Lammiileen Kaanadaa tajaajila bilbilaa fi interneetii guyyaa takkittiif adda citeef beenyaa argachuuf

Madda suuraa, Getty Images
Lammiilee Kaanadaa miiliyoona 11 caalaniif tajaajila mobaayilii fi intarnbeetii kan kennu kubbaaniyyaan teeknooloojii guddichi Rogers jedhamu erga torbee darbe tajaajilli adda citee booda uummataaf beenyaa kaffaluuf akka jedhu ibse.
Kubbaaniyyaan kun ibsa Kibxata kaleessaa, Adoolessa 12, 2022 baase keessatti, ''beenyaan tajaajila guyyoota shaniin walgitu herregameefii maamilootaaf kaffalamaaf,'' jedhe.
Tajaajilli kun sa'atiiwwan 15 oliif adda citee kan ture yoo ta'u, sababa kanaan tajaajilli baankii, geejjibaa fi tajaajilaas gufateera.
Kanneen dhimma kana hordofan haalli kun ''maaliif'', ''akkamiin'' akka mudate ibsa ga'aa kennuu qaba jechuun gaafatamaa godhaniiru.
Kubbaaniyyaan gurguddaa Kaanadaa keessa jiran keessaa tokko kan ta'e Rogers maamiloota miiliyoona 11 Kanaadaa keessaa qaba.
Kubbaaniyyaan kun, ''adda cituun tajaajila keenyaa lammiileerratti hagam dhiibbaa akka uume dhagahaa jirra,'' jedhe.
Tiwiitarii isaarratti akkas jechuun katabe: Tajaajilli guyyoota lamaaf adda citus, maamiloonni beenyaa guyyoota shanii ni argatu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Qondaaltonni fi uummanni kubbaaniyyicha akkaan komatan, kaan kan ji'a guutuu kaffaluu qaba jedhu, kaan ammoo gochi akkasii kan dhiifamaan bira taramu miti jedhu.
''Tajaajilli telekoomii adda cituun lammiilee Kaanadaa miiliyoonaan lakkaa'aman irraan dhiibaa geessise gonkumaa fudhatama hin qabu,'' jedhan Ministirri Indastirii Kanaadaa Francois-Philippe Champagne.
Dhiheessitoonni tajaajila telekoomii tajaajilli isaanii kan adda hin citnee fi yeroo dheeraaf wabii lammiilee akka ta'u mirkaneessuu qabus jedhan.
Damee kana kan to'atan Komishiniin Tajaajila kominikeeshinii fi buufata Raadiyoofi TV Kanaadaa, taateen kun ''akkamiin'', ''maaliif'' akka mudate, akkasumas Rogers rakkoo walfakkaataan akka deebi'ee hin mudanneef tarkaanfii akkamii akka fudhachaa jiru qorachaa jiraachuu ibseera.












