Ministirri jallisii haaraa Masrii al-Siisiin muudan eenyudha?

Pirezidantii Masrii Abdulfattaah al-Siisii

Madda suuraa, TASS VIA GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Masrii Abdulfattaah al-Siisii

Pirezidantiin Masrii Abdulfattaa al-Siisii gaaffii dhiyeessan hordofee paarlaamaan biyyattii muudama ministiroota haaraa raggaasiseera.

Pirezidantichi Ministira Muummee biyyattii waliin mariyachuun Jimaata darbe paarlaamaan biyyattii yaa’ii ariifachiisaa akka taa’u gaafatani.

Kanarraa ka’uun Kaabineen Ministiroota biyyattii yaa’ii taa’een ministiroota haaraa 13 paaarlamaa biyyattiif dhiyeessuun, muudamni isaanii Dilbata darbe mirkanaa’uun gabaafameera.

Kaabinee biyyattii haaraa keessatti Ministira Jallisii dabalatee ministiroonni 13 haaraa kan biroo muudamaniiru.

Ministirri Jallisii fi Bishaanii Masrii Mohammad Abdel Haatii, dhimma hidha Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaartu hordofaa turan haaraan bakka buufamaniiru.

Ministirri haaraa muudaman Haanii Seewilaam yoo ta’an, damee jallisiirratti ganna dheeraaf muuxannoo hojii qabu.

Ministirri Maallaqaa fi Dhimma Alaa biyyattii garuu hin geeddaramne.

Pirezidant al-Siisiin miidiyaa hawaasummaarratti sababa ministiroota jijjiiruun barbaachiseef wayita ibsan ''biyya keessaafi alatti bu’aa biyya keenyaa eegsisuu, tajaajila lammiilee keenyaaf kennamu caalatti cimsuun dandeettii raawwii mootummaa jabessuuf,'' jedhan.

Paarlaamaan Masrii hanga xumura ji’a Fulbaanaatti boqonnaarra turu yaa’ii ariifachiisaa Sambata darbe taa’ee muudama ministirootaa raggaasiseera.

Masriin hidha Itoophiyaan annisaa elektiriikiirraa maddisiisuu eegalte waggootaaf mormaa jirti.

Haaniin Seewilaam eenyu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haaniin Seewilaam digirii jalqabaa bara 1991 Yunvarsiitii Zagzig jedhamurraa injiniringii bishaanii fi naannoorratti xiyyeeffatuun eebbifaman.

Seewilaam Yunvarsiitii Ameerikaa Kaayirootti argamurraa bulchiinsa qabeenya bishaaniirratti pirofeesara ta’uun tajaajilaa turan.

Seewilaam qabeenyaa fi anniisaa bishaanii, deeltaafi dhimmoota soorataan walqabataniirratti barsiisaa kan turan yoo ta’u, muuxannoo ganna 25 ol qabu.

Miidiyaan mootummaa biyyattiitti hidhata qabu Al-Haraam akka jedhutti, dhimmi ijoo Ministiira Jallisiifi Bishaanii biyyattii eeggatu waldhabbii hidha Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaartuun walqabata.

Hidha Haaromsaa guutuufi bulchiinsa isaa ilaalchisee waggootaaf mariin gaggeeffamaa ture waliigalteerra otoo hin gahamiin hidhichi goolabamuutti dhyaateera.

Biyyoonni sadan waliigalteerra ga’uu dadhabaniis, Itoophiyaan bara kana dabalatee waggoota sadiif hidha guddicha ijaaraa jirtu kanatti bishaan kuusuu beeksifteetti.

Taarbayinoota 13 hidhichi keessatti hojjaachuuf yaadame keessaa isa lammaffaa Itoophiyaan hojii eegalchiiftetti.

Ammatti hidhi Haaromsaa walumatti anniisaa 500MW ol maddisisuu eegaleera.

Mariin biyyoota sadan gidduutti gaggeeffamaa ture addaan citus, Itoophiyaan mariin dhimma laga kanaarratti taa’amu akka itti-fufu gaafataa turte.