Pireezidantiin Sirii Laankaa xiyyaara waraanaan biyyaa baqate

Madda suuraa, Getty Images
Sababa rakkoo diinagdeen hiriirri mormii guddaa Siri Laankaa keessatti gaggeeffamuun booda, Pirezdaant Gotabaayaa Rajapaksaa xiyyaara humna waraana fayyadamuun biyyaa baqateera.
Humni waraanaa qilleensaa biyyatti akka mirkaneessetti pireezdaantiin umurii ganna 73 kun hadha warraa isaa fi qondaaltota nageenyaa lama waliin gara Maaldiivsiti balali’ani.
Magaalaa gudditti Maalee, akka biyyittiitti halkan sa’aatii 9:00tti qubachuu isaanii BBC Sinhala hubateera.
Baqannaan Aab Gotabaayaa kun bulchiinsa maatii tokkoo waggootii dheeraaf Siri Laankaa bitaa ture xumuratti fideera.
Sanbata irratti mormitoonni erga mana jireenyaa isaa humnaan yeroo seenan pireezdaantiichi dhokatee kan ture yoo ta’u, kana dura Roobii Adoleessa 13 irratti aangoo akka gadhiisu waadaa seenee ture.
Maddi tokko akka BBC’tti himetti Pireezdant Gotabaayaan biyyaa Maldiivsi keessa utuu hin turiin biyyaa sadaffaatti imaluuf karoorfateera.
Obboleessi isaa, Ministeera Maallaqaa kan ture Baasil Rajapaksaanis, Siri Laankaa keessaa baqatee gara UStti imalaa jira.
Lammileen Siri Laankaa baqannaa pireezdaanticha dhaga’an, kumaataaman daandilee magaalaa gudditti Kolombootti ba’aniiru.
Hedduun isaani bakka hiriira mormii magaalatti beekama Gallee Face Green jedhamutti walitti qabamaniiru. Kaan ammo namni kamuu akka dubbatuuf jecha waltajjii yeroof uumamee irratti ba’uun dhaadannoo dhageessisaa turaniiru.
Mormiitoonni kaan Pireezdaantichi baqachuun isaa akka itti gaafatamummaa dhabuutti ilaaluun dheekkamaniiru.
“Kanatti hin gammanne. As tursuuni barbaadana. Maallaqni keenya akka deebi’u barbaadna. Akkasumas maatiin Rajapaksaas hundi mana hidhaa banaa bakka itti hojii qonnaa hojjetan keessa galchuu feena,” jedhuun mormitoota keessaa tokko GP Nimaal himeera.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lammileen Siri Laankaa waggootii dheeraa keessatti rakkoo diinagdee uumameef bulchiinsa Pirezdaant Gotabaayaa himatu.
Ji’oota hedduuf guyya guyyaan humni ibsaa addaan cituu fi hanqina wantoota bu’uraa akka nyaataa, qorichaa fi boba’aan rakkachaa turaniiru.
Hogganaan, aangoo pirezdaantummarra yemmuu jiru himannaa seeraa irraa bilisa ta’u kun, bulchiinsi haaraan yeroo dhufu carraa to’annoo jala ooluu isaa hambisuuf jecha utuu aangoo hin gadhiisiin dura biyyaa baqatee jedhame amanama.
Baqannaan pirezdaantichaaa Siri Laankaa keessatti qaawwaa bulchiinsaa uumuu mala, biyyittiin ammo rakkoo diinagdee keessa jirtu san keessaa ba’uuf mootummaan seeraan socho’u ishee barbaachisa.
Miseensonni paartilee biro mootummaa waliinii haaraa uumuuf mariirra kan jiran ta’us hanga ammaatti waligaltee mallateessuutti hin dhiyaanne. Wanta isaan irratti walii galan uummanni ni simataa ykn morma kan jedhus ifa miti.
Akka heera biyyattiitti yoo pirezdaantiin aangoo gadhise, ministirrii muummee, Raniil Wiikreemesingee, bakka aangoo kana bu’uun hojjechuu qabu.
Ta’us garuu MM Raniilis uummataan badaa jibbama. Sanbata irratti mormitoonni mana jireenyaa isaatti ibidda qabsiisaniiru, innis mootummaan waliinii akka uumamuuf aangoo nan gadhiisa jedhus, yoom kan jedhuuf guyyaa hin kennine.
Itti aanuun yeroof aangoo kana kan fudhachuu malu af-yaa’ii paarlaamaa akka ta’e ogeessi heeraa himeera. Ta’us Mahindaa Yapaanis waayila maatii Rahapaksaas waan ta’eef, uummanni aangoo isa ani simata kan jedhu ifa miti.
Pirezdaantii yeroofi haaraa miseensota paarlaamaa keessaa filachuuf guyyoota 30’tu jira. Sana booda namni filatane sun hanga dhuma bulchiinsa Aab Gotabaayaa Rajapaksaa bara 2024’tti aangoo pireezdaantummaan itti fufa.
Hiriirri mormoo Siri Laankaa gara jijjiiramaatti fidu hoggansa biyyattiif kadhimamaa ifa ta’e tokko hin qabu.












