Turkiin Fiinland fi Siwidiin NATOtti makamuu walii galtus shororkeessitoota of keessaa baasaa jette

Madda suuraa, Getty Images
Turkiin amma Fiinland fi Siwiidin "shororkeessitoota 33" dabarsanii akka isheetti kennaniif dhiibba irratti gochaa jirti. Gaffii kana kan kaaste, biyyoonni lamaan NATO tti makamuudhaf 'shororkeessitoota' Kurdistootaa akka hin deeggarre erga Turkii wajjin walii galanii booda.
Ministeerri Haqaa Turkii, "Fiinland fi Siwiidin waadaa seenan kabajuu qabu" jechuun dubbatan.
Milishoota Kurdii deeggaru jechuun yeroodheeraf Ankaaran Fiinland fi Siwiidin komataa turte.
Biyyoonni Noordik kun lamaan gaafa Kibxataa "gaaffii namoota shororkeessummaan Turkiin himatte dabarsanii kennuu akka deebisan" walii galanii turan.
Raashiyaan Yukreen weeraruu irraa kan ka'e, Fiinland fi Siwiidin walta'iinsa waraanaa biyyoota lixaa kan ta'e NATO tti makamuuf ji'a Caamsaa keessa iyyata galfatanii turan.
Jalqaba irratti Turkiin biyyoonni kun lamaan akka NATO tti hin makamneef akka mormitu ibsitee turtus, walgahii NATO Maadiriiditti taa'ame irratti mariin sa'aatii 4 erga taasifameen booda biyyoonni sadan walii galuun isaanii dhagahame.
Walgahichi osoo hin xumuramin dureewwan NATO ifatti miseensummaa Fiinland fi Siwiidin nin simatu jehamee eegama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan gama isheetin babal'ina NATO kana "madda jeequmsa nagaati" jechuun ibsite.
Ministeerri Haqaa Turkiin Bakir Boozdaag, "hororokeessitoota dabarsanii akka nutti kennan barbaanna" jchuun dubbatan.
Fiinlad fi Siwiidin hidattoota PPK jahaa fi miseensota Kileerkii Fetullah Guleen achitti baqatanii jiran afur dabarsitee Turkiyeef akka kennitu Bakir Boozdaag gaafatnii jiru.
Akkasumas Siwiidin miseensota PKK 11 fi miseensota Fetullah Guleen10 dabarsitee akka kennitu Turkiyeen gaafattee jirti.
PKKn bara 1970 oota keessa kan hundaa’e yoo ta’u Turkii keessatti biyya Kurdootaa wallaba tate hundeesuf bara 1984 tti mootummaa Turkii wajjin wal waraansa eegalan.
Miseensonni Guleen ammoo bara 2016 tti mootummaa Erdogan irratti fonkolcha yaaludhaan himatamu.
Gamtaan Awurooppaa, UK fi US hidhattoota PKK shororkeessitota jedhee yoo farraju, sochii Kileerkii Fetullah Guleen ammo shororkeessaa jedhanii hin farrajne.
Gaaffii Turkiin dhiyeessite kana irratti hanga ammaatti Fiinlandi fi Siwiidin homaa hin jenne.
Walii galtee biyoonni sadan Kibxata darbe Maadiriiditti gaggeessaniin Heelsinkii fi Istookolm “sochii PKK ittisuu” fi sochii Fetullah Guleen akkasumas gareewwan biro Sooriyaa keessa socho’an YPG fi PYD jedhaman akka hin deeggare Turkiidhaf waada seenaniiru.
Akkasumas biyyoonni lamaan qoqqobbii gutgurtaa meeshaalee waraanaa Turkii irra kaa’anii turan kaasuf walii galaniiru.
Pirezidantin Fiinland Sauli Niiniston, “yaaddoo nageenyaa biyyoota isaanitti dhufu waliin ittisuuf biyyoonni sadanuu walii galtee mallatteesaiiiru” yoo jedhan, Muummen Minsiteeraa Siwidiin ammo, “NATO dhaaf tarkaanfii murteessadha” jechuun ibsan.
Turkiin ammo, “Waanan barbaadu argadheera” jette.












