Bakka albuuda seeraan alaatti quunnamtii saalaatiin warqee geeddarachuu

Daayaane Leyite quunnamtii saalaan maallaqa argattee ittiin jiraachuu gonkumaa yaaddee hin beektu turte.
Garuu umurii ishee waggaa 17tti abbaan warraashee dhukkuba onneetiin waan du'eef sirna awwaalcha isaatiif kaffaluu hin dandeenye.
Magaalaan dhalootashee, Biraazil, kaaba bulchiinsa Paaraa keessatti kan argamtu Itaayitubaan, wiirtuu daldala warqee seeraan alaa biyyattii waan taateef, hiriyyaan ishee tokko yaada maallaqa kana argachuudhaaf fageenya Amaazoon keessatti namoota albuuda baasan waliin qunnamtii saalaa raawwachuun jedhu dhiheesse.
"Gara albuudaa sana deemuun waa argachuuf jireenya ofii balaaf saaxiluudha," jetti.
''Dubartoonni achitti akka malee salphataniiru. Fuula isaanii kabalamuu fi itti iyyamuu danda'ama.
''Kutaa ciisichaakoo keessa osoo ciisaa jiruu namni tokko foddaa irraan utaalee seenuun qawwee mataa kootti kiyyeesse. Yoo kaffalan immoo dubartii sana dhuunfachuu barbaadu."
Daayaaneen qarshii sirna awwaalcha abbaa warraasheetiif barbaachisu walitti qabatte.
Umuriishee waggaa 18ttis mucaashee jalqabaa deesse.
Waggoota 16 darbaniif akkuma dubartoota Itaayitubaa hedduu kaaniitti yeroo yeroon gara lafa albuudni itti bahuu sanatti deebitee,hojjattoota albuudaatiif akka qopheessituu nyaataa, kan dhiqxu, hojjattuu mana dhugaatii fi hojjettuu qunnamtii saalaa taatee hojjechaa turte.
Ammas maatii namoota torba qabu kan deggertu qabdi.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Dubartoonni magaalattii keessa jiran hundi kana hojjetu jechuu miti, garuu baayyeen saanii hojii qunnamtii saalaa hojjetu. Kanaafuu akkuma hojii idileetti. Dhuguma dhimma hin qabnu," jetti Naataaliyaa Kaavaalkaanteen, kan umurii waggaa 24tti qubsuma albuudaa fagoo jiru keessatti hojjettuu qunnamtii saalaa taate.
Waggaa afur booda, erga abbaa qabeenyaa mana dhugaatiitti heerumtee booda, giiftii mana bunaa taate. Dhiheenya kana garuu ijiilleen obboleettii ishee magaalattii keessa jiran kunuunsuuf hojii kana dhaabde.
Jireenyi gandoota albuuda bosona roobaa keessa jiran baayyee hamaadha. Irra caalaan isaanii daandii xurii, mana dhugaatii fi bataskaana qofa of keessaa qaba.
Haata'u malee albuuda baastonni ofiisaaniitiin godoo mukaa fi baalaan hojjetame keessa ala jiraatu. Bofaafi qeerransaan marfamnii fi yoo jenereetari dhaamuun booda dukkana guutuu keessa jiraatu.
Dubartoonni nyaata bilcheessuun hojjetanis dhiirota waliin kaampii kana keessa jiraachuu qabu.
Albuuda baastonni kunneen yeroo warqee argatan hundatti ganda keessatti kan mul'atan yoo ta'u, maallaqa baasii taasisan ni argatu jetti Naataaliyaan dabalte. Yeroo tokko tokko qunnamtii saalaa raawwachuun dura akka qaamasaanii dhiqatan amansiisuu qabu jedhu dubartoonni.
Mana saalquunnamtii akka galii itti argamuutti geggeessuun seera Biraazil jalatti yekka ta'us, Naataaliyaan garuu komishinii tokkollee akka hin fudhannee fi hojjettoota mana dhugaatii qacartee kutaalee kireessuu qofa akka hojjattu dubbatti.
Shamarran hojii barbaadan ishee qunnamu, yeroo tokko tokko immoo imala isaaniitif maallaqa isaaniif liqeessiti turte. Kunis Itaayitubaa irraa konkolaataadhaan imala sa'aatii torba fagaata.

Dubartoota kaan hojii kanarratti hirmaachisuu ilaalchisee shakkii qabaachuufi dhiisuu ishee gaaffii dhiyaateef akkas jechuun deebiste: "Yeroo tokko tokko akkas jedheen yaada: 'Ani haala akkas keessa darbeera, waan gaarii akka hin taane nan beeka.' Sana booda garuu, akkas jedheen yaada: 'Intalli kun maatii qabdi, yeroo tokko tokko immoo mucaa guddiftu qabdi ta'a. Shamarran deeman hedduun isaanii ijoollee tokko ykn lama qabu.' Kanaaf isaan simanna."
Naataaliyaan gaaʼela godhachuusheen dura illee qarshii hedduu argatteetti.
Amma mana mataashee Itaayitubaa keessatti ijaarratteetti, doqdoqqee fi warqee baay'ee yeroo tokko tokko akka kaffaltii qunnamtii saalaatti argatti. Yeroo tokkotti warqee giraama lama ykn sadii argatti. Kaayyoon ishee barachuun ogeettii seeraa ykn arkiteektii ta'uudha.
Dubartoonni Itaayitubaa tokko tokko, maqaa masoo 'Gold Nugget City' jedhamuun moggaafaman, maallaqa argataniin daldala keessatti hirmaataa jiru jetti.
Garuu akka dubartiitti, gara qubsuma albuudaa jeequmsaa fi seera maleessummaan guutamee sana dhaquun balaa guddaadha.
Miidhaan naannoo hojiin albuudaa kun geessisu sirriitti kan beekamu yoo ta'u, aarsaan namaa, kan UN jeequmsa, qunnamtii saalaa fayyadamuu fi dadabarsa namaa, baay'inaan osoo hin gabaafamin hafa jedheera.
Daldalaan sibiilota gati jabaa tokko BBC'tti akka himanitti, warqeen seeraan alaa bakka kana irraa argamu akkaataa idileetti, warqee waldaa hojii gamtaa albuudaa hayyama qabu irraa argame jedhamee moggaafama. Kunis osoo gara alaatti hin ergamii fi gara faayaafi qaamolee bilbila harkaa, ykn meeshaalee elektirooniksii birootti hin jijjiiramne dura kan rawwatamudha.
Maamiltoonni warqee Biraazil gurguddoon sadan Kaanaadaa, Siwiizarlaandi fi UKdha. Oomisha gara Awurooppaatti ergamu keessaa %90 ol kan naannoo albuudni seeraan alaan itti oomishamu irraa akka ta'e dhaabbanni yaada Instituto Escolhas ibseera.

Gandoota albuudaa keessatti dubartoonni ajjeefamuun isaanii waan hin beekamne miti. Reeffi shamarree ganna 26 Raayile Saantoos bara darbe kan naannoo lafa albuuda warqee Cuiú-Cuiútti kutaasheen keessa jiraachaa turte keessatti argame.
Eddoon kunis Itaayitubaa irraa konkolaataan sa'aatii 11 fagaata.
Obboleettiin ishee hangafaa Raayilaan akka jettutti, namni tokko maallaqa kenneefii qunnamtii saalaatiif isheef gaafannaan waan diddeef, boodarra argatee reebee akka ajjeese dubbatti.
"Guyyaa guyyaan dubartoota baay'eetu du'u, dubartoonni baay'een ni ajjeefamu," jetti Raayilaan.
"Ani kanan dhaladhhee bakka albuunni baafamu keessatti, albuuda keessatti guddadhe, amma garuu achi keessa jiraachuu sodaadheera."
Ajjeechaa Raayile'n walqabatee namni tokko to'annoo jala oolfameera, garuu hanga ammaatti murtii hin arganne. Himata irratti dhiyaate hundas haaleera.
Lafti albuuda warqee seeraan alaa Biraaziliin uwwifame waggoota 10 keessatti dachaa ol dabaluudhaan bara 2023tti, hektaara 220,000 gahe. Kunis bal'inni Landan Guddiitti caalaa guddaadha.
Dubartoonni naannoo kana keessatti hojjetan meeqa akka ta'an, albuuda baastonni seeraan alaa meeqa akka jiran illee namni beeku hin jiru. Mootummaan Biraazil lakkoofsi hojjattoota albuudaa kuma 80 hanga kuma 800 ta'uu akka danda'u dubbata.
Bara aangoo pirezidaant Luiz Inácio Lualaa da Silvaatti mootummaan albuuda seeraan alaa cufuu fi daldaltoonni warqee oomishan akka hin bitanneef tarkaanfii fudhatee ture. Haata'u malee, gatiin warqee olka'uunsaa dhiironni hedduun carraa isaanii akka yaalaniif sababa ta'uu itti fufeera.
Daayaane balaa fi miidhaa qaama ishee irratti geessisu irraa kan ka'e naannoo albuudaatti hojjechuu dhiisuu barbaaddi, garuu imala dhumaa ta'a jettee abdattu karoorfachaa jirti.
Kaayyoon ishee ji'a lamaa fi sadii keessatti, milkaa'uu dhiisuu akka dandeessu hubattus, galii gahaa argachuun yeroo deebitutti mana nyaata xiqqoo banachuudhaaf.
Yeroo kophaa ishee jirtu hundatti, bosona keessa deemtu hundatti waa'ee ijoollee ishee akka yaaddooftu dubbatti.
"Yaaluun itti fufa, hanga kana booda hojjachuu hin dandeenyetti," jetti. "Gaaf tokko ijoolleenkoo: 'Haati keenya baayʼee cimtee hojjettee turte. Nuuf jecha waan keessa darbuu hin qabne keessa darbite, Abdii hin kutannes' naan jedhu jedheen yaada" jetti.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












