Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tibba goginsaas, tibba roobaas boo'a. Furmaanni isaa maali laata?
Kutaaleen kaaba Keeniyaa fi kibba Itoophiyaa akkuma bakkeewwan Gaanfa Afrikaa birootti roobni waqtii isaa yeroo shan walitti aansuun hin roobiin hafe hordofee, hongee hamaa ta’e keessaa jiru.
Kunis beeladooti miliyoonaan lakkaa'aman akka du'an gochuun alatti, galii fi madda nyaataa horsiisee bultoota miidheera.
Ji’a Amajjii keessa yeroo gareen BBC gara Kaaba Keeniyaa, Marsabeetitti imalee tureetti, gaaga’ama gogiinsi hawaasa irraan gahe hubate.
Laftiifi bishaan naannicha ture gogeera. Qarqara daandiiwwan irrattis reeffa horii du’etu faca’ee akkasumas horsiisee bultoota maatii isaaniif nyaataafi bishaan dhiyeessuuf rakkatan waliin wal arginne.
Hongeen uumamees horsiisee bultoota irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira. Sababii kanaanis, namoonni nyaataa fi bishaan barbaacha qe'ee isaanii irraa buqqa'aa turan.
Deessuun hanqina bishaanitiin of wallaalluu odeeffanneera. Hawaasichi bishaan barbaacha sa'aatii dheeraaf imaluu qabaatu.
Halimaa Diidaa bakka jiraatuu Dhaabbacha Lakkoolee irraa ganama sa’aatii kudhan irratti eegalee sa'aatii kudha lamaa daandii irratti arginne.
Isheenis Dhaddacha Lakkoolee irra kaatee hanga Mooyalee bishaan barbaada deemaa turte.
“Rakkoo bishaani hamtuu qabna, ganama sa’aa kudhan mana kiyyaa bahe, yoo Waaqii jedhe guyyaa kana saa’aa ja’a ykn torbattan deebi’a.
“Yoo hirribaa ka'an ijoolleen tiyya waan nyaataniifi waan dhugan hin qaban, bishaan kana qabadhee gara manaatti akkan gahu na eeguu qabu.”
Bishaan duraan isaan fayyadamaa turan kan haroo sababii roobni badeen gogde. Kanaaf namoonni gariin achi buqqa’anii, kaan ammoo akka ishee kana yeroo dheera deemuun barbaadu.
Amma ammoo akkuma hongeen, yeroo roobaas naannoo kanatti rakkoo lolaan miidhaa hamtu uumama.
Yeroo dhiyoo asitti roobni roobaa jiru, hongee cimaa lubbuu horii miliyoonaan lakkaa’amani galaafatee, namoota kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqisee booda boqonnaa ta’ee dhufe.
Garuu akkuma Oromoon jettu, horii bonni ajjeesse ganni maqaa fuudha. Roobni kunis horii hongee dandamate hedduu ajjeessee qabeenya ummataa barbaddeesse.
Naannoo Halimaa fa'i bakka gogiinsi miidhaa ture, lolaan akkasuma humna namaan ol ta’un balaa hedduu uumeera.
Jiraataan Aanaa Mooyyalee Aab Annaa Boruu rooba cimaa roobeen, lolaan gaala 60 ol fudhachu BBC'tti hime ture.
Garuu ummanni kun akkamiin bona roobaa dandamachuu dadhabe? Rakkoon jirtu fi furmaanni jira?
Dr. Duubaa Goolichaa qorataan dhaabbata qorannoo horii qonnaa Keeniyaa dhimma kanarratti qorannoowwan hedduu hojjataniiru.
“Keeniyaatti gogiinsaa fi roobanis rakkoo hamtuutti uumama, gogiinsaaf wantoonni ijoo ta’an keessaa tokko qophii dhabuudha,” jedha.
Ragaa saayinsii irratti hundaa’uun gogiinsilleen tilmaamamuu kan danda’u yoo ta’u, dhaabbileen adda addaa mootummaas ta’e kan mit mootummaa gogiinsa kana tilmaamaniiru.
Garuu mootummaafi ummanni naannoos itti hin qophoofne.
Akkaataa gogiinsaaf itti qophaa'an
Gogiinsi waan hin baratamne ykn haaraa miti, waggoota 20 darbaniif ykn sanaa ol yeroo baay’ee irra deddeebi’ee mul’achaa ture.
Sababni namoonni yeroo kana keessa rakkataniif haala gogiinsa waliin walmadaaluu dadhabuu isaaniiti jedha Dr. Duubii.
Akki isaan itti qophaa’u danda’aniin:
1. Akeekkachiisa dursanii ogeeyyii meetirooloojiitiin kennaman ilaaluu
Jijjiirama qilleensaatiin hawaasni horsiisee bulaa akka durii haala qilleensaa tilmaamuun qormaata itti ta’eera. Hedduunsaani utuu rooba abdatanii horiin harkatti dhume.
Haata’u malee, ogeeyyiin meetirooloojii yeroo dheeraaf gogiinsi hamaan akka mudatu akeekkachiisaa kan turan yoo ta'u, hawaasa naannoo fi mootummoota isaaniitiin garuu irra caalaa tuffatameera
Osoo akeekkachiisa kana dhaggeeffatanii itti qophaa’a turan.
2. Sirna oomishaa xiyyeeffannoo daldalaa
Tooftaa gosa kanaan hawaasni horsiisee bulaa gogiinsi osoo hin jalqabin dura horii isaanii dhibbeentaa garii gurguruu danda’an.
Kunis dhiibbaa dheedichaa lafa dheedichaa irratti hir’isuuf kan gargaaru yoo ta’u, mali kun dhiyeessii nyaataa jiruu fi baay’ee ta’es ni guddisa, qonnaan bultoonni tarkaanfiiwwan bulchiinsa gogiinsa biroo akka qopheessan carraa ni kenna.
Adeemsa kana keessatti, bineeldota ilmoolee ta’an, kanneen haala gabaadhaaf dhihoo ta’an, korma sangoomsan fi bineeldota dullooman ofirraa baasuun gaariidha.
“Kunis garuu naannoo keenna keessatti waan argamumiti, yoo horiin laafee akka du’a jiru namni garii gabayaatti oofa.” jedha Dr. Duubii.
3. Baankii nyaata horii ijaaruu
Baankiin nyaata horii kuufama nyaata yeroo dheediin uumamaa hanqina ta’etti akka nyaata hatattamaa ta’ee itti fayyadamudha.Yaadni isaas yeroo hamaa nyaata itti fayyadamuuf kunuunsuudha.
4. Beeylada gogiinsa dandamatu
Bineeldotonni tokko tokko kan akka re’ee fi gaalaa uumamaan ho’a fi gogiinsi dandamachu danda’u. Garuu ummannii horsiisee bulaa keesumammoo hawaasni Boorana baay’ee loon jaallatu. Loon, dandeetti hongee dheeraa dandamatuun hin qabu.
Kanaaf, horsisuu irratti gama horii akka re’ee fi gaalaatti utuu deebi’anii gaaridha.
5. Qonna midhaan gogiinsa dandamatu
Akkuma horii keessa loon jaallatu, ummanni Boorana qonna irratti boqqolloo filatu. Midhaan kunin ammoo gogiinsa kan dandamatumiti.
Malli kun midhaan dheedhii gatii salphaa fi gogiinsa dandamatu kan sassaabamee booda itti fayyadamuuf kuufamuu danda’u guddisuu ilaala.
Midhaan akka bisingaa/misingaa, midhaan qamadii, ocholoonii, kaasaavaa fi baaqelaan naannolee kanneen keessatti dagaaguu danda’a.
Garuu isaan midhaan fi beeylada gogiinsa dandamatu hammachaa kan hin jirre yoo ta’u, naannolee kanneenitti kasaaraa fi beela guddaa kan fidaa jiru kana.
6. Bishaan kuusuu
7. Jallisii lolaa : Marsabeet jallisii lolaadhaaf carraa hedduu qabatus, kun mootummaanis ta'e ummataan hin fudhatamne.
Akkumaa gogiinsa irratti qophaa’inni hin jirre, roobaa irrattis laafinni cimaan ummataa fi mootummaa biratti argama.
Roobni osoo hin roobin duraan kutaan meetirooloojii biyyattii naannoowwan kanneenitti rooba cimaa akka roobu akeekkachiiseera
Garuu of eeggannoo tokkollee hin godhamne.
“Guutummaa baha afrikaa keessatti yeroo rooba dheeraa kan yeroo baayyee Bitootessa keessa eegalu eegaa turre, kun hawaasa naannootiillee beekamaadha
“Haa ta’u malee sassaabbii rooba naannoo akkasiitif barbaachisaa ta’e guutummaatti tuffatama.”
Marsabeet keessatti bishaan roobaa harki caalaan isaa karaa yaa’aatiin qisaasamu.
Qorannoon dhaabbati Dr. Goolicha faan geggeessan akka argisisutti, Magaalaan Saakuu kan Kawuntii Marsabeet keessatti argamtu waggaa waggaan rooba mm 600 argatti.
Kanaaf dhimmi hanqina bishaanii gaaffii keessa gala.Dhuguma hanqina roobaati? Tasumaa miti.
“Rakkoon jiru baay’ina bishaanii kan fayyadama oomishaa irra oolu. Rooba lafa bu’u keessaa gara dhibbeentaa 10 qofatu gara itti fayyadama oomishaatti seena. Dhibbeentaa gara 80 lafa onaa keessa bada.”
Kun maaliif ta'a?
Bishaan roobaa gara lafa dheedichaa bal'aa kaaba Keeniyaatti baduu yaaddessaa ta'ee jira.
Ragaan akka agarsiisutti, naannoo Marsabeet lafa deedichaa kanneen akka odaafi Balleessatti bishaan yeroo roobaa baduu guddaa.
Bakkeewwan kanaatti utuu nyaata horii gogiinsa dandamatu kan akka saayiprosiin irra deebi’anii facaasan lafa uwwisuun dhangala’aa hir’isuu danda’a, garuu beekumsi jiru baay’ee laafaa.
Gama biraan, malli bishaan sassaabuu kan akka hidhaa qaala'aa waan ta'eef hawaasni humna hin qabu, mootummaanis koonyaa dursa hin kennine.
Akkasumas hawaasni mala bishaan itti sassaabuu ykn roobni cimaan yoo roobe maal gochuu akka qabus hin beeksifamne.
Bishaan roobaa sassaabuuf mala adda addaatu jira. Malli tokkoo ‘In-situ’ jedhama, kunis bakkuma bishaan itti gadi bu’etti walitti qabamuudha. Kun baayyee gatii salphaadha.
Kan bira ammoo, bishaan bakka bu’u irraa fagaatee walitti qabuu fi kuufama bishaanii keessatti kunuunsuu. Kunis ‘ex-situ’ jedhama.
Bishaan manarra sassaabuu, miʼa keessatti kuusuun, bishaan xinnoo oomisha kuduraaf oolu dabalate mallii salphaan bishaaniin sassabaan jiru.
Haata’u malee, namoonni kaawuntii Marsabeet keessa jiran %1 qofatu mala kana fayyadamuun bishaan kunuunsuufi itti fayyadama oomishaa keessa galcha.
Biyyoonni akka Israa’el kutaaleen kaaba keeniyaa tokko tokko caalaa goggogaadha, garuu teeknooloojii qonnaa horii irratti hundaa’e hammachuun biyya of danda’eedha.
Teeknooloojii ‘greenhouse’ fayyadamu, kunis teeknooloojii bishaan qusatudha.
Teeknooloojiin kun bakkeewwan garii Marsabeet keessatti kan dhiyaate ta'us hanga kana caalaa hin fudhatamne .
Akkasumas Israa’eel roobaa hunda oomishaaf akka oolu mirkaneessuun bishaan roobaa waliigala sassaabuu hammattee jirti.
Qorannoo Dr. Duubii godhe tokko, bishaan roobaa mm 1 hektaara tokko irratti baayoomaasii goggogaa kg 7.9 oomishuuf akka danda’u agarsiise
“Kanas yeroo gogiinsa horii keenyaaf nyaachisuu dandeenya.”
Yoo hammi xiqqaan akkasii hamma kana oomishuuf danda'e 600 mm akkam?
Keeniyaatti akkaataan rooba haala lama ta’e jira. Roobni dheeraan kun Bitootessa ykn Ebla keessa kan jalqabu yoo ta’u, ji’a waxabajjii ykn Adoolessa keessa xumurama.
Roobni gabaabaan ammoo naannoo Onkoloolessa ykn Sadaasa irraa eegalee Muddee keessa xumurama.