Humnoonni Tigraay bakkawwan walitti bu’insi ture keessaa bahuu jalqabuuf – Jen. Taaddasaa Warradaa

Akkaataa waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi gaggeessitoota Tigraay gidduutti taasifameen humnoonni Tigraay naannicha keessatti bakkawwan walitti bu’insi ture keessaa guyyoota muraasa itti aanan keessa bahuu akka jalqaban Ajajaan Olaanaa Humnoota Tigraay Leetenaan Jenaraal Taaddasaa Warradaa himan.

Qondaalli waraanaa kun ibsa Kibxata Sabaa-himaalee Tigraay irratti kennaniin addawwan waraanaa humnoonni Tigraay raayyaa ittisaafi humnoota isa waliin hiriiran waliin wal haadhaa turan keessaa adeemsi baasuu (disengagement) jalqabamuuf ta’a jedhan.

Waliigaltee nagaa torbanoota darban keessa mallattaa’e ilaalchisuun hojiin hidhattoota isaaniif ibsuu xumuramaa jiraachuu kan ibsan Jenaraal Taaddasaa Warradaa, kana hordofees amma bakka to’atanii jiran keessaa bahu akka jalqaban dubbatan.

“Waliigaltichi deemaadhuma jira; kanaan booda hojiin [disengage] gochuu, loltoonni bakka jiranii gara bakka sirriitti akka galan gochuun guyyoota lama ykn sadii keessatti jalqabama.”

Ji’a kana keessa waliigaltee nagaa mootummaan Itoophiyaafi bakka buutonni TPLF Piritooriyaatti mallatteessan hordofee ajajoonni waraanaa olaanoo qaamoleen lamaanii Naayiroobiitti dhimma hidhannoo hiikkachiisuu ilaalchisuun raawwatamuu qaburratti mariyataniiru.

Ajajoonni lamaan marii Naayiroobitti erga gaggeessaniin gaggeessitoonni Tigraay guyyoota saddeet keessatti hidhattoota isaanif ibsa akka kennan kan walii galame yoo ta’u, haala nageenya Tigraay ilaalcha keessa galchuun huumnoonni Tigraay hidhannoo akka hiikkatanii fi humnoonni Rayyaa Ittisa Biyyaa hin taane Tigraay keessaa akka bahan walii galteerra gahamee ture.

Haala kanaan humnoonni Tigraay waan isaan irraa eegamu gochaa akka jiran dubbatan Jenaraal Taaddasaan.

“Gama keenyan waanti godhamuu qabu ni raawwata; gama mootummaanis waanumti wal fakkaatan godhamaa jira ta’a,” jedhan.

Marii nagaa taasifame hordofee dhukaasni akka dhaabate ajajaan humnoota Tigraay mirkaneessaniiru. Kanaanis uummanni Tigraay fi humnoonni Tigraayis gammadoo akka ta’an himan.

“Jijjiiramni qabatamaan jiru dhukaasni dhaabachuu isaati. Kanaan ammoo uummanni gammachuu qaba. Waraannis gammadeera. Waraanni walitti dhukaasaa ture, bakkeewwan tokko tokkotti qaaman wal arguun haall itti yaada wal jijjiiran uumameera,” jedhan Jenaraal Taaddasaan.

Dilbata darbe Obbo Getaachoo Raddaa fi Jenaraal Tsaadiqaan Gabretinsaa’ee waliin ta’uun dhimma marii nagaa taasifame irratti ibsa kennaniin mariin nagaa hojiitti akka hiikamu abdii akka qaban himaniiru.

Garuu waraanni Ertiraa fi humnoonni amaaraa “yakka suukaneessaa raawwataa jiru” jechuun dubbatan. Himannaa dhiyaate kana irratti gama mootummaa Ertiraanis ta’ee kan Itoophiyaarraa deebin kenname hin jiru.

Waraanni Ertiraa fi humnoonni Amaaraa Tigraay keessa jiraachun isaanii nageenyaf yaaddoo akka ta’an himuun Tigraay keessaa hatattamaan akka bahan gaafataniiru Jenaraal Taaddasaa Warradaa.

“Lamaan isaanituu lafa Tigraay keessa jiru, walii galtee kan taasifne mootummaa Itoophiyaa waliin waan ta’eef humnoonni hafan naannoo kana gadi dhiisanii bahuu qabu,” jedhan.

Waraana waggoota lamaan darbe gaggeeffameen namoonni kuma dhibaan lakkaa’aman yoo du’an, miliyeenan kan lakkaa’aman ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.