Jireenyi waraanaan boodaa Maqaleetti maal fakkaata?

Madda suuraa, TD
Maatewoos Gabrahiwoot barsiisaa Yunivarsiitii Maqalee kan turee yoo ta'u, waraanaan dura mindaa argatuun maatiisaa gargaaraa ture. Haata’u malee, ji’oota 19 darabniif galii homaatuu osoo hin argatin jira.
“Deeggarsa hiriyoonnifi obboloonni keenya nuuf taasisaniin yeroo hamtuu dabarreerra,” jechuun haala keessa darban BBC'tti hime.
Waraana hamaa waggaa lamaaf lubbuu namoota hedduu gaaga’ee ture dhaabuuf mootummaan federaalaafi TPLF waliigaltee erga taasisanii ji’a lama darbeera.
Namoonni hedduun waliigaltee nagaa taasifame kana abdii guddaadhan, kaan ammoo ija shakkiitin ilaalu.
Waliigalteen nagaa erga taasifamee naannoo Tigraayitti tajaajilli bu’uraalee hawaasaa addaa citee ture iddootti deebi’aa jira.
Jijjiramni naannichatti ta'aa jiru jireenya uummataa irratti geedarumsa akkamii fide jennee jiraattotaa fi hojjattoota mootummaa gaafanneerra.
Maaltu eegamee ture?
Hojjataa mootummaa federaalaa kan ta’e Maatewoos, “gaarummaan isaa waraannifi oduun waa’ee waraanaa tasgabbaa’era. Kanarraa kan hafe jireenya irratti jijjiiramni dhufe homtuu hin jiru. Hanga ammaatti qaamni eessa jirtu jedhee nu gaafate hin jiru,” jedhan.
Waliigalteen nagaa mallattaa’uu hordofee silaa yoona hojjattoonni mootummaa fi jiraattonni magaalattii [Maqalee] hojiifi jireenyasaanii idileetti ni deebi’u kan jedhu eegaa akka turan dubbatu Obbo Maatewos. Garuu kun ammatti hin taane.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hospitaala Hayidaritti Daayireektara Olaanaa kan ta’e Dr. Abrahaa Gabraigzaabiher ammoo: “Hojjattoonni gara hojiisaanii idileetti ni deebi’u. Akkasumas hospitaalichis humna guutuun tajaajila kennuu eegala jennee eegnee turre,” jechuun waan abdataa turan himu.
Bajannis hospitaalichaa fi naannichaa gadi lakkifama jedhanii eegaa kan turan yoo ta’u, hanga yoonaa waa’ee bajata naannichaa waanti jedhame akka hin jirre hima Dr. Abrahaan.
Naannoo Tigraay keessa hojjattoota mootummaa 200,000 oltu akka jiru tilmaamama. Isaanis sababii waraanaa naannicha keessa tureetiin haala rakkisaa keessa akka turan yeroo garaa garaatti himamaa ture.
Akkasumas sababii qaala'insa gatiin rakkataa turaniifu, gatiin meeshaalee ni hir’ata, jireenyi uummataas ni fooyya’a jedhanii eegaa akka turan hima Maatewoos.
Magaalota naannichaa kan akka Maqalee, shire, Aksuum, Aduwaafi Allaamaaxaatti tajaajilliwwan bu’uuraa kanneen akka ibsaa, bilibilaafi intarneetii deebi’eera.
Jiraattonni BBC'n dubbise tajaajilliwwan kunneen bakkeewwan biroottilleen ni deebiifamu jedhanii akka abdatan himu.
“Jireenyi waan jijjiirame hin qabu”

Madda suuraa, Mulugeta D
Naannoo Tigraayitti waraanni dhaabatus, ammatti jireenya lammiilee keessattuu kanneen dur mindaa argataa turan irratti jijjiiramne dhufe homaatuu akka hin jirre himu.
Obbo Maatiwoos akka jedhutti, karaa bilbilaatiin namoonni maatiisaanii wajjin wal arguu danda’anis magaalota Tigraay gidduu tajaajilli geejjibaa sirnaan akka hin eegalle himan.
Keessumaa dhiyeessin boba’aa jiraachuu dhabuun ammoo gatiin geejjibaa dachaan akka dabalu taasiseera jedhu.
Obbo Maatiwoos maatiinsaanii Addigiraat jiran dhaqee dubbisuuf sababa qaala’iinsa gatii geejjibaatiifu deemuu akka hin dandeenye hima.
Daandiwwan gurguddaan naannoo Amaaraafi naannoo Affaar wajjin wal-qunnamsiisus hanga ammaa geejjibaaf banaa hin ta’in hafuun ammoo, uummanni naannichaa akka fedhetti socho’uu akka hindandeenye kaasu jiraattonni BBC'n dubbise.
‘Qorannoo laaboraatoorii dhaabne jirra jechuu dandeenya’
Dhaabbileen idil-addunyaa akka jedhanitti, hospitaalonniifi bu’uraalen fayyaa naannichatti argaman dhibbeentaan 75 hojiin ala ta’uu ibsu.
Bu’uuraalee fayyaa sababa waraanatiin manca’an kanneen iddootti deebisuuf dolaara biliyeena 1.4 akka barbaachisu Ministeerri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa ibsanii ture.
Ogeeyyin fayyaafi jiraatonni BBC'tti akka himanitti, jijjiiramni jiraatus bu’uuralen fayyaa ammayyuu haala gaariirra hin jiran.
Tigraayitti hospitaala guddaa kan ta’e Hospitaalli Rifaraala Maqalee “yeroo waraanaa caalaa amma haala yaaddessaa keessa jira” jechuun BBCtti himan Dr. Abrahaan.
“Haalli waliigalaa sirrii miti. Yeroo idileetti qorannoo laaboraatoorii hanga gosa 96 ni taasifna ture. Amma garuu gosa tokko qofa hojjanna,” jedha.
Kanaaf ammoo sababni hanqinni keemikaala qorannoo laaboraatoorif barbaachisudha. Akkasumas hanqinni qorichoota garaa garaa akka isaan mudate ibsu.
Isaan akkas haa jedhan malee, Dr. Liyaan garuu, waliigalteen nagaa erga taasifamee booda qorichi baasii birii miliyeena 81'tti tilmaamamu Maqalee seenuu dubbatan.

‘Baankii giddu-galeessaarraa qarshii homaa hin arganne’
Yeroo ammaa bilbilliifi intarneetin magaalota muraasa keessatti eegaluu kan dubbata Obbo Maatiwoos, garuu ammoo qarshii qaban baankiidhaa baasanii itti fayyadamuu akka hin danda’an himu.
''Baankonni magaalota kana keessatti deebi’anii hojii eegalan qarshii 2,000 ol nama tokkoof kennaa hin jiran.''
Jiraataa magaala Maqalee kan ta’e Tsaggaayi torbee darbe BBC'tti akka himetti, qarshii 10,000 baankidhaa fudhachuu dhaqee 2,000 qofa argate.
Baankii Wagaaganitti hojii gaggeessaa distiriiktii Maqalee kan ta’e Obbo Haftoom Gabraigzaabiher, baankiin biyyaalessaa qarshii homaatuu akka gadi hin lakkisin himan.












