Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ronaaldoo Vieira: Taphataan Saampidooriyaa deeggartoota Roomaan qoccollaan sanyummaa irra gahe
Deeggartoonni kilaba Roomaa taphataa lammii Ingiliiz fi kilaba Saampidooriyaa Ronaaldoo Viyeeraa irratti iyya jaldeessaa dhageessisan.
Gochi kun kan tahe tapha Saampidooriyaa fi Roomaa gidduutti isataadiyeema Luigi Ferraris'tti taphatame gubbaatti. Taphichis galchii malee 0-0 goolabameera.
Deeggartoonni Roomaa akka qamalee sagalee baasaa wayita turan dhagahameera. Roomaanis boodarra Twitter gubbaa dhiifama gaafateera.
''Dhagaheera, garuu waa'ee kanaa haasa'uu hin barbaadu,'' jechuun Viyeeraan Italian TVtti himeera.
''Wanti akkasii yeroo mara mudata. Kun garuu tahuu hinqabu.''
Taphataan kun biyya Giinii-Bisaawu'tti dhalatee, umrii ijoollummaatti gara Ingiliiz dhufe. 2018ttis kilaba Liids irraa gara Saampidooriyaa makame.
Taateen kun waqtii taphaa liigii Xaaliyaan -Serie A baranaa keessatti isa dhiyooti.
Deeggartoonni Atalanta ittisaa Fiyoorentinaa Daalbert irratti qoccollaa sanyummaa geessisnaan, taphni yeroo muraasaaf addaan citee ture.
Kilabni Roomaa ammoo deeggaraa isaanii miidiyaa hawaasummaa gubbaatti arrabsoo sanyummaa Juan Jesus'tti ergaa ture, umurii guutuuf deeggartummaa isaa haqaniiru.
Torbee dabre keessas gulaallii Waancaa Awurooppaa 2020'f taphni Ingilaand fi Bulgaariyaan taasisan, amala deeggartoonni agarsiisaniin si'a lama addaan citeera.
Tapha Bulgaariyaatti taasifame irratti deeggartoonni mallattoo warri Naazii harka fuudhan agarsiisuufi sagalee jaldeechaa dhageessisuu ture.
Taphoota Pirimeer Liigii Ingiliiz dhuma torbee keessas ergaawwan ''NO ROOM FOR RACISM''- ''SANYUMMAAF BAKKA HINQABNU'' jedhu irra deddeebiin mullataa turan.
Tapha Leicester City fi Burnley gidduutti istaadiyeema King Power'tti taphatame gubbaatti kubbaan taphaaf oolan ergaa kanaan baataniiru.