Aanaa Gooroo Doolaatti hidhaa, reebichi, saamichii fi buqqaatiin hammaachuu jiraattonni himan

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Guraandhala 2023 godinaalee fi magaalota bifa haaraan gurmeessuu erga ibseen booda aanaalee tokko tokko keessatti rakkoon mudachuu dhagahamaa jira.

Godinni Boorana Bahaa godinaalee caaseffama haaraan hundeeffaman keessaa tokko yoo ta'u, aanaalee qabatee hundaa'e keessaa tokko aanaa Gooroo Doolaati.

Jiraattonni aanaa kanaa caaseffama haaraa kanarraa komii qaban hanga ammaa sababa kanaan hidhaa fi dararaan akka isaan mudataa jiru himan.

Hanqina tasgabbii rakkoo kanarraa ka'ee mudateen magaalaan aanaa Gooroo Doolaa, Haraqalloo fi iddoowwan naannoo magaalattii jiran akka malee goolamaa jiraachuu jiraattonni BBCtti himaniiru.

Jiraataan magaalaa Haraqalloo nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka eeramu hin feene, uummanni reebichaa fi hidhaa baqatee qe'eesaa gadhiisee bosonatti galaa jira jedhan.

''Rakkoo baayyeen magaalaa Haraqalloo keessa ture. Uummanni waraana mootummaa baqatee baddaatti galee jira,'' jedhan.

Akka namni kun jedhanitti aanaa Gooroo Doolaa keessatti sababa rakkoo kanaan hojiin mootummaa fi sochiin uummataa erga akka duraanii ta'uu dhiisee ji'oota lakkoofsiseera.

Rakkoon nageenyaa fi tasgabbii aanaa kanatti mudate seera maleessummaaf karaa saaquu kan himan namni kun, ''karaan ni cufama, konkolaataan ni gubata. Garuu eenyu akka gubu hin beekamu. Erga rakkoon kun dhalatee as yoo xiqqaate konkolaataa 6-7 gubateera,'' jedhan.

Adoolessa darbe Aanaa Gooroo Doolaa iddoo addaa Kiliwwee jedhamutti konkolaataan fe’umsaa gubachuu hordofee sodaan naannawa kanatti uumamuu Hoogganaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Boorana Bahaa Obbo Masaay Xilaahuun ibsanii turan.

Naannawa kanatti konkolaattota gubuu fi geejjiba ugguruun kallattiidhaan dhimma caaseffama godinaan walqabachuu ibsuu baatanis, rakkoon dhimma kanarraa ka’e ammallee furmaata hin argatin akka jiru eeran.

Jiraattonni kunneen erga caaseffamni haaraan kun dhufee hidhaan hammaachuu fi kanneen hidhaa baqatanii qe'eerraa buqqa'aniin alatti qondaaltonni mootummaa fi namoonni kaan hedduun ''seeraa ala hidhamanii'' akka jiranis himan.

Qondaalli Godina Boorana Bahaa Obbo Masaay Xilaahun caasaalee mootummaa keessaa dabalatee namoota caaseffama haaraan mormanii jeequmsa uumuurratti hojjetaa turan irraa kan hafe uummata nagaa akka hin hiine himanii turan.

Haata'u malee hooggantoota mootummaas ta'e namoonni kaan manneen hidhaa magaalaa Haraqalloo fi magaalaa Nageelleetti hidhamanii jiran hedduunsaanii erga mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman murtaa'ee didamuu himan jiraattonni dubbisne.

Gariin erga maallaqa mirga wabiif qabsiisanii booda, qaama nageenyaan tursiifamanii hanga yoonaa hidhaa jiraachuu himan.

Rakkoon kun furmaata argachuurra ittuma hammaatee, uummati yaaddoodhaan akka jiraatu taasiseera kan jedhan maanguddoon Aanaa Gooroo Doolaa irraa dubbisne, ''Fakkeenyaaf kaleessa [Kamisa, Hagayya 10, 2023] gabaa guddaa nami hanga kuma 300 ta'u itti ba'u ture. Garuu namni gabaa ba'e 100 hin caalu,'' jedhan.

Jiraataan magaalaa Haraqalloo kan biraan sodaa qaban wayita ibsan, ''waraanni mootummaa paatirooliidhaan magaalaa keessa naanna'ee nama qaba. Uummanni kana sodaatee gabaa osoo hin ba'in hafe. Magaalattiin guutummaatti cufamtee jirti,'' jedhan.

''Konkolaataan ni gubata, karaan ni cufama, lubbuun namaa ni darba, namni bakka argametti saamama. Rakkoo jajjabduutu harkaa nu qaba.''

Maanguddoon Gooroo Doolaa kan biraan maqaasaanii dhokfachuun BBCf yaada kennan, ''saamichaa fi dararaan uummatarratti raawwatamaa jiru hammaateera. Uummanni ba'ee daggala jira. Hidhattoonni kaanis bosona jiru. Hidhataan mootummaa jira. Kana gidduutti rakkataa jirra. Eenyu akka kana raawwatu hin beeynu,'' jechuun haala jiru ibsan.

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti mootummaan gaaffii hawaasaa dhaggeeffatee furmaata kaa'uu dhabuun aanaan kunii fi naannawaan isaa akka rakkoo nageenyaa, saamichaa fi seera-dhabdummaaf banaa ta'u haala mijeesseerra.

Caaseffama haaraa kanaan walqabatee rakkoon mudataa jiru yaa'ii caffee Oromiyaa Adoolessa 10, 2023 gaggeeffamerratti akka ijoo dubbii tokkootti ka'eera.

Caaseffamni haaraan kun dantaa uummataa bu'uura godhachuun kan raawwatame ta'uu fi fuulduraafis dantaa uummataa eegsisuuf rakkoo jiru hundi akka furamu kallattiin kaa'amee ture.

Jiraattonni dubbisne garuu ergasii rakkoon ittuu hammaate malee furmaati argame akka hin jirre himan.

Ammas rakkoon kun furamuu kan danda'u yoo aanaan Gooroo Doolaa godina Gujii jalatti deebi'e qofa jedhan jiraattonni.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa wayita caasaa haaraa kana labsu aanaan Gooroo Doolaa Godina Gujii jalatti akka hammatamu ture kan jedhan jiraattonni dubbisne, ergasii haala isaan hin beekneen godina haaraa hundaa'e- Boorana Bahaa jalatti of arguu himan.

Adeemsi isaa iftoomina dhabuu fi fedhii uummata bal'aa malee tarkaanfiin kun fudhatamuun uummata mufachiisee hanga yoonaa tasgabbiin dhabamee jira.

Hoogganaan waajjira kominikeeshinii Godina Boorana Bahaa kanaan dura dhimma kanarratti wayita BBCtti dubbatan, ''warri aanaa Gooroo Doolaa ofiisaaniitii Boorana Bahaa jala nu galchaa jedhanii gaafatanii ammammoo jeequmsa kaasaa jiru,'' jedhan.

Hoogganaan Paartii badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa walga'ii caffee Oromiyaa irratti kana jedhanii turan.

''Godinichi gosa tokkoof miti kan hundaa'e. Godinichi kan Oromoo hundaati. Tokkorraa fuudhanii tokkoof kennuuf miti. Tokko gammachiisanii isa kaan boochisuuf waan yaadame miti.''

Wayita caasaan kun ibsamu, mootummaan osoo uummata hin mariisisn tarkaanfii kana fudhate jechuun uummanni sagalee dhageessisaa tureera. Akkasuma tarkaanfii mootummaa kanatti kan gammadanis jiru.