Karra eegaan AC Miilaan arrabsoo sanyummaa irra gaheen tapha gidduutti dirree dhiisee bahe

"Jalqaba sagalee jaldeessaan deeggartoota keessaa dhaga'e," jedha Maayik Maayinyaan.

Seeriyaa A Xaaliyaan keessatti tapha Ac Miilaan Yudiniizii waliin taasisan irratti arrabsoo karra eegaa AC Miilaan gaheen taphni daqiiqaa muraasaaf addaan cite.

Karra eegaan AC Miilaan, Maayik Maayinyaan, tapha Yudiniizii waliin taasisanirratti sanyummaa kootiin arrabsameera jedhe.

Karra eegaan kun boqonnaan booda taphatti yeroo deebiyu sanyummaa isaatiif arrabsamaa akka jiru 'daanyaatti' himee dirree gadhiisee yeroo ba'utti hiriyyoonni isaa gareesaa keessa jiran isa waliin ba'aniiru.

Kun kan ta'e, taphataan sarara gidduu AC Miilaan Ruuban Looftes Chiik goolii lakkoofsisee daqiiqaa muraasaan booda ture.

Taphichi addaan citee daqiiqaa 10f erga tureen boodadha deebiyee jalqabame.

"Kubbaa miilaa akka kanatti taphataa itti fufuu hin dandeenyu. Kun yeroo mudatu kan jalqabaa miti," jechuun Iskaay Ispoort Itaaliyaaf yaada kenneera Maayik Maayinyaan.

Karra eegaan lammii Faransaay ta'e Maayik, "Adabbiin cimaan jiraachuu qaba. Sababiin isaas odeessuun keenya qofaan faayidaa akka hin qabne argaa jirra," jedheera.

Maayin Maayinyaan, "akkuma taphni jalqabeen sagalee jaldeessaan deeggartoota keessaa dhagahe, haata'u malee, waayyu hin jenne," jechuun haala ture dubbata.

"Yeroo lammaffaatiif gara kubbaatti yeroon dhiyaadhutti sagalee kana irra deebiinan dhagahe. Yeroo kanatti ture 'daanyaa' afraffaa [erbe raastuu] fi hiriyyoota koo gareekoo ta'anitti haala ture kanan beeksise."

Karra eegaan kun itti dabaluun, "Baayyee haareen ture. Taphachuu hin barbaadun ture. Haata'u malee kun maatiidha. Maatii dhiisee deemuus hin barbaadne," jedhe.

AC Miilaan fuula X, kan duraan Tiwiitara, jedhamuun beekamurratti ergaa dabarseen, "sanyummaan kubbaa miilaa keessatti bakka hin qabu. Baayyee gaddineerra. Maayik, nuti si waliin jirra," jedheera.

Liigiicha [Seerii A Xaaliyaan] dursaa kan jiru Inter Miilaan ammoo, "nuti obboloota addunyaa kanaati.Loogii gosa kamiyyu ni mormina. Si waliin jirra," ergaa jedhu dabarsaniiru.

Taphichaan booda taphattoonni duraaniif ammaa baayyeen fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti taatee mudate kana abaaraniiru.

Taphataan sarara duraa (jifataan) duraanii Arsenaaliifi Ingiliiz Iyaan Raayit arrabsoo sanyummaa karra eegaa lammii Faransaay kanarra gahe warra abaaran keessaati.

Seerii A'nis akkuma kana "sanyummaa gosa kamiyyu ni mormina," jedheera.

Karra eergaan Faransaafi AC Miilaan umuriin isaa waggaa 28 ta'ekun, "deeggartoota hunda ta'uu baatanis, namoonni gocha kana raawwatan sirriitti itti himamuu qaba," jedheera.

AC Miilaan taphichi erga jalqabamee booda goolii lama itti galeen durfamus boodarra garuu mo'atee ba'uu danda'eera.

Jijjiiramee kan galee Luukaa Joovich fi Nowah Okaafoor gooliiwwan lakkoofsisaniin taphicha 3-2n mo'ateera.

A Miilaan Seerii A Xaaliyaan dursaa kan jiru Inter Miilaan irraa qabxii ja'aan caalamee sadarkaa sadaffaarra kan jiru yoo ta'u, lamaffaarra kan jiru Juuventuusiifi Inter Miilaan tapha isaan hafu tokko qabu.