Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leeenjisaan Yunaayitiid warreen maqaa sobaan galmaa'an qeeqan
Taphataan sarara fuulduraa Inglaand fi Maanchistar Yunaayitid, Raashifoord kaleessa tapha Kiristaal Paalaas waliin taphatan irratti peenaalitii galchuu dhabuu isaan arrabsoo sanyummaaf saaxilame.
Kanneen miidiyaa hawaasummaarratti arrabsoo sanyummaan taphattoota qeeqan kanneen maqaa sobaan akkaawuntii qabanii jedhan Leenjisaan Yunaayitiid Soolshaayer.
Torbee darbes haaluma kana fakkaatuun Poogbaan arrabsoof saaxilamee ture.
Gareen farra sanyummaa Kick It Out jedhamu, tarkaanfii murteeessaa fudhachuutu barbaachisa jedheera.
Tapha kaleessaa Yunaaytiid Kiristaal Paalaas waliin taphateen 2-1 injifatameera.
Tiwiitar gochoota akka kanaa ittisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jira.
Torbee darbe Poogbaan arrabsamuu sababeeffachuun hiriyoonni isaa hedduun gocha kana kan balaaleffatan yoo ta'u, leenjisaan garee dubartootaa Inglaand Fiil Neevil taphattootni miidiyaa hawaasummaa akka lagatan gaafateera.
Taamii Abrahaamiifi Yaakuu Miiyitees taphattoota torbee kana arrabsaman keessa jiru.
Soolshaayeer ''aangawoonni waan tokko gochuu qabu, wanti kun dhaabachuu qaba'' jedhan.