Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mootummaan waan godina hundeesseef obboleeyyan wal loluun aada maleessa'
Hundeeffama Godina Boorana Bahaatiin walqabatee rakkoon ummata Godina Booranaafi Gujii jidduuttii dhalate ammallee yaaddoo ta'uu jiraattonni godinichaa BBC'tti himan.
Keessattuu iddoo rakkoon kun baay'inaan keessatti mudatu Aanaa Gooroo Doolaati. Gaaffiin gama Gujiitii ka'u waa lama: Tokko Aanaan Gooroo Doolaa Boorana Bahaa jala maaliif gale kan jedhuufi lammaffaan dhimma magaalaa Nageelleeti.
Magaalaan waggaa 21 darbaniif teessoo bulchiinsa Gujii ture, Nageelleen akka deebi'uuf gaafatu warri Gujii.
Warri Booranaa ammoo 'magaalaan duraanuu kan Booranaa taate' deebi'uufiitti guddoo gammadan. Kun lamaan ammoo ummaticha jidduutti komii kaasaa jira.
Mootummaan murtee kana wayita hojiirra oolchu, uummanni Aanaa Gooroo Doolaa hiriira ba’ee mormuufi karaallee cufuun miidhaan qaqqabee akka ture dubbatan Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo.
Itti dabalunis, ''amma rakkoon akka yeroo sanaa dhibdus garuu yaaddoon nageenyaa sababa kanaan uumameera,'' jedhan.
''Daandii cufuun, konkolaataa gubuun, miidhaa namarraan geessisuun tureera. Rakkoon sun mootummaan illee, jaarsa biyyaanillee osoo hin furamin armaan baatee jirti.''
Rakkoon sababa caasaa bulchiinsaa haaraa dhalate kun hawaasa Gujiifi Baalee irra-jireessi horsiisee bultoota ta’an guddoo miidhuu himu namoonni achirraa dubbisne.
Daandii Boorana Bahaa irraa ka’ee karaa Aanaa Gooroo Doolaa gara kutaalee biyyattii garaagaraa geessu irratti yakkoonni raawwatamuufi konkolaattonni gubachuun sochii uummataa akka gufachiise himan.
Qondaalli mootummaa godinichaafi Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoos rakkoon akkanaa jiraachuu himuun, dhimmu kun yaaddessaa ta’uu ibsaniiru.
Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo ''karaa cufanii konkolaataas karaa gubbaatti gubaa waan turaniif karaa Baalee, Roobeerraan marsanii gara handhuura biyyaa imalan,'' jedhan.
Ammallee rakkoon inuma jirti garuu balaan akka duraa sun hir’atee jira jedhu Aab Kuraa Jaarsoo.
Hoogganaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Boorana Bahaa Obbo Masaay Xilaahuun rakkoon amma akka dura miti jedhan.
''Akka jedhamu kana namni daandii jijjiirratee imaluu eegale kan jedhu sirrii miti. Yaaddoon hin jiru jechuu miti, garuu erga xiyyeeffannaa itti kenninee hojjechuu eegalla haalli jiru amma fooyya’eera,'' jedhan.
Jiraataan magaalaa Nageellee Booranaa Aab Dhaddacha Godaanaa, konkolaattota bakka biraa irraa gara magaalaa Nageellee imalaniifi Nageelleerraa gara kutaalee biyyattii imalanirra miidhaa ga'aa turuu himan.
Erga rakkoon kun mudatee konkolaataan qofti saddeet kan ta'u Aanaa Gooroo Doolaa keessatti gubachuu kan himan Aab Dhaddacha Godaanaa ''sababa kanaan namoonni daandii jijjiirratanii karaa dheeraa Baaleerraan gara Finfinnee imaluuf dirqamaniiru,'' jedhan.
Rakkoon kun yeroo ammaa waan tasgabbaa'e fakkaata kan jedhan jiraataan kun, ''garuu wayita tasgabbaa'eera jennu dagachiisanii konkolaataa gubuu, karaa cufuu namarraan miidhaa geessisuun ni mudata. Warri miidiyaa hawaasummaarra jiranillee rakkoo kana hammeessaa jiru,'' jedhan.
Jiraataan Nageellee Booranaa biraan Aab Huuqqaa Dhokkoo, hanga ammaatti sababa gara magaalaa Nageellee Booranaa deemuuf qofa yoo xiqqaate konkolaataan saddeet gubateera jedhan.
''Labsii kan dabarsitu ijoollee miidiyaa hawaasummaarra jirtu. Isaan tarkaanfii fudhaa jedhanii ajaja dabarsinaan konkolaataan ni gubata,'' jedhan.
Rakkoon kun amma tasgabbaa'us garuu yeroo ta'etti yoo ajaji kennameef tarkaanfii fudhachuu waan danda'aniif wabiin hin jiru jedhan namni kun.
''Namoonni kunneen hanga gaaffiin keenya deebi'utti tarkaanfii fudhanna jechuun dhaadatu. Kanaaf ammas yaaddoo qabna. Kanaaf namni karaa sana imaluu dhiise. Karaa Baaleefi Somaalee gara Finfinnee imaluuf dirqame.''
Booranniifi Gujiin maaliif duudhaa Gadaatiin rakkoosaanii furachuu dadhaban?
Kutaalee Oromiyaa kaan caalaa bulchiinsi sirna Gadaa kan keessatti hojiirra oolaa jiru Booranaa fi Gujii keessatti.
Gadaan ammoo duudhaa marii ilaafi ilaameen rakkoo furuu qabaachuun beekama.
Osoo sirni kun achi jiruu maaliif rakkoon furamuu akka dadhabe namoota hedduuf gaaffiidha.
Inumaa rakkoo kana kan hammeesse mootummaan tarkaanfii kana hawaasa osoo hin mariisin murteessuu isaa ta’uu jiraattonni Aanaa Gooroo Doolaa irraa dubbisne kaasaniiru.
Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo garuu, mootummaan murtee kana fudhachuusaa dura kan Booranaafi Gujii dabalatee abbootii Gadaa Oromoo hunda dhimma kanarratti mariisisuu himaniiru.
''Marii yeroo garaagaraatti mootummaan nu mariisiseera. Guddoollee walii hin galle. Garuu mootummaan murteesaa hojiirra oolcheera,'' jedhan.
Ergasii tarkaanfii mootummaan fudhaterratti irra caalaa diddaa kan agarsiisan aanga’ootuma mootummaan ramadeedha.
Keessattuu caasaan bulchiinsaa Aanaa Gooroo Doolaa rakkoo kana uumuu keessatti adda dureedha jedhan Obbo Masaay.
Aanga'oota mootummaa caasaa bulchiinsaa mootummaa kana morman hidhaadhaan adabuus himan.
Kunimmoo dhalattoota Gujii akkaan mufachiisuun inumaa rakkoon akka hammaatu taasise.
''Uummanni Gooroo Dooraa illee bulchiinsa godina haaraa fudhachuu didee rakkoo guddaatu ture. Nuti haala amma achi jirullee guddoo itti dhihaannee hin beeknu,‘‘ jedhan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo.
Akka duree hawaasaa tokkootti rakkoon hawaasi isaanii keessa jiru kun akka furmaata argatuuf maal gochuu akka qaban gaafannaan, dhimmi caasaa bulchiinsaa hojii mootummaati jechuun deebisan.
''Godinni mana maree Oromiyaatiin hundaa’eera. Wanni dhibiin uummata waliin mari’annu hin jiru. Ka abbootiin Gadaa walgaafattu hin jiru jedhu,'' Aab Kuraan.
''Mootummaan duraan yeroo nu mariisisullee nuti walii hin galle. Dhumarra hubannoo kennuun, murteedhumti mootummaa akka hojiirra oolu ta’e. Amma wanni ajandaa haaraa uumnee mari’annu hin jiru.''
Rakkoon kun yaa'ii Caffee Oromiyaa Adoolessa 10, 2023 gaggeeffamerratti akka ajandaa xiyyeeffannoo tokkotti dhihaateera.
Qaamni naannocha keessatti aangoo olaanaa qabu caffeenis dhimma kanaaf xiyyeeffannaa addaa kennee akka rakkoo jiruuf fala kaa'u kallattii kaa'ee ture.
Garuu ergasiis rakkoon gara sanaa dhagahamuu dhiisee hin beeku.
Waldhibdee guddaa dhimma Nageelleerratti
Dhimmi ijoon Booranaa fi Gujii yeroo garaagaraatti walitti buusaa jiru dhimma magaalaa Nageelleeti.
Guraandhala darbe wayita mootummaan godina haaraa- Boorana Bahaa hundeessuun magaalaa kana Boorana jalatti deebise mufii guddaan waa’ee magaalaa kanaa ture.
Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo waa’een magaalaa kanaa madda rakkoo ta’uu hin haalle.
Garuu mootummoonni Itoophiyaa bara Haayilessillaaseerraa ka’anii jiran godina kana diigaa, ijaaraa, magaalaa kanas asiifi achi fuudhaa turuun rakkoo akka hammeesses eeran.
''Magaalaan kun durumaanuu Mageellee Booranaa jedhamaa turte. Bara Haayilesillaaseerraa kaasee maqaama kanaan waamamaa turte, Booranuma jala turte. Garuu bara mootummaa ADWUI keessa maqaan Nageellee Booranaa jedhu jijjiiramee Godina Gujii ta’e,'' jechuun rakkoon eessaa akka madde himu.
Haala kanaan Godinni Gujii magaalaa Nageellee qabatee wayita hundaa’u, Godinni Booranaa ammoo magaalaa Yaa’a Bal’oo qabatee bifa haaraan hundaa’e.
''Maqaan Nageellee Booranaa wayita barjaa (taappeellaa) irraa haqamu uummanni waan fincileef rakkoon mudatee ture. Namni hedduun du’eera,'' jedhan Aab Kuraan.
Uummanni Oromoo Booranaa magaalaan akka iddoo duraatti deebituuf falmii taaisaa turuun, Godinaaleen ollaa walii ta’an ija hamaan wal ilaalaa yoona ga’an.
Rakkoon deemuma deemtee yoonaa geessee, wayita mootummaan Godina Boorana Bahaa hundeessuun gaaffii uummataa deebisu, oboleeyyan keenya Gujii ammoo mormii eegalan jedhu Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo.
''Waan mootummaan yeroo darbee sun hojjetetu nama keessa jira. Jalqabuma mootummaan maqaa sana jijjiiruutu walitti bu’iinsa uummataaf karaa bane.''
Oboleeyyan keenya Gujiillee mootummaan Godina waggaa 21 bulchine osoo nu hin mariisisin jijjiire jechuun komatan jedhan Aab Kuraan.
Garuu murtee dhumaa kan kenne mootummaa ta‘us, abbootiin Gadaa Oromiyaa hunduu dhimma kanarratti mootummaa waliin mari’ataa akka turan himuun ''mootummaan osoo nama hin mariisin murteesse,'' kan jedhu dhugaa akka hin taane eeran Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo.
''Sababa caasaa bulchiinsaa waldhabuun fafa''
Mootummaan godinas ta'e caasaalee bulchiinsaa haaraa wayita hundeessu lafa daangessuuf osoo hin taane akkaataa bulchiinsaafi tajaajila uummataaf tolutti mijeessuuf ta'uu hime.
''Oromiyaa keessa godinaalee 21 hundayyuu mootummaan haala bulchiinsaafi tajaajila uummataaf mijeessuuf akkasaa tolutti hundeeffata malee tokko fayyadee kaan miidhu yookiin kaanirraa lafa fuudhee tokkoof kennuuf miti,'' jedhu Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo.
''Mootummaan Oromoo qooduuf godina hin hundeessine. Oromoon ganda, aanaafi godinaan walqoodee jiraatulleen hin jiru. Ammoo godinni hundaa’ellee kanuma Oromiyaati. Obboleeyyan keenya mormanillee, kan guutuu Oromiyaallee akkasitti hubachuu qabu,'' jedhan.
Godina mootummaan caasaa bulchiinsaaf jedhee hundeesseef jecha obboleeyyan wal-dhabuun aadmalee akka ta’eefi dhimmi godinaa dhimma bulchiinsa mootummaati malee ''dhimma daangaa nu gidduutti daangessuu akka hin taane namuu hubachuu qaba,'' jedhan.