Isheen Eenyu 5: Afrikaa Bahaatti hoggantuu olaantuu Microsoft

Madda suuraa, MICROSOFT
Maqaan koo Amrootee Abdallaa jedhama magaalaa Naayiroobii ergan jiraachuu jalqabee waggaa jaha taheera. Maatiin koo lammiilee Eritiraafi Itoophiyaati, karaa haadha koo Kiristaana, karaa abbaa koo ammoo Musliimadha.
Yeroon ganna 33 turedha kan ani Afrikaa Bahaatti hoggantuu olaantuu Microsoft tahuun kanan ramadame. Yeroos dinqameen ture, otoo anaa tahee of hin qacarun ture.
Gaafan qaccarriidhaaf waamamee hogganaa kootiin ''beektaa code(qajeelfama sagantaa kompitaaraa) gochuu hin danda'u isan jedhe hin irraanfadhu.
Innimmoo, eeyyeen nan beeka namoota kumaatamaan lakkaawwaman 'code' gochuu kan danda'an, namoonni kuma dhibbaan lakkaawwaman immoo kan nuuf hojjetan qabna.
Atimmooo akkatti gara Afrikaa carraa fiduu dandeenyu nu gargaarta waan naan jedhe hin irraanfadhu.
Oduuwwan kanatti dhiyaatan kanneen keessa argattu:
Amma garuu addunyaa teekinolojii keessan hojjedha jechuun afaan guutee dubbachuu nan danada'a.
Lafa hojiitti dubartii tahuun carraa namaa uuman jedha. Maaliif yoo jenne? Akkitti namoota kaan hubannuufi haalota xiinxaluuf ija addaa qabna jedheen yaada. Furmaata kennuufis yeroo nutti hin fudhatau.
Afrikaadhaaf iddoon ani qabu guddaa dha. Teeknolojii fayyadamuudhaan guddina ardii kanaa karaatti guddisan ariifachiisuu irrattin hojjedha.

Madda suuraa, MICROSOFT
Yeroo hogganaa jedhamu maqaa sana duuba dhimmooti biroon jiraachuu ni irraanfanna. Kan ani baradhe namoota garaagaraa hogganuu danda'uu dha, sababiinsaa na jalatti umuriidhaan kan ana hangafanis tahe anaa gaditti jiran jiru.
Kanaaf, humna ofii beekuu, waan beeknuufi hin beekne adda baafachuu qabna. Yeroo hunda ofii keenyaan barumsaaf of qopheessuu qabna.
Hoggansarra gaafa teessu namoonni hangam si dhagahu waan jedhurratti murtaa'a.
Kanaaf, namoonni itti gaafatamummaarra taa'an yeroo baayyee iddoo ofiisaaniif kennan irraa kan ka'e karaa sadiin ilaaluu dandeenya. ''Kuni iddoo kootiii? Asitti homaa hin fayyadu'' jennee dandeettii keenya yerootti shakkinu dha.
Karaa biraatiin immoo ''iddoo kanatti ana caalaa namni barbaachisu hin jiru'' miira jedhu ofkeessatti guddifna. Sadarkaan inni kaan immoo guddinaa keenyaafis tahe hojii tokkoof kan fayyadu, ''hojiin kuni anarra ni caala,'' kan jedhu dha.
Namoota anarra fooyyee qaban, saffisoo fi cimoo tahan fideen hojiin jalqabe xumura kan ittiin jennu dha.
Dabalataan dubartii taatee gaafa hoggantu xinnoo akka ulfaatu tilmaamuun salphaa dha. Keesumaa akka koo gosa hojii dhiiroti itti baay'atan keeesaa hoggantuu tahuun rakkisuu danda'a.
Mudannoon hin irranfanne tokko, tibban hojii jalqabe tokko waajjirri koo hariiroo mootummaa waliin qabu cimsuuf jecha walgahiidhaaf gara waajira ministiraatti na erge.
Lafa walgahii yeroon galu ministirrifi namooti ergaa walii dabarsaa turre dhaabbatanii balbala ilaalaa nama biraa eegu.
Achhii, ''namni eegnu biraa jira moo?'' jedhee yoon gaafadhu. ''Obbo Abdallaa eegaa jirra'' inni naan jedhan hanga har'aa na kofalchiisa.
Obbo Abdallaa eegna taanaan Itoophiyaa waan jiraataniif yeroo dheeraa waan fudhatuuf, walgahii keenya haa eegallun jedhe. Yeroos fuulli isaanii yeroo geeddaramu argeera.
Dargaggeettii taatee itti gaafatamummaa guddaa irra yeroo teessu, namoonni hojiidhaan hanga arganitti amanuuf isaanitti ulfaata. Danqaa caalaa garuu carraa anaaf banutu baay'ata.
Amma immoo ijoollee dhiiraafi dubaraa akka koo warra itti gaafatamummaa baatanii dhufaniif haala mijeessuufii qabna jedheen amana. Yeroon yoo jijjiramaa dhufu, jijjiiramnsi waliin dhufa.
Isa hoggantuun dubartii dubartoota biroo irratti ni hammaatti jedhamu ani itti hin amanu. Sababiinsaa amalli keenyi saala keenya waliin hariiroo qaba jedhee hin yaadu.

Madda suuraa, MICROSOFT
Kanaaf dimshaashumatti murteessuu hin qabnu jedheen amana.
Hojii hoggantummaa kanarratti dogoggora irraa bilisa tahee hin beeku. Haatahu malee waan dogoggora tahe tokko akka balleessaatti hin ilaalu sababiinsaa na barsiisee darba jedhee gatiin amanuuf.
Dubartootaaf ergaan ani dabarsuu yoo jiraatee waan ofitti himurraa waan adda tahuu miti. Dubartoonni waan raawwachuuf kaayyeefatan jiraannaan yaaluu dhaabuu hin qaban.

*Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.

















