Itoophiyaan Hidha Haaromsaa bishaan guutuu jalqabuu dura Sudaaniifi Masiriin ogeessota akka bakka buufatan gaafatte

Madda suuraa, MAXAR TECHNOLOGIES VIA REUTERS
Itoophiyaan Hidha Haaromsa Laga Abbayyaa (GERD) marsaa lamaffaa bishaan guutuun osoo hin jalqabiin dura odeeffannoo waljijjiiruun akka danda'amuuf Sudaaniifi Masiriin ogeessotasaanii akka filatanii bakka buufataniif hafeeruu Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii beeksise.
Ministirri Bishaan, Jallisiifi Injarjii Injinar Silashii Baqqalaa (PhD) xalayaa ministeerota bishaanii biyyoota lamaaniif barreessaniin sagantaan Hidhaa bishaan guutii itti aanu baatiiwwan Ganna dhufu keessa akka gaggeeffamuufi bu'uura waliigaltee kanaan dura irra gahameen odeeffannoo barbaachisaa ta'e kennuun akka danda'amuuf ogeessota isaanii akka beeksisaniif gaafataniiru.
Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin dhimma Hidhaa Haaromsa Laga Abbayyaa bishaan guutuufi adeemsa itti aanu irratti mariin waggootaaf gaggeessaa turan bu'aa tokkollee osoo hin argamsiisiin Itoophiyaan bishaan marsaa lammaffaa guutuudhaaf qophaa'aa akka jirtu beeksifteetti.
Torban darbe keessa gaggessummaa Gamtaa Afrikaatiin magalaa guddoo Dimokiraatika Rippabilika Koongoo, Kinishaasaatti mariin taasifames bu'aa malee erga xumuramee booda kan Itoophiyaan Sudaaniifi Masiriin odeeffannoo waljijjiiruun akka toluuf ogeessota isaanii akka beeksisaniif gaafatte.
Waamichi gama Itoophiyaatiin dhiyaate kun garee saayinsii biyyaalessaa walabaa biyyoota sadaniin waliigalteerra gahameen sagantaa bishaan guutuu bahe bu'uureffachuudhaanidha.
Waggaa lamaffaatiif bishaan guutuun ji'oota Waxabajjiifi Adoolessa keessa kan gaggeeffamu yommuu ta'u, haala bokkaa ilaalcha keessa galchuunis ji'a Fulbaanaallee dabalachuu akka danda'us ibsameera.
Haala Hidhi Haaromsaa irra jiruufi yeroo bishaan guutuun irra jiraatu waqtiin Gannaa Itoophiyaa dhiyaachaa akka jiru eeruun, dhimmoonni hojiitti jijjiiramaniifi irratti quba walqabaachuun barbaachisan ilaalchisee waliin hojjechuu akka feesisu Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii ibseera.
Sudaaniifi Masiriin odeffannoo waljijjiiruuf ogeessota barbaachisan ramaduun isaanii hanga mariin biyyoota sadan gidduutti jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin gaggeeffamaa jiru fala barbaachisu argamsiisutti toora odeeffannoo ittiin waljijjiiran mijeessuufi wal amantaa uumuuf fayyada jedheera ministeerichi.
Kanaan dura Sudaaniifi Masiriin bishaan marsaa lamaffaaf osoo hin guutiin dura waliigaltee qabatamaa tokkorra ga'amuu akka qabu gaafachaa turanis, gama Itoophiyaatiin garuu kun fudhatama hin arganne.
Marii Kinishaasaa Kibxata darbe bu'aa malee xumurameen booda akkaataa ittiin bishaan guutamu, bishaan qabatamuufi itti gadhiifamu ilaalchisuun waliigalteerra gahuudhaaf Itoophiyaan qophii ta'uu ishee Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii eeree ture.
Haata'u malee Sudaaniif Masiriin, "Gahee bishaan Itoophiyaa kan daangessu garuu qooda bishaan kan isaanii ammoo kan mirkaneessu waliigalteen dirqamsiisu taasifamuu qaba malee jechuun ejjennoo waan qabataniif," mariin ture hin milkaa'iin hafuu beeksiseera.
Yaadni Masiriifi Sudaan irra deddeebiin waliigalteen dirqamsiisu osoo hin taasifamiin Hidhaa kana bishaan guutuun hin ta'u jedhan, "bu'uura seeraa kan hin qabneefi mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu qabdu dhiibudha waan ta'eef fudhatama hin qabu," jechuun fudhatama dhabsiifteetti Itoophiyaan.
Iaajrsi Hidhaan Haaromsa Laga Abbayyaa Itoophiyaa erga jalqabamee waggaa kudhan kan ta'e yommuu ta'u, akkaataa bishaan itti guutamuufi adeemsa itti aanu ilaalchisee Itoophiyaa, Sudaaniifi Masirii gidduutti mariin waggootaaf gaggeeffamaa ture bu'aa tokkollee osoo hin argamiin hanga ammaa tureera.
Marii jarrsummaa Gamtaa Afrikaatiin gaggeeffamu kanaan dura Finfinneetti, Kaartumitti, Kaayiroofi Waashingiteenitti jilli biyyoota sadanii walarguudhaan gaggeeffamaa kan ture yommuu ta'u, sababa weerara koronaavaayirasiitiin yeroo mursaasaaf erga addaan cite booda karaa toora interneetii itti fufeera.
Kana dura qondaaltonnni Pirezidantii duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp irratti qooda fudhatan Waashingitanitti taasifamaa ture waliigalteerra gahamuuf fiixerra gaheera jedhamee ture.
Haata'u malee, yaadni dhihaate faayidaa biyyaalessaa kiyya hin eegsisu jechuun Itoophiyaan osoo hin mallatteessiin hafuun ni yaadatama.
Hidhi Haaromsa Itoophiyaa dolaara biiliyoona 5'tti siquun ijaaraa jirtu xumuramuuf % 20kan hafu yoo ta'u, gaafa xumurame Afrikaarraatti pirojektoota bishaan annisaa elektirikii maddisiisan keessaa isa jalqabaa ta'a.
Gaafa hidhi laga dheerinaan addunyaarraatti tokkoffaa ta'erratti ijaarame xumurame ibsaa megaa waatii 5,000 ol maddisiisa.
Waggaa darbe ganna keessa marsaan jalqabaa bishaan guutuu kan gaggeeffame yoo ta'u, kan lammataa ganna kana akka raawwatu mootummaan Itoophiyaa ibseera.
Waggaa dhufu humna elektirikii maddisiisu eegalas jedhameera.
Itoophiyaan ammoo ummata biyyattii walakkaa ol ta'uufi dukkana keessa jiruuf akkasumas damee indastirii guddataa jiruuf humni elektirikii akka ishee barbaachisu ibsuun ijaarsa waggaa kudhan dura eegalte xumuruuf jirti.
Masriifi Sudaan durumaa hidhi Itoophiyaan ijaartu bishaan nutti yaa'u hir'isa jechuun mormaa gaafa kaan doorsisaa turan.
Tibbana Pirezidantiin Masrii hammi bishaanii Masrii gahu yoo xiqqaate naannichatti rakkoon dhalata jedhanii dubbatanii ture.
Itoophiyaan irra deddebbiin bishaan Abbayyaa kan fayyadamtu pirojektoota bishaan daangaa ishee keessa hambisaniif akka hin taane ibsaa turtuus keessumaa Masriin wanti Itoophiyaan ijaartu waliigaltee isaanii malee raawwatuu akka hin qabne ibsaa turte.
MM Abiy Ahimad dhihoo Paarlaamaatti argamanii dubbii taasisaniin ''erga waliigalle booda bishaan guunna yoo jenne ganni darbe waggaatti dolaara biiliyoona 1 nu dhabsiisa'' jechuun tursiisuun akka hin danda'amne himaniiru.
Ministirri Bishaan, Jallisiifi Annisaa Itoophiyaa Dr. Injinar Silashii Baqqalaa marsaa lammataaf bishaan Abbayyaa guutuun yeroo biraaf akka hin dheeranneefi adeemsa kanaafis geessisu hin jiru dubbatanii turan.
















