'Ni baratti, ni qaroomti jennee osoo eegnuu dararaaf saaxilamte' - maatii Daraartuu

Madda suuraa, Getty Images
Daraartuu Bulloo jedhamti. Mucaa ganna 14ti jedhu maatiin. Dhalattee kan guddattee Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Ammayyaatti ture.
Mucayyoon tun A.L.I Mudde 2014 mana namaatti mindeeeffamte akka hojjattuuf gara magaalaa Waliisootti geeffamte.
Dubartiin Daraartuun akka hojjattuuf mindeessite guyyaa mindeessite irraa kaastee baatilee afur itti aananiif mana saree keessatti hidhuun, reebichaa fi miidhaa qaamaa mul’atu irraan gahuu maatiin ishee fi pooliisiin BBC'tti himaniiru.
Maatiin ishee wayita Ammayyaarra gara Walisootti dhuftu ni qaroomti, ni baratti jennee yaaduun ture jedhu.
Torbanoota dura wayita poolisiin eeruu argateen dubartii Daraartuu irraan miidhaa geessisuu shakkamte, jiraattuu Godina Shawaa Kibba Lixaa magaalaa Walisoo, kan taate sistar Biraanee Maammoo to'annaa jalche.
Daa’imni kun harkii fi miilli duubatti hidhamee mana saree keessaatti dararamaa akka turte poolisiin erga ifoomseen booda dhimmichi miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ture.
Maatiin Daraartuu maal jedhan?
Daraartuun Godina Shawaa Kibba Lixaa baadiyyaa Aanaa Ammayyaatti dhalattee guddate.
Wasilaa ishee kan ta’an Obbo Tashaalaa Mul’isaa, daa’ima tana hojii mana keessaa akka gargaartuuf Sister Biraanee Maammoon waliigalanii akka turan dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ofii saaniitiif ijoollee ja’aa biroo akka qaban kan himan Obbo Tashaalaan, daa’ima kana miidhuun kan shakkamte Aadde Biraanee waliin firooma dhiigaa hin qaban.
Akka isaan jedhanitti, Daraartuun umurii ijoollummaan hojii mana keessatti akka qacaramtuuf ka’umsa kan ta’e abbaa fi haatii ishee wal hiikusaaniti. Warri ishee erga wal hikanii ganna 10 ta’eera.
Abbaa fi haatii Daraartu ijoollee afur waliin horatanii gargar bahu hordofee ijoolleen arfanu fira biratti akka qoodaman dubbatu.
"Sababi warrii walbira hin jirreef jecha giddutti waan rakkattuuf hojjattee of haa gargaartu jedheen abbaashee waliin mari'adhee kenne," jedhan.
''Ni qaroomti, ni baratti jedheen itti kenne. Garuu isheen hidhamtee dararamuuf saaxilamte" jedhu.
Obbo Tashalaan ji’aan mindaa birri 700 akka kaffalamuu fi akka barsiiftu waliigaluu ibsan. Waliigalteen isaanii garuu hojiirra akka hin oolin dubbatu.
Haala Daraartuun keessa jirtuu wayita gaafatanittis Aadde Biraaneen haala gaariirra jiraachuu nutti himti ture jedhan.
''Nagaadha, akka gaarii jirti nuun jetti," jedhan.
Haata'u malee turtii ji’oota afuriitiin booda garuu miidhaan irra qaqqabuun deebi’anii arguu dubbatu firri Daraartu kun.
Naannoo isaaniitti ijoolleen haala walfakkaatuun magaalaatti hojjatanii maatii isaanii gargaaran jiraachu akka fakkeenyaatti kaasu Obbo Tashaalaan.
Qondaalli poolisii maal himan?
Qondaallii Komunikeeshinii Poolisii Magaalaa Walisoo Komaandar Dhugumaa Lammeessaa akka himanitti, daa’imni kun shiboo fi mukaa qoree qabuun galgalaaf ganama akka reebamtu himatte jedhan.
''Wiixata hanga Jimaataatti mana saree keessatti akka hidhamtu himatte" jedhan.
Guyyoota mana ooltutti hidhaarra hiiktee hojii jajjabaa hojjachiisa turte. Soorata gahaa akka hin laanneef daa’imni kun himachuushees kaasan.
Kana qofa miti, lakkoofsa bilbila maatiif akka bilbiltuuf itti kennan harkaa gatte, maallaqa akka kaffaltuuf waada seentes hin kennineef jedhan.
Akka isaan jedhanitti, jalqaba ogeessa lakkooftuu ibsaa dubbisutu mana saree keessaa osoo mucaan durbaa kun boossuu argee poolisiif eeru laate.
Poolisiin wayita iddoo isheen itti hidhamte qaqqabuttis harkii fi milli ishee duubatti hidhame arge jedhan.
''Dhaqni ishee luqqa’aadha, fuulli fi dugdi madaa’eti argamte" jedhan.
Shakkamtuun yakka kana mucayyoo kanarratti raawwachuun himatamte haaltetti.
Daa’mni kun turtii ji’a afur caaluuf miidhaan irra qaqqabe yaalii ajjechaati jechuun ibsan qondaalli poolisii kun.
Amma hospitaalota Walisoo fi Finifinneetti erga yaalamaa turte booda madaan qaama daa’ima kanarra ture fayyuu fi haala fooyyeerra akka jirtu himaniiru.
Komaandar Dhugumaan Walisoo fi naannoo isheetti daa’imman seeraan ala daddabarsuun akka baay'atu dubbatan.
Akka isaan jedhanitti, karaa seeran alaa ijoolleen umuriin isaaanii osoo hin gahiin biyya keessa qofa osoo hin taane hanga gara biyyoota Arabaatti erguttille akka gahamu eeran.
Namoonni ta’ii kanatti gaddan maallaqa deeggarsa daa’ima kanaaf oolu birri kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeet walitti buusaniifii jiru.












