Waraana Tigraayiin namoonni kuma 600 ta'an du'an - Oliseeguun Obasaanjoo

Taankii waraanaaa gubate

Madda suuraa, Getty Images

Waraannni kaaba Itoophiyaa akka furmaata argatuuf jaarsummaan hojjechaa kan turan pirezidantiin duraanii Naajeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoo waraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa tureen namoonni kuma dhibbe hedduun lakkaa'aman du'uu isaanii dubbatan.

Bakka bu'aa olaanaa Gamtaa Afrikaa ta'uudhaan jaarsummaa irratti hojjechaa kan turan Obasaanjoon, sababa waraa na Kaaba Itoophiyaa kanaan namoonni kuma 600 ta'an du'uun akka hin oolle Faayinaashiyaal taayimsitti himan.

Gaaffiifi deebii gaazexaa kanaa waliin taasisaniin Obasaanjoon sababa waraana kanaan namoonni hanga kanaa du'uun hin oolle haa jedhan malee, lakkoofsi sirriin hangam akka ta'e sirriitti beekuun hin danda'amu.

Yunivarsiitiin Beeljiyeem tokko kanaan dura qorannoo gaggeesseera jedheen namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman du'uun akka hin oolle tilmaame eture.

Lakkoosa namoota du'anii Obasaanjoon hime ilaalchisuun gaazexaan Faayinaanshaal Taayism Komishinara Olaanaa Komishnii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa (PhD) gaafatee jennaan, lakkoofsa namoota sababa waraana kanaan du'anii dhimmi ilaallatu of eeggannoo akka barbaachisu dubbateera.

Lakkoofsa namoota sababa waraana kanaatiin du'anii "lakkoofsa guutuu baruuf rakkisaa ta'uu isaa" eeruun, tilmaamaawwan qaamolee hundaan dhiyaatan of eegganootiin qoratamuu qaba jedheera.

Waraanni kun waggaa lama dura humnoonni Tigraay raayyaa ittisa biyyaa naannicha keessa buufate ture haleeluu isaanii kan jalqabe yoo ta'u, sarbama mirgoota namoomaafi mancaatii qabeenyaa olaanaa naannoo Tigraayiifi naannolee hollaa Amaaraafi Affaar keessatti qaqqabsiiseera.

Carraaqqii Gamtaa Afrikaa Oliseeguun Obasaanjootiin durfamuun mootummaan Itoophiyaafi aanga'oonni TPLF Sadaasa 2022 jalqaba waliigaltee waraana dhaabuurra gahuu isaaniitiin waraanichi dhaabbateera.

Obasaanjoon gaazexaa Faayinaanshaal taayimsitti akka himanitti, waraana dhiiga dhangalaasaa ture kana dhaabuudhaaf wayita qaamoleen lamaan Afrikaa Kibbaatti walitti dhufanitti, aanga'aan Itoophiyaa tokko "du'aatii namootaa guyyaatti 1,000 mudatu dhaabneerra," jechuu isaanii eeraniiru.

Waggaa darbe Yunivarsiitii Beeljiyeemitti argamu Geent Yuunvarsiitiin malawwan gara garaa fayyadamuun qorannoo gaggeesseera jechuun namoonni 400,000 du'uu isaanii ibsee ture.

Waraana waggoota lamaaf gaggeeffameen waraana kallattiidhaan gaggeeffameefi haleellaawwan raawwatamaniin namoota du'aniin alatti, kanneen nyataafi qoricha dhabuun du'aaf saaxilaman baayyeen jiuraachuu himamaa tureera.