Walitti bu’insa aanaa Jiillee Dhummuugaatiin namoonni 17 du’uu aanga’aan himan

Afaan Qawwee - walitti bu'iinsa Walloo

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa

Walitti bu'iinsa Dilbata Adoolessa 10 bara 2022 bulchiinsa Godinaa addaa saba Oromo, aanaa Jiillee Dhummugaa fi Godina Kaaba Shawaa akkasumas daangaa aanaalee Efiraataa fi Gidimitti uumamee tureen namoonni du'uu jiraattonni BBC'tti himan.

Qondaalli aanaa Jiillee Dhummugaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, "sababa kanaan sanaan lolli jalqabame jedhamuu baatus gama lamaaniin namni du’eera" jedhan. 

"Gama asiin namni 17 du’eera, kan madaa’es baay'eedha. Qonnaan bulaatu gama lamaaniinu dhumaa jira," jedhu.

Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummugaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko, lolli Dilbata eegalee itti fufuu hima.

"Erga dheengaddaa waan cimaatu adeemaa jira. Gaafa duraa dukkanni gargar nu baasee walirraa deemne. Kaleessa dishqaa fi qawwee gurguddaa matirayasiii qabatanii dhufanii, nuti kilaashii malee hin qabnu, lolatti nu waamani kunoo amma reeffi nama lamaa hafee akkatti fudhannu dhabnee," jedha.

Akka jiraataan kun jedhutti, kan isaaniin lolaa jiru qaama hidhate naannoo Amaaraa keessatti socho’u ‘Faannoo’ jedhamudha.

"Meeshaan keewwatanii deeman kan Liyyuu Haayili fakkaata, garuu gaafa bira geenyu Faannoo fi milishaa Amaaraa kanadha,'' jedhe.

Amma duras naannoo kanatti walitti bu'iinsi lubbuu namoota hedduu galaafatee fi qabeenya mancaase irra deddeebiin uumamaa ture.

Walitti bu'iinsa amma duraa irratti jiraattonni gama godina addaa saba Oromoon jiran hidhattoota Faannoo yoo himatan, kan gama Godina Shawaa Kaabaa naannoo Amaaraan jiran ammoo hidhattoota 'Shanee' jedhaman himatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Humni federaalaa aanicha jirus ‘xiqqaa’ waan taheef walitti bu’insa kana dhaaabuuf rakkachuu himan aanga'aan aanaa Jiillee Dhummugaa irraa BBCn dubbise.

Dabaluunis qondaaltichi, qaamonni gamaa gamanaa hawaasa walitti naqan jiru jedhan.

"Sooshaal miidiyaa irraa Amaarri gubatee, Axaayyeen gubatee kanneen jedhaniidha kan uummata walitti naqaa jiru," jedhan.

Gama biraan aanga’oota naannoo Amaaraa wajjin mari’achuun furmaata waaraa taheef carraaqaa akka jiran himan.

Jiraataan aanichaa biraa kan ganda Halaalaa Kumii, "haleellaa karoorfamee Walloo Kamisee irratti geggeefamu kan si’a tokkoof lamaa mitii, nu buqqisuuf akka hojjetamuufi nutti marfamee ulaa kamiinuu akka hin sochoone dhorkamne jirra," jedha.

Aanga’oota aanaalee Efiraataa fi Gidim argachuuf yaaliin taasifne milkaa’uu baatus, jiraattonni aanichaa haleellaa kan qaqqabsiisaa jiru hidhattoota Shaneeti jechuu miidiyaa Al-Ayiin gabaaseera.

Bulchaan Shawaa Kaabaa Taaddasa Gabiratsaadiiq, humna nageenyaa dabalataa gara naannichaa bobbaasuu miidiyaa biyya keessaatti himaniiru.

Walitti bu’insa mudate hordofee aanaa Jiillee Dhummugaatti baajaajiiwwan akka hin sochoone ibsi bulchiinsi aanichaa baasee ni hima.

Kana malees humnoota nageenyaa eeyyama qabaniin alatti namni kamiyyuu meeshaa waraanaa qabatee socho’uu akka hin dandeenyeefi gandaa gandatti socho’uun dhorkaamuu ibsi bulchiinsi aanichaa baase hima.