaa ta'e hiriyaasaa ajjeesuu erga mirkaneessee booda du'aan akka adabamu murteesse.
Firaank Geeng Kuwaaroong jaalallee isaa lammii Naayijeeriyaa taate- Ummu Kulthum Saanii kan ajjeese bara 2022 ture.
Lammiin Chaayinaa kun jaalalleesaa kana bakka hedduu waraanee akkuma ajjeeseen kutaa keessatti yakka kana raawwate keessatti qabameera.
Ajjeechaan barattuu yuniversitii umriinshee waggaa 22 kun wayita dhagahamu lammiilee Naayijeeriyaa akkaan rifaasise.
Dhimmi kun qaama seeraan xiyyeeffannaadhaan hordofamaa ture.
Naayijeeriyaa keessatti adabbiin du'aa hagas mara hin baratamne. Kuwaarong murtee darbe kanaaf ol iyyannoo dhiheeffachuuf guyyaa 90 qaba.
Obboleessi dubartii ajjeefamtee, Saadiq Saanii maatii bakka bu'uun wayita dubbatu, lammii Chaayinaa balleessaa raawwachuunsaa mirkanaa'e kana fannisuun du'aan adabuuf murteessuun haqa qabeessa jedhe.
Obboleessi miidhamtuu kanaa akka jedhutti namni kamuu yoo lubbuu balleesse innis ajjeefamuu qaba.
''Waaqa guyyaa kana nu agarsiise ni galateeffanna. Lubbuun obboleetii kiyyaa nagaan akka boqotu nan kadhadha,'' jechuun BBCtti dubbate.
Barattuu gosa barnootaa qonnaa kan turte Ummuu Kulthum Saanii gara laafettii fi taphattuu akka turte maatiin ni himu.
Lammiin Chaayinaa umrii waggaa 49 Kuwaarong fi Ummuu Kulthum Saanii bara 2020 irraa eegalanii jaalalaan waliin turan.
Tujaarri Chaayinaa kun Naayijeeriyaa keessatti warshaa huccuu qaba.
Fulbaana 2022 erga ajjeechaa kana raawwatee booda haala ture fira maatii intalaa kan ta'e Ahmad Abdullaahii ni yaadata.
Gara maatii ishee wayitan dhufu, ''namoonni hedduun alatti wal ga'aniin arge,'' jedha.
''Yogguu sana taatee badaan akka mudaten hubadhe. Geeng jaalalleeshee ture. Guyyaa sana dura maatii ishee waliin hariiroo gaarii qabu turan.''
''Ajjeechaa sana dura waldhibdeen gidduusaanii tureera. Isheen hiriyummaasaanii kanarraa gammachuu hin qabdu turte. Inni ammoo ishee dhiisuu hin barbaadu,'' jedha Ahmad Abdullaahii.
Ollaan maatii kanaa akka jedhanitti Geeng Kuwaarong guyyaa ajjeechaa raawwate sana mooraa maatii jaalalleesaa humnaan rurrukutaa ture.
Haati Ummu Kulthum Saanii wayita balbala banan isaan darbatee bira darbuun kutaa jaalalleesaa seenee keessaa balbala cufe.
Maatiin iyya dhagahanii wayita balbala cabsanii seenan bakka hedduu waraanamteetti, isaanis ishee oolchuu hin dandeenye.
Erga gara hospitaalaa geessanii booda lubbuunshee darbe.
Naayijeeriyaan yeroo ammaa murteewwan du'aa 3400 murteessitee jirti, garuu kan raawwachiiste akkaan muraasa.
Yeroo dhumaaf murtee du'aa kan raawwatte bara 2012 ture.