Pireezidantiin Siri Laankaa aangoo gadhiisuu labsanis mormitoonni garuu masaraa hin baanu jedhan

Mormitoonni erga masaraa mootummaa weeraranii booda iddoowwan bashannanaa qondaaltotaatti bashannanaa jiru

Mormiitoonni Sirii Laankaa hiriira bahan, hanga pireezidantii fi ministirri muummeen biyyattii aangoosaanii gadhiisanitti masaraa mootummaa qabatanii akka turan keessaa akka hin baane ibsan.

Pireezidant Gotabaya Rajabaksa aangoo gadhiisuu isaanii waajjirri ministira muummee biyyattii mirkaneessus hiriirtonni ammallee masaraa mootummaa akkuma weeraranitti jiru.

Masaraa mootummaa fi mana jireenyaa Ministira Muummee Rani Wickremesinghe to'atanii kan jiran mormitoonni, iddoowwan bashannaa mooraa kunneen keessa jiranitti bashannanaa jiru.

Pireezidant Rajapaksa

Madda suuraa, Getty Images

Paarlaamaan biyyattii pireezidantichi Adoolessa 13, 2022 akka aangoo gadhiisuuf jedhan ibsullee, lammiileen mormiif hiriira ba'an garuu ibsa paarlaamaa kana shakkuun masaraa gadhiisuu didan.

Ministirri Muummee Wickremesinghe akka aangoo gadhiisan pireezidantichaan itti himamuu ibsanii ture.

Garuu ajaji barreeffamaa kallattiin isaan ga'e akka hin jirre himan.

Akka heera biyyattiitti ministirri muummee aangoo gadhiisuun isaa kan mirkanaa'u yoo xalayaan iyyataa isaa afa-yaa'ii paarlaamaan fudhatama argate qofa.

Kun ammoo hanga yoonaa hin ta'in jira. Ministirri muummee kun aangoo gadhiisuuf akka jiran duraan beeksisanii turan.

Yeroo ammaa Pireezidant Rajapaksa eessa akka jiran hin ibsamne. BBC akka madda qaamolee nageenyaa irraa odeeffatetti garuu doonii Siri Laankaa galaanarra jirtu keeessa da'eeffatanii jiru.

Duraan Ministira Muummee kan ture obboleessi isaanii Mahinda Rajapaksa isaanuma waliin doonii biyyattii keessa dhokatee jiraachuunis himameera.

Lammiileen Siri Laankaa kumaatamatti lakkaa'aman bulchiinsi pireezidantichaa nu ga'e jechuun erga bakka hundaa walitti qabamanii magaalaa guddoo biyyattii Kolomboo seenanii booda masaraa mootummaa biyyattii weeraruun, mana jireenyaa ministira muummee gubaniiru.

Nama teessuma mana pireezidantichaarra ciisee jiru

Madda suuraa, EPA

Biyyattiin goolama diinagdee waggoota 70 darban ishee mudatee hin beekne keessa seentee jirti.

Kanaaf ammoo sababi hanqina bulchiinsa gaariiti jedhu mormitoonni.

Wayita masaraa mootummaa seenuun haala jiruu fi jireenya pireezidantichaa hubatan daranuu dallanan, iddoowwan bashannanaa fi gola pireezidantichaa hunda seenuun ofii bashannanuu eegalan.

Kaan kaartaa taphachaa bashannanu

Madda suuraa, Getty Images