Maatii Itoophiyaa US gara Finfinnee imaluuf turan irraa doolaarri kuma 27 ol fudhatame

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltonni Gumuruukaa fi Dangaa Ameerikaa maatii Itoophiyaa gara Finfinnee imaluuf turan irraa doolaara kuma 27 ol fudhatan.
Dhaabbati Eegumsa Daangaa fi Gumuruukaa biyyattii akka ibsetti, miseensi maatii kunneen Dilbata darbe Adoolessa 10, 2022 maallaqa hamma harkaa qaban waan hin ibsineef doolaara kuma 27 fi 330 ta'uu dhabaniiru.
Maatiin miseensa shan qabu kun xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaan gara Finfinnee imaluuf buufata xiyyaaraa idil- addunyaa Daalaas, Waashingtan seenanii ture kan qabaman.
Maatiin kun akkuma buufata xiyyaaraa kana ga'aniin hamma doolaara harkaa qabanii akka ibsaniif gaafatamanii turan.
Dhalataan Itoophiyaa lammii Ameerikaa ta'an, abbaan maatii kanaa, doolaara 8,000 harkaa qabaachuu qofa ibsanii turan.
Akka seera Ameerikaatti maallaqa namoonni gara keessaa seensisanis ta'e gara alaa qabatanii ba'an irratti daangaan hin jiru.
Haata'u malee namni tokko doolaara kuma 10 caalaa yookiin maallaqa kanatti shallagamu yoo harkaa qabaate unka dhimma kanaaf qophaa'e irratti guutuun Abbaa Taayitaa Gumuruukaa Ameerikaaf beeksisuu qaba.
Dhaabbati eegumsa daangaa fi Gumuruukaa abbaan maatii kanaa jalqaba doolaara 8,000 qofa akka qaban ibsee, booda ammoo ilmasaa hangafaa harkaatti doolaarri 8,000 biraan argame jedhe.
Dhaabbati haala kana shakkuun wayita shaanxaa maatii kanaa sakatta'u doolaara kuma 27 fi 330 argeera.
''Dhimma kana deddeebinee dubbanneerra. Imaltoonni maallaqa haga fedhan qabatanii Ameerikaa keessaa ba'uu yookiin ammoo itti seenuu danda'u. Seerri federaalaa mootummaa Ameerikaa garuu namni tokko doolaara 10,000 ol yoo qabaate beeksisuu akka qabu dirqamsiisa. Kun baayyee salphaadha,'' jedhan naannawa sanatti qindeessaa Gumuruukaa fi Daangaa kan ta'an Daani'eel Eskoobeedoo.
Dhumarratti maatiin kun doolaara 8,300 qofti kennameefii gaggeeffaman.
Namoonni kunneen yakkaan waan hin himatamneef maqaansaanii hin eeramne.












