'Loltoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahan oduun jedhu dogoggora' - TPLF

Madda suuraa, Reuters
Lotoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahaniiru oduun jedhu soba ta'uu angawoonni Tigraay himan.
TPLF yaada kana kan kenne Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaan Gamtaa Afrikaa Oluseegun Obasaanjoo loltoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahaniiru jechuun erga dubbatanii booda.
Obasaanjon walii galtee araaraa mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti taasifame keessatti adda dureen warra hirmaatan keessayi.
Torbee darbe Oluseegun Obasaanjon turtii Financial Times waliin taasisaniin "loltoonni Ertiraa hundinuu" mootummaa Itoophiyaa cinaa hiriirun waraana Tigraay irratti hirmaatan naannicha keessaa gara daangaa Ertiraatti socho'uu isaanii dubbatanii turan.
Turtii barruu kana waliin taasisaniin Obasaanjon waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffameen namoonni 600,000 ta'an du'uu dubbachuun isaanii ni yaadatama.
Haa ta'u garuu qondaala TPLF kan ta'an Pirofeesar Kindeya Gabrahiwoot Amajjii 19 fuula Tiwitara isaanii irratti loltoonni Ertiraa magaala Shiree keessa jiraachuu isaanii barreessan.
Ergaa isaanii kana irratti loltoota Ertiraa suurri isaanii yoom akka kaafame hin beekamne ni mul'ata.
“Dugaan isaa, loltoonni Ertiraa daangarra osoo hin taane ammayyuu Tigraay keessa jiru. Suurri dhiyeenyaa kuni humnoonni Ertiraa Shiree keessa jiraachuu agarsiisa.
"Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddaa kenniteerti; akkaataa walii galteetti garuu Ertiraafi humnoonni qaama raayyaa ittisaa hin taane yeroo walfakkaatatti Tigraay keessaa bahuu qabu turan," jechuun barreessan qondaalli TPL kun.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Dubbiin Obaasanjon waraanni Ertiraa Tigraay keessaa bahaniiru jedhanii dubbatan dogongora akka ta'e dubbi himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaas fuula Tiwiitara isaanii irratti ibsan.
Anga'oonni Gamtaa Afrikaa "dubbii yaada akkasii kennuu dura hojii isaanii hojjachuu qabu" jedhan Obbo Getaachon.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Walii galteen nagaa mootummaa federaalafi TPLF gidduutti erga mallattaa'ee as humnoonni Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddaa dabarsanii raayyaa ittisa biyaatti kennuu Gamtaan Afrikaafi mootummaan Itoophiyaa beeksisanii turan.
Akkaataa walii galtee nagaa qaamoleen lamaan mallatteessanitti garuu hidhattoonni Tograay meeshaa hiikkachuufi humnoonni qaama raayyaa ittisa biyyaa hin taane Tigraay keessaa bahuun wal-faana raawwachuu qaba ture.
Gama biraan ammoo miidyaan naannoo Tigraay Dimtsi Weyane TVn humnoonni Amaaraa bakkeewwan Tigraayfi naannon Amaaraa irratti wal-falman keessaa jiraattota buqqisaa akka jiran gabaase.
Walqaayit-Xagadeen waggaa lama dura yeroo waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegalu humnoota Amaaran qabamee ture.












