Balaan lolaa Liibiyaatti namoota 20,000 galaafachuun hin oolle

Balaa lolaa Liibiyaa keessatti hidhi bishaanii lama cabee mudateen lakkoofsi namoota du'anii 20,000 ta'uu mala jedhamee sodaatameera.

Kantiibaan magaalaa Dernaa lakkoofsi namoota balaa lolaan du’anii 18,000 hanga 20,000 ta’uu mala jechuun tilmaamaniiru.

Abdulmannaan Al-Gaati TV al-Arabiyaatti yoo dubbatan tilmaamni isaanii kuni qe’eewwan hidhi bishaanii duguugee balleesserratti warra jiraataa turan eeruuni.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii yaaddoon itti aanu dhibee bishaan faalameen dhufuu maludha jedhee akeekkachiise.

Gama kaaniin, hoogganaan olaanaa Dhaabbata Meteriyoloojii Addunyaa Peteeri Taalaas du’a namoota baay’ee hambisuun danda’ama ture jedhan.

Akka AFP’tti himanitti, balaan osoo hindhaqqabiin dura jiraattota magaalattii keessaa baasuun ni danda’ama ture.

Aangawaan magaalaa baha Liibiyaa argamtu tokko galaanni ''reeffa namoota tufaa jira,'' jechuun ibsan.

Hanga ammaatti reeffi namoota 5,300 adda baafameera. Namoonni 10,000 ol immoo bakki jiran hin beekamu.

Humnootiin Waraana Biyyaaleessa Liibiyaa bulchiinsa baha irraa fi Fannoo Diimaan biyyattii kanneen adda dureen sochii baraarsaa Dernaa keessatti taasisan keessayi.

Suuraa asiin olitti mul'atu kunis badiin sababii lolaatiin magaala buufataa keessatti qaqqqabe hangam cimaa akka ta'e kan mul'seedha.

Gareewwan baraartoota idil-addunyaa amma gara bakkee balaan itti qaqqabee gahaniiru.

Kanneen suuraan isaanii asiin gadiitti mul'atus kan Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Balaa Tasaa Mootummaa Tarkii (Afad) irraa dhaqaniidha.

Isaanis yoo namoonni ammalleen gamoowwan jijjigan jalatti danqaman jiraatan ykn reeffii bishaaniin fudhame barbaadaa jiru.

Suuraan asiin gadiitti mul'atus wayita miseensoonni waraanni Masrii garee baraartoota Darnaatti ergaman kaleessaa Hagayya 13, 2023 wayita haala badii qaqabee xinxalaa jiraniitti.

Lammiileem Masrii hedduunis balaa lolaa Darnaa keessatti qaqqabee kanaan du'aniiru. Irra caalaan namoota du'anii ammoo ollaa walfakkaatu- al- Shaariif kan Masrii bulchiinsa Beenii Suef keessatti argaman irraayi.

Guyyaa kaleessaa reeffii namoota 80 al-Shaariif kan qaqabee yoo ta'u, namni asii gadiitti suuraan isaanii mul'atu Hasan El Saalheen erga ilmasaa balaa kanaan du'e awwaaleen booda osoo boohuu kaafameedha.