Hogganaan Komishinii To'annoo Balaa Tasaa malaammaltummaan shakkamuun to'ataman

Komishinari Mitiku Kaasaa

Madda suuraa, DISASTER RISK MANAGEMENT COMMISSION/FB

Komishinarri Komishinii To'annoo Balaa Tasaa Biyyaaleessaa Itoophiyaa Obbo Mitikkuu Kaasaa shakkii malaammaltummaan wal qabateen poolisiidhaan to'atamusaanii TV biyyaaleessaa gabaase.

Komishinari Mitikkuu Kaasaa shakkamuun poolisii Federaalaatiin to'annoo jala kan oolfaman har'a Adooleessa 13, 2022 ta'un ibsameera.

Poolisii Federaalaatti Qajeelcha Waliigalaa Qorannoo Yakkaatti, Ittaanaa Itti-gaafatamaa Qorannoo yakkaafi malaamaltummaa, Komishinar Taaddasaa Ayaaleew akka jedhaniitti, Obbo Mitikkuun to'atamu kan danda'an dhaabbata mit-motummaa biyya keessaa tokko waliin ta'uun malaammaltummaa raawwataniiru jedhamuun shakkamaniiti.

Kanaanis Komishina Mitikkuu Kaasaa abbaa qabeenyaa waldaa tola-oltummaa ''Elishaadaayi' jedhamu waliin ta'uun yakka malaammaltummaa raawwachuun shakkamuu poolisiin EBC'tti himeera.

Komishinarichis dhaabbatichi buqqaatoota hin jirre, akka waan bakkeewwan garaa garaatti argamanii fakkeessuun gaaffiiwwan dhiyeessuu, dhiyeessitiiwwan deeggarsaa akka kennamuuf taasisaniiru jedhamuun himannaan irratti dhiyaateera.

Komishinarichis osoo to'annoo jala hin oolfamiin dura ''poolisiin Obbo Mitiku irratti hordoffii guddaa taasisaa akka ture'' ibseera.

Kana malees gaaffii deeggarsaa sobaa kana hordofuunis deeggarsawwan miidhaaniifi uffataa kennaman karaa dhaabbata tola-oltummaa kanaatiin gurguramuun ''shakkamaan mana ittiin bitachu'' poolisiin qorannoodhaan mirkanneessuu ittaanaan komishinaraa Taaddasaa Ayyaaleew dubbachunsaanii gabaafameera.

Poolisiinis hordoffii Obboo Mitikkuu irratti taasiseen booda malaammaltummaan shakkuun to'annoo jala oolchuu ibsuun alatti, dhiyeessitiiwwan deeggarsaa karaa seeraan alaatiin fudhachuudhaan gurgurtaaf dhiyeesseera kan jedhame waa'ee dhaabbata tola-oltummaa sana wanti jedhe omtu hin jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBCn waa'ee dhaabbata tola-oltummaa Komishinari Mitikkuu waliin maqaansaa ka'ee ''Eelshaadaayi'' irratti deebii argachuuf yaaliin taasisee hin milkoofne.

Obbo Mitikkuu Kaasaa waggoota dheeraadhaaf Komishinara Komishinii hoggansa To'annoo Balaa biyyattii ta'uun kan tajaajilan yoo ta'u, lammiilee sababiiwwan umamaatiifi nam-tolcheetiin rakkoof saaxilaman deeggarsa akka argataniif gargaarsawwan biyya keessaafi biyya alaarraa argaman qindeessu ture.

Obbo Mitikuun shakkamuun to'annoo poolisii jala oolfamusaanii kunis erga waggoota dhiyootiin asi himannaa malaamaltummaa qondaaltoota motummaa olaanoo irratti dhiyaateedha.

Kibba Itoophiyaa Yirgaalamiitti kan dhalatan Obbo Mitikkuu Kaasaa ,osoo komishira Komishiinii To'annoo Balaa Tasaa hin ta'iin dura, naannoo Kibbaatti ittigaafatamaa Qindeessaa Hojiiwwan Wabii Nyaataa ta'un hojjataa turan.

Obbo Mitikkuun mana maree olaanaa buqqaatoota biyya keessaa kan barreessaa olaanaa UN'n bara 2019tti hundeeffame keessattis miseensummaan filatamanii ture.

Obbo Mitikkuun waggoota torba darbaniif Komishirara Komishinii To'annoo Balaa Tasaa Biyyaaleessaa ta'un tajaajirlaniiru.