Isheen Eenyu? 21: 'Shamarran gonkumaa nama isaan gudeedetti heerumuu hin qabani'

Madda suuraa, TEMSALET
Naannoo Gaambeellaatti gudeeddiin dubartootaa naannoo baay'inaan itti mul'ate gatii taheef wiirtuu dubartoota miidhaman gargaaru banuun dirqama ture jedhu Aadde Akwaataan.
Aadde Akwaataan Omood naannoo Gaambellaatti dhalatanii guddatan. Bara Dargii shiftoota mootummaaa morman waliin hidhata qabdu jedhamuun abbaa warraa isaanii fi ilma isaanii waliin waggaa shaniif mana hidhaa turaniiru.
Erga Dargiin kufee booda barnoota kutaa sadeettitti addaan kutan itti fufanii baratan. Hanga kooleejiittis barataniI seeraan dippiloomaa argatan, amma digirii isaanii barataa jiru.
Itti gaafatamtuu dhimma dubartootaa dabalatee sadarkaa garaagaraa irratti mootummaa tajaajilaniiru. Aadde Akwaataan akkatti dubartoota gudeedamaniif tajaajila iddoo tokkotti kennu jalqaban dubbatu.
Mootummaan Naannoo Gaambeellaa fi mootummaan Federaalaa waliigalteewwan garaagaraa erga raawwatanii, bu'aa bahii baayyee keessa darbameetu baname jedhan.
- ISHEEN EENYU? 1: Jiruu biyya Arabaarraa hanga investeraatti
- ISHEEN EENYU? 2: 'Dubartoonni waan fedhan tahuuf mirgi isaanii eegamuufi qaba'
- ISHEEN EENYU? 4: 'Herreega waliin akka tasaa wal jaalanne'
- ISHEEN EENYU? 14: 'Karoorrikoo nyaata aadaa Oromoo Addunyaatti beeksisuudha'
''Animmoo dhimmi dubartii ijaa na quuquufi seera gatiin baradheef filatamenan wiirtuu kana akkaan hogganu tahe,'' jedhu Aadde Akwaataa Omood.
''Yeroon hojii kana jalqabu ijoollee dubaraa fi shamarran gudeedamuu hin qabani, yoo gudeedaman immoo gargaarsa argachuu qabu amantii jedhu gatiin qabuufi.''
Wiirtuun akkasii kana dura Dirree Dhawaa qofa ture achiin muuxannoo fudhadhee dhufeen ana dabalatee hojichaaf namooti afur filatamneetu hojicha jalqabne.
Namoonni kuneenis ogeessota akka tahn dubbatu-poolisii, hakiima, abbaa alangaa fi ogeessa xiinsammuu.
Yeroo shan taanee hojii kana jalqabnu daa'imini tokko gudeedamtee dhufte. Daa'ima haala kanaan dhufte maatiitti deebisuu waan hin dandeenyeef of bira tursuu qabna turre.
Kanumaan mootummaan naannoo iddoo bal'aa naaf kennee wiirtuu ijoollee dubaraa gudeedaman itti bayyannatan bannee jechuu dha jedhan Aadde Akwaataa Omood.
Kanaaf daa'imni yookiin Shamarreen tokko gudeedamtee gaafa dhuftu mana hakiimiitti yaalchisnee, qorachiifnee sana booda dhimma ishee abbaa alangaattii dabarsinee gara wiirtuutti galti jedhan.
Wiirtuu kana keessatti namoonni nyaata bilcheessan, qulqulleessitootaa, faayinaansiifi kan ijoollee kunuunsan qacaramanii jiru jedhan.
Daa'imni ykn shamarreen tokko asumatti yaalii fi adeemsa seeraa hordofaa nu bira turti miidhamni ishee jabaa yoo tahe immoo gara hospitaala olaanaa Finfinnee jirutti ishee geessina jedhu.
Hojii keenya kanaan hanga yoonaa daa'immaniif shamarran 110 tahan gargaarree jirra jedhu. Wiirtuun isaan 'daa'imman daandiitti gatamanii argaman akka fuudhee guddisuus dubbatu.
Kanneen gudeeduudhaan himataman keessaa namoonni shan murtii argataniiru. Shamarran miidhaan irra gahee tures gara maatii isaanii deebi'anii barnoota isaaniitti deebi'aniiru,jedhan.
''Isheen tokko garuu akka malee miidhamuu isheen irraan kan ka'e dubbachuullee waan hin dandeenyeef deeggarsa baayyee booda xiqqoo dubbachuu jalqabdee yaalii biraaf qophaa'aa jirti,'' jedhan.
Tajaajila kana kennuu irratti danqaan nu mudatu inni tokko jedhu Aadde Akwaataa Omood, ''daa'imni ykn shamarreen tokko gudeedamtee dafnee yoo qaqqabuu baanne maatiin nama ishee gudeedeefi maatiinshee waliigalanii gara gaa'ilaatti galu,''
Nutimmoo, ''daa'imni tokko yeroo gudeedamtu nama miidhaa isheerraan gahetti heerumuu hin qabdu. Innis seeraatti dhiyaachuu qaba, shamarreen sun immoo asitti bayyannattee barumsashee itti fufuu qabdi jenneetu barsiifna,'' jedhu Aadde Akwaataa.
'Daa'mni tokko gudeedamtee duuteetti'
Shamarreen ganna 14 gudeedamtee duute jennnaan, namichi ishee gudeede hidhaan waggaa 25 irratti murtaa'era.
Yeroo shamarreen sun duutee murteen mana murtii yoo dubbifamu namoota waajira haqaa, fayyaa, hawaasummaafi dhimma dubartootaa waamee akka isaan dhaggeefataniifi miidhaan dubartii irra gahu hangam akka tahe akka baran taasiseera.
As Gaambeellaa keessa kaampiin baqattootaa jira, ''achi keessattillee dubartoonni gudeedaman dhufu, naannolee ollaa Oromiyaa fi Kibba irraallee ni dhufu,'' jedhu.
''Warreen ijoolee shamarranii gudeeduun himataman keessaa 10 kan tahan to'annoo jala oolaniiru. Kanneen keessaa immoo shan murtee argataniiru.''
''Kaan garuu murtoo kan hin arganne sababii shamarran gudeedaman takkaa jecha isaanii mana murtiitti kennanii mana warra isaanitti yoo galan deebi'anii ragaa bahuuf ijaa hin dhufneef murtoo kennisiisuun ni ulfaata,'' jedhan.
Shamarran yeroo gudeedaman hawaasni akka gabaasuuf bilbila sarara bilisaafi bibila ogeessotaa naannoo naannootti raabsineerra.
Haa tahuu malee akkuma namoonni yeroo rakkoon uumamu gabaasan jiran, erga shamarree gudeedamte jedhamte barbaacha deemnee 'soba dha' jedhamnee deebinee beekna.
'Dhimmi dur gad hin baane amma ifatti bahaa fi haqa argachaa jira kunimmoo sababii dhaabbata kanaafi,kana boodas gara duubaa otoo hin jedhiin, hawaasa goodaa jiru barsiisuun barbaada, jedhu Aadde Akwaataan.
''Dubartiin gudeedamtee, reebamteefi dhiignishee dhangala'ee yoo dhuftu garaan koo hin danda'u. ''Miidhaan akkasiis tasumaa irra gahuu hin qabu gatii taheef, hojii kana cimsee itti fufuun fedha,'' jedhu.

*Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.

















