Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan Maanchester Yunayitaid Raashfoord miidiyaa hawaasaarratti arrabsoon sanyummaa itti cimuu himate
Taphataan kilaba Maanchester Yunaayitid Maarkus Raashfoord miidiyaa hawaasaarratti arrabsoon sanymmaa irratti hundaa'e itti hammachuu dubbate.
Raashfoord arrabsoon sanyummaa hedduun Sambata galgala erga isa qaqqabee booda dubbiin "Namoomaafi miidiyaa hawaasaa" sadarkaa hamaarra gaheera jechuun hangam akka arrabsoo kanaan miidhame ibseera.
Taphataan umurii ganna 22 kun sababa nyaata dhabuun beela daa'imman irra gahu irratt ihojjechuu isaatiif badhaasa MBE badhaafamee ture. Haata'u malee, sababa ergaawwan arrabsoo hedduun Samabta darbe karaa Instagram isa qaqqabeen hamileen isaa miidhamteetti.
Ergaawwan arrabsoo kun kan Raashfoorditti ergaman erga tapha Sambataa Arsenaal waliin gareen isaa xabateen qabxii malee 0-0 ba'uu isaatiin boodadha.
"Ani nama gur'aachadha. Jireenyakoo guyyaa guyyaa keessattis eenyummaakootti booneen jiraadha," jechuun barreesse tiwiitara isaarratti.
"Namni tokkollee ykn yaadni tokkollee, akka wanti addaa natti dhaga'amu ana hin taasisu. Akka ani haariin deebii kennuuf eegdu taanaan dhuufama, salphaatti kana ana biraa hin argattan.
"Ani iskiriinshootiillee hin qoodu. Kana gochuun itti-gaafatamumma dagachuudha; ergaawwaan garakoo dhufan hundi isaaaniis kan gatii hin qabnedha.
"Ani ijoollee babbareedduu bifa hundaa keessaa ta'an ana hordofan nan qaba waan ta'eef isaan dubbisuu hin qabaniifan [of eeggannoo taaisaa]. Bifawwan mimmiidhagoo jajamuu qabanidha."
Waa'ee tapha Sambata irratti yeroo dubbatutti taphataan Arsenaal I'aan Raayit aanga'oonniifi kampaaniiwwan miidiyaa hawaasaa warroota nama arrabsan kana adda baasuudhaaf caalaa hojjechuu qabu jedhe.
"Yoo taphataan gur'aachi tokko sirriitti taphachuu dadhabe - ykn wantota akka imoojiifi wanta biroo hundaa kan duulan fakkaata. Karaan ittiin isaan qabuun danda'amu ni jiru. Sirriitti xiyyeeffatanii to'achaa hin jiran (aanga'oonniifi kampaaniiwwan miidiyaa hawaasaa).
"Kun wanta isaan harka walqabatanii hojjechuu qaban (aanga'oonniifi kampaaniiwwan miidiyaa hawaasaa jechuu)."
Taphataan duraanii sarara gidduuTootenhaam, Niiwuukasiliifi Ingilaand Jermeeyin Jenaas akka jedh: "AnimMiidiyaaleen hawaasaa kun namoota kana akka natti agarsiisun fedha; ykn seeratti isaan dhiyeessuudhaaf waanan danda'u hunda gochaan jira kan jedhu isaanirraa dhaga'uun barbaada.
Hanga ammaa maaliif akka jilbeeffannee (yaadannoo jooji Filooyid) taasisnu gaafataniif, kun gaaffii deebii barbaadudha."
Waldaan Kubbaa Miilaa ammoo Sambata ganama loogii bifa kamiirrattiyyu tarkaanfii fudhachuuf irra deebiin dubbatee ture.
"Miidhaa sanyiirratti hundaa'e jibbisiisaa kana keessatti hawaasa kubbaa miilaa hunda waliin tokkoomneerra," jedhe Waldaan Kubbaa Miilaa ergaa dabarseen.
"Kun hawaasa kam keessattiyyu fudhatama hin qabu."
"Tapha hafe irratti, mootummaafi kampaaniiwwan miidiyaalee hawaasaa waliin taanee hojjechuudaan ergaawwan gochawwan loogii akkasii baballisan hunda ispoortii keenya keessaa balleessuudhaaf hojii keenya itti fufna."