Isheen Eenyu 26: Haadha qabeenyaa hojii footoo kooppiin daldala eegalanii milkaa'an - Ijjigaayyoo Hambisaa

Madda suuraa, EJIGAYO HAMBISA
Aadde Ijjigaayyoo Hambisaa haadha qabeenyaati. Magaalaa Naqamteetti mana maxxansaa, hoteela guddaa fi warshaa daakuu namoota hedduuf hiree hojii bane qabu.
Hojii Footoo kooppii fi tajaajila barreeffamaa kennuurraa ka'uun sadarkaa kana gahan.
Keessummaa keenya 'Isheen Eenyu?' ta'anii muuxannoo isaanii nuuf qoodaniiru. Dhiyaadhaa!

Ijjigaayyoo Hambisaan jedhama. Wallaga lixaa magaalaa Gimbitti dhaladhe. Gaafa ganna afur ta'u maatiin kiyya gara Wallagga Bahaatti dhufanii achitti guddadhe.
Barnoota sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa magaalaa Naqamteetti baradhee xumure.
Barnootaa koolleejjiis magaalaa Naqamteetti gosa barnootaa 'Business Management' dippiloomaa kiyya Koolleejjii Afriikaa Beezaa damee Naqamteetti baradhee xumure.
Jalqabbii hojii daldalaa…
Bara 1992 A.L.I Finfinnee Obboleessa kiyya hangaafaa bira deeme. Bara 1993 fi 1994 magaalaa Finfinneetti leenjii kompiitaraa fudhadheen xumure.
Obboleessi kiyya nama biratti qacaramee akka hojjadhu waan hin barbaanneef meeshaalee na barbaachisan naa guutuudhaan magaalaa Naqamteetti kiraa manaa ji'a jahaa kaffalee mana naa kireesse.
Anis achitti mana tajaajila kompiitaraa hojjachuu jalqabe. Tajaajila akka barreeffamaa, kaardii biizinasaa, footoo koppii fi k.k.f hojjachaa ture.
Yeroo sanitti kompiitara tokkoo fi maashinii koppii tokkoon hojii jalqabe.
Hojii tajaajila kompiitara kana itti fufuun gara mana maxxansatti ol guddise. Manni maxxansaan sun amma hojjattoota 34 qaba.
Eega hojii mana maxxansaa san jalqabeen booda heerumee maatii ijaarradhe.
Abbaan warraa kiyyas hojii daldalaarratti nama hirmaatu waan ta'eef wal gargaarree nama lamaan magaalaa Naqamteetti hooteela Faarmilaand jedhamu bannee hojitti galle.
Hojii hoteelaa kana keessatti hojjattoonni dhaabbataa 80'tu jira. Baay'inni hojjattoota haala jirurratti dabaluu yookiin hir'atuu danda'a.
Fakkeenyaaf yeroo bonaa wal gahiin adda addaa jira waan ta'eef yeroos lakkoofsa hojjattoota keenyaa ni dabala. Yeroo kaan immoo haalli hojjattoota lama hir'isnu jiraatuu danda'a.

Madda suuraa, EJIGAYO HAMBISA
Dabalataanis warshaa daakuu Jiijii jedhamu hundeessinee hojiitti jirra. Warshaa daakuu kana hundeessuuf wanti nu kakaasee inni guddaan naannoo magaalaa Naqamteetti warshaan daakuu hin jiru ture.
Kanarraa kana ka'e nutis hojii naannichatti hin baratamne kana hundeessine.
Warshaa daakuu keessattis konkolaachistootaa, hojjattoota raabsaa irratti hojjatan dabalatee walumaa galatti hojjattoota 78 qabna.
"Eessallee hin geessu naan jedhaa ture"
Hojii daldalaa ani keessatti hirmaadhu kana baay'ee jaalladheeti kan hojjadhu. Jireenya keessatti gaafa waa hojjattu danqaan adda addaa nama mudata.
Danqaa nama mudatu kanas abbamatu ilaallatee furmaata fida malee danqaaa san jalaa bahuun namatti ulfaachuu mala.
Hojii daldalaarratti namoonni naan dorgoman aangootti fayyadamanii na miidhuun fa'a na mudateera.
Hawaasnis dubartii waan taateef cal jettee jalqabde malee eessallee hin geettu naan jedhaa ture.
Jalqabarratti sitti amanamummaa dhabu, booda eega hojii kee argan booda ilaalchi isaanii ni jijjiirama.
Hojii hojjannu keessatti milkaa'uuf gargaarsi Rabbii keessa jiraannaan salphaa ta'a. Gragaarsi Rabbii qofti garuu milkaa'innaaf gahaa miti.
Namnis carraaqqii guddaa taasisuu qaba. Namnis laafuu osoo hin taane gara fuulduraa ilaalaa jabaatee hojjachuu qaba.
Hojiilee garagara keessatti kophaa kiyya bakka hunda gahuu hin danda'u.
Fakkeenyaaf mana maxxansaa keessatti oppireetara maashinii ta'uu hin danda'u, hoteela keessatti qarshii qabduu ta'uu hin danda'u wanni ani hojjachuu danda'u garuu namoota ogummaa garagaraatiin bakkeewwan hojii garagaraarra jiran jabinnaan hogganuu ni danda'a.
Jabinni kiyya hoggansarratti jabduudha. Hojiilee daldalaa hojjannu keessatti hojjattoota kiyyaaf hoggansa jabaa kennuurratti cimtuudha.
Hojii keessatti qaawwa uumamuuf yeroo hin kennu. Dafee murtee murteessuu qabuu fi tarkaanfii fudhachuu qabu fudhadha.

Madda suuraa, EJIGAYO HAMBISA
Ani hojii daldalaa kana keessatti wanni baay'ee na gammachiisu yoo hojjataan hojii na biratti hojjatuun gammadee maatiisaa gargaaruudha.
Hojii qaba jedhee gara hojitti dhufee hojiisaa haalan hojjatee gammadee gaafa oolu arguu caalaa wanti na gammachiisu hin jiru.
Gara fuulduratti hojiilee daldala adda addaarratti hirmaachuu barbaada.
Dubartiin yoo cimte maatii, hawaasni fi biyyi ni cima. Ciminni dubartii kallattii tokko qofaan miti kan ilaalamu.
Dubartoonni waan naannoosaanii jiru ilaalanii hojitti yoo galan waan hedduu fooyyessuu danda'u. Hojii jalqaban sanis karoora fi sagantaa itti baasanii hojjatu taanan milkaa'uu danda'u.
Dubartoonni carraa argatan hundatti fayyadamanii gara fuulduratti tarkaanfachu qabu.















