Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Jimmaa Saxxammaatti lagni guutee dambali'uun lubbuu namootaa galaafate yaaddoo uume
Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaa ganda Sattaatti bishaan laga Gidoo jedhamuun beekamu guyyoota sadeen darbanitti lubbuu namoota sadii galaafachuu jiraattonni himan.
Jiraataa ganda Sattaa zoonii Gidoo Adaamii kan ta’an Obbo Kaamil Awwal, bishaanichi ALI Fulbaana 05, 2016 daa’ima waggaa saddeetii fudhachuu himan.
“Sanbata Xiqqaa galgala mucaa umurii waggaa saddeetii nyaate. Wiixata darbe gaafa Fulbaana 07, 2016 ammoo ijoollee dargaggoota lama: Abdii Huseenii fi Aluddiin Mahaammad Saafii kan jedhaman nyaate,” jedhan.
Jiraataan gandichaa inni biraan BBCf yaadasaanii kennan Obbo Mahaammadasaanii Muusaa, dargaggoonni lamaan gaafa Wiixataa bishaaniin nyataman kunneen daa’ima guyyaa Sanbata Xiqqaa bishaan nyaate barbaacha bishaanicha seenanii achumaan nyaatamuu himan.
Reeffi namoota sadeenii ammallee akka hin argamne kan himan jiraattonni gandichaa kunneen, balaa qaqqabe kanaan uummanni gaaga’ama keessa jiraachuu BBC’tti himan.
“Qaamni [reeffi] isaanii hinargamne, akki itti argamus hin jiru. Akkatti barbaadnu dadhabne,” jedhan Obbo Kaamil Awwal wanti godhan bitaa itti galuu yoo dubbatan.
Sodaa namni biraas bishaanichaan nyaatamuu danda’a jedhuun ammatti reeffa namoota sadeenii barbaadaa akka hinjirre kan himan Obbo Mahaammadsaanii, “hanga danda’ame hawaasarraa waa (maallaqa) walitti fuunee warra beekumsa qabanu keessaa filannee nannoo sanatti barbaaduudhaaf qophii goonee jirra,” jedhan.
'Mootummaattis iyyannee dadhabne'
Jirattonni ganda Sattaa laga bara baraan lubbuu namootaa galaafatu kanarratti riiqichi akka ijaarramuuf mootummaa gaafataa turanis hanga ammaatti waan qabatamaa akka hinagarre dubbatu.
“Lagi kunis bishaan guddaadha. Bishaan namni ofiif ce’uu hin dandeenyeedha,” kan jedhan Obbo Kaamil Awwal, riiqichi sadarkaasaa eeggate dhabamuudhaan balaawwan uumaman kanaaf sababa ta’uu himaniiru.
“Uummata buqiisutti jira. Mootummaattis iyyannee dadhabne. Waggaa dheeraa waggaa 10 ol iyyanne. Mootumman waan nu yaadate hinqabu. Kanaaf rakkoo keessa jirra,” jechuun rakkoo sababii laga kanaatiin keessatti argaman dubbatu.
Gama biraatiin riiqichi akka ijaaramuuf angawoota mootummaan waadaan galameefii akka ture kan himan Obbo Mahaammadasaanii Muusaa, “erga karoorri nuuf qabamee naannoo waggaa jaha yookiin torbaati. Bara darbe ammoo ni ijaarama jedhamee ture garuu karoorichi gara ganda biraatti nu duraa darbe,” jedhan.
Komii hawaasni dhimma laga kanaa ilaalchisee kaasuu irratti yaada qaamolee mootummaa argachuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.
Riiqichawwan hawaasni walitti dhufuun mukaan ijaarus bara baraan bishaan laga kanaan fudhatamuu himan.
Bishaan laga Gidoo sababa rooba cimaa tibbana naannichatti roobaa jiruutiin wal qabatee guutee ofirra jigee oyiruu qonnaan bultootaa balleesse, hawaasa naannoo sana jiraatu buqqisuu akka danda’u sodaa qabanis jiraattonni ni dubbatu.
“Ji’a kana ofumaafuu guutee jira. Gidduu kana ammoo roobni baay’inaan waan roobeef lolaadhaan walqabatee oyiruu qonnaan bulaarraa xaafii fi boqqoolloo balleessee jira,” jedhan Obbo Kaamil.
Bulchaa ganda Sattaa kan ta’an Mahaammad Kadir Goluu gama isaaniitin, uummanni gandichaa sababa laga guute kanaan gabaas ta’e mana yaalaa deemuun rakkoo akka itti ta’e BBC’tti himaniiru.
Bishaan laga Gidoo godina Jimmaa aanaa Sigimoo keessa darbuun aanaa Saxxammaa seenu kun qaama yaa’a laga Dhidheessaa akka ta’e jiraattonni himu.