Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Ameerikaa: 'Tiraamp Covid-19 irraa yoo hin fayyine falmiin hin gaggeeffamu' -Joy
Kaadhimamaan pirezidaantii Dimokiraatotaa Joy Baayiden yoo Tiraamp Covid-19 irraa hin fayyine falmiin marsaa 2ffaa hin gaggeeffamu jedhan.
Falmiin marsaa 2ffaa Tiraampiifi Baayiden taasisan Onkoloolessa 15 gaggeeffama.
Akkan yaadutti yoo ammayyuu koroonaavaayirasii qaba tahe falmii hin gaggeessinu,'' jedhe Baayiden.
''Qajeelfamoota cimsinee hordofuu qabna jedheen yaada. Namootni baay'een faalamaniiru waan taheef rakkoo hamaadha.''
Falmiin kun Miyaamiitti gaafa Onkoloolessa 15tti ture kan karoorfameeru.
Tiraamp Onkoloolessa 1 vaayirasichaan qabamuu kan himan yoo tahu, yoom akka qabamaniifi yoom irraa eegalee dhukkubuu akka eegale hin beekamu.
Akkaataa qajeelfama fayyaa UStti Tiraamp erga mallattoon irratti argamee adda of baasuun guyyoota kudhaniif turuu qaba.
Gorsituunn duula filannoo Tiraamp BBCtti akka himtetti, pirezidaantichi falmii karaa foddaa televizhinaa tamsa'u itti aanu irratti hirmaachuu akka danda'an, ''abdiin qaba'' jedhan.
Jeenaa Eelis BBCtti akka himteitti, ''Tiraamp hojii gaarii irratti argamu'' garuu murtoon xumuraa hakiimota Waayit Haawus waliin mari'atamuun kan murtaa'u taha."
Eelis dhimma vaayirasii kana cimsanii qabachuun irratti hojjechaa jiru garuu soda vaayirasii keessa jiraachuu hin qabnu jette.
Itti dabaluun Joy Baayiden falmii jalqabaa waca fi jeequmsaan guutame irratti ,''haala gaariin hin hojjenne'' jedhan.
''Ifaadha isa kanarratti Baayiden karaa keessaa bahu barbaada,'' jette.
Falmii Tiraampiifi Baayiden kanaan dura gaggeessan miidiyaalee adunyaa hedduun qeeqameera. Tiraamp dubbii Joy Baayiden gidduu yoo xiqqaate si'a 73 galuun dubbateera.
Miidiyaaleen falmii arrabaafi qoccolloon guutame jechuun ibsaa turan.
Miidiyaaleen UK ammoo falmii kanaan kan mo'ame uummata Ameerikaati malee namootni lameen waan qaban dhiyeessaniiru jedhanii ture.
Tiraamp weerara koroonaavaayirasii to'achuu dadhabuun qeeqamaa turan ofiin lammiilee Ameerikaa Miliyoona torbaa ol vaayirasichaan qaban keessa galaniiru.
Pirezidaantichi guyyoota lama hospitaalatti yaalamaa turuun gara Waayit Haawustti deebi'aniiru.