Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Haadha warraafi ijoolleekoo dhiiraa sadiin dhabe' - Abduu Raahmaan
Morookootti gandi tulluu Taafeegihaaghte, kibba-lixa magaala Maraakeshiitti fageenya kilomeetira 60 irratti argamtu baayyee miidhamte. Jiraattoota ganditti 200 keessaa 90 du’un mirkanaa’eera.
Abduu Raahmaan jiraataa ganda ollaa kanaa yoo ta’u, haadha warraafi ijoollee dhiiraa isaa sadii balaa kanaan dhabeera.
‘‘Manni keenya gubbaa sana ture,’’ jedha gara manni isaanii turetti qubasaa qabaa. Amma jijjigaa isaa qofaatu hafeera.
"Kunoo uffata halkanii adiifi teessoowwan ni agarta. Hundu barbadaa’eera.’’
Abduu Raahmaan erga balaan kirkira lafaa mudateen booda bakka buufata boba’aa hojjaturraa hanga manasaatti fageenya kiloomeetira sadii fiiguu dubbata.
Akkasumaan maqaa ijoollee isaa waamaa kan ture yoo ta’u, Kanneen akkasaa iyyaa turanitti makame. Garuu deebii argachu hin dandeenyee ture.
‘‘Hundasaanii kaleessa awwaalle’’ jedha. ‘‘Yeroo isaan qaqqabnutti hundisaanii waliitti gadi maxxananii ture.
Ijoolleen dhiiraa sadanuu rafaa turan. Kirkira lafaatiin booda gadi ba'an,’’ jechuun waan maatii isaa mudate ibsa.
Haasan jiraataan ollaa Taafeeghaaghte BBC'n dubbise miidhaa balaa kirkira lafaa Morookoo maal akka fakkaatu waan taajjabe dubbateera.
‘‘Ummanni ollaa kanaa hospitaalaa jiru ykn du’aniiru’’ jedhe. Gabaasaan BBC gara ollaa sanaa imalees manneen jireenyaa gara ukkeefi jijjiggaatti geedaramuun namni keessaa miliqu akka hin dandeenyee hubachu hime.
Manneen aadaa dhakaafi xuubiin ijaaraman kirkira lafaa mudatee dandamachu hin dandeenye.
Jiraattota ollaa sanaa 200 keessaa 90 du’uun yoo mirkanaa’u, hedduun bakka buuteensaanii dhabameera.
‘‘Karaa bahaniin argachuu hin dandeenye. Of baraaruuf yeroos hin qaban ture,’’ jedha.
Haasan kan gaazexeessitoota waliin ollaa gaara gubbaa sana bahe.
Hasaan eessuummini isaa ammalleen jijjigaa jala akka jiru dubbata. Karaan itti qotamee baafamu hin jiru.
Namni asi jiru kamuu qotee baasuuf maashina hin qabu akkasumas ekspartoonni gara biraa hin qaqqabne.
''Kana kan fide Waaqa waan ta'eef waan hundumaafu isa galateeffanna. Garuu gargaarsa mootummaa keenyaa barbaadna. Dhufanii uummata keenya gargaaruutti baayyee harkifata,'' jedha Obbo Hasaan.
Itti dabalunis, aanga'oonni Moorookoo deeggarsa idil-addunyaa dhiyaateef hunda simachu qabu jechuun, garuu of tulummaan akka deeggarsi hin taasifamneef akka hin danqineef yaaddoo qabu kaaseera.
Dunkaana guddicha gaara bubbee qabuufi daandii ollaa Taafeeghaaghte addunyaa biraa waliin quunnamsiisuu alatti maatiiwwan hedduun walitti qabamanii taa'aanii ture.
Kallattii hundarraa sagalee boo'ichaa cimaatu dhagahama. Boo'ichi kunis booda gadda reeffa mucaa waggaa 10, Khaalifaa kan jijjigaa jalaa baafamteetiin ittuu cime.
Gadda cimaa hawaasichi keessa jiruun wal qabatee, dubartiin tokko of wallaaluun yoo kuftu kan biraan ammoo teessuma ishee irraa gadi kufte.
Hawaasni ollaa gaarreen Atlaas irra jiraatanis kan dhiibbaa ammayyaa addunyaa muraasa irraa kan fagaatan fakkaatu.
Garuu ammoo amma, hunda caalaa deeggarsa biyya gara alaa saffisaafaan barbaadaa jiru.