Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr. Mararaa Guddinaa hiikaman
Dura taa'aa paartii Koongirasii Federaalistii Oromoo kan ta'an Dr. Mararaa Guddinaa hidhaa waggaa 1 fi baatii lama booda har'a gadi dhiifaman.
Ministirri komunikeeshinii mootummaa Dr. Nagarii Leencoo, Dr. Mararaan amma booda nama bilisa, "maatii isaaniin baga gammaddan" jechuun BBC'tti himanii jiru.
Ilma obboleettii Dr. Mararaa kan ta'e Taayyee Nagaraa, Dr. Mararaa simachuuf gara mana hidhaa Qaalittiitti obboroon imalanii eegaa erga turanii booda, hoggantoonni mana sirreessaa Qaallittii "manatti fidna, galaa manatti eegaa" nuun jedhan jechuun BBC'tti himee jira.
Boodarras mana hidhaa Qaallitti irraa gara Qilinxoo geeffamanii achitti gadhiifamuu isaanii dubbateera.
Maatii, hiriyootaafi dinqisiifattoonni Dr. Mararaa akkasumas uummatni kumaatamaan lakkaa'amu Buraayyuu, naannoo mana jireenyaa isaaniitti wal gahanii simataniiru.
Dr. Mararaa Guddinaa namoota 115 himatni isaanii adda citee mootummaa federaalaan gadhiifamu jedhaman keessaa isaan tokko.
Xalayaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaatiin Mana Murtii Federaalaa damee Lidataaf barraa'e, Dr. Mararaan himatni isaanii kan adda cite 'faayidaa uummataafi mootummaafi' ta'uu agarsiisa.
Dura taa'aan paartii Koongirasii Federaalistiii Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa affeerraa paarlaamaa Awrooppaatiin qaamolee garaa garaa waliin mari'atanii wayita biyyatti deebi'an Sadaasa bara 2016 kan hidhaman.
Himata
Dr. Mararaan Awurooppaa deebi'anii erga hidhamanii booda Oromiyaa keessatti jeequmsi akka ka'uu fi namaaf qabeenyarra miidhaan akka gahu waamicha gootaniittu jedhamuun mana murti federaalaa dame Lidataa dhaddacha yakkaa 19ffaatti himatamaniiru.
Himanni irratti banames kan kanaa gadiiti.
- Dura taa'ummaa Paartii KFO fi paarticha dahoo godhachuun kaayyoo siyaasaa, amantaa fi ilaalcha dhuunfaa galmaan gahuuf yaaduun akkasumas mootummaarratti dhiibbaa uumuun sochilee siyaasa, hawaasummaa fi diinagdee biyyattii jeequufii kuffisuuf socho'aniiru.
- Bara 2014 dhimma maastar pilaanii qindaa'aa Finfinneen walqabatee magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti deeggartoota isaanii jeequmsaa fi hokkaraaf kakaasaniiru.
- Godina shawaa lixaatti ijaarsa daandii magaalaa Amboo gara Kaarraa geessuu addaan kuchisiisuun, kaampii gubsiisuun konkolaattotaa fi maashinaroota irraa balaa birrii miiliyoonaa lamaa fi kuma dhibba sagaliifii shantami torbaatti shallagamu akka barbadaa'u taasisaniiru jedha.
- Magaalaa Burraayyuutti qabeenya birrii miiliyoona 42'tti shallagamu irra balaan akka gahu kakaasuu, godina shawaa kibba lixaatti aanaalee Walisoo, Ammayya, Gooroo, Tolee, Iluu, Qarsaa fi Wanciitti manneen bulchiinsa gandaa, manneen jireenyaa dhuunfaa, dhaabbilee inveestimantii habaaboo fi meeshaalee biroo miiliyoona 17'tti tilmaamamu irratti miidhaan akka gahu taasisaniiru.
- Ayyaan irreechaa bara 2016 irratti hidhattoonni mootummaa uummata Oromoo ayyaanicha kabajaa ture irratti ajjechaa raawwataniin namoonni 678 ajjefamaniiru jechuun Televijiinii Oromiyaa Midiyaa Netwoorkitti himuun waamicha jeequmsaa dabarsaniiru kan jedhanidha.
Waa'ee Dr. Mararaa Guddinaa qabxiilee ijoo
Hidhaa mootummaa dargiin booda barnoota isaanii itti fufuuf gara Yunivarsiitii Ameerikaa magaala Kaayirootti argamuutti imalan.
ADWUI'n Sirna Dargii erga Aangoorra buusee booda bara 1996, Dr. Mararaan paartii Koongireesii Biyyoolessaa Oromoo hundeessuun gara siyaasaatti deebi'an.
Bara 2007 Moggaasni maqaa paartichaa mana murtiin garee biraaf akka kennamu waan murtaa'eef, Dr. Mararaan maqicha gara Koongireesii Uummata Oromootti jijjiiran.
Dr. Mararaan paartilee siyaasaa biroo waliin ta'uun dhaabota ''Hibrat'' fi ''Madrak'' jedhaman hundeessuu fi dursuudhaaniis gahee olaanaa qabu.
Hojiilee siyaasaa maddiittis Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti baroota dheeraaf barsiisaa fi hoogganaa muummee barnoota saayinsii siyaasaa ta'uunis tajaajilaa turaniiru.
Filannoo bara 2002 irrattis miseensa paarlamaa ta'uun filamaniiru.
Mana maree bakka bu'oota uummataa keessattis faayidaan uummataa akka kabajamuuf gahee olaanaa bahaniiru.
Bara 2014'tti mormii naannolee Oromiyaa keessatti dhohee yeroo dheeraaf itti fufeen labsii yeroo hatattamaa cabsuun qaamolee farra nageenyaa ta'aniifii gareewwan shororkeesitoota jedhaman waliin hariiroo qabdu jedhamuun sadaasa bara 2016 hidhamaniiru.
Dr. Mararaan beekumsaa fi muuxannoo siyaasaa barsiisummaafi hoogganaa partii siyaasaa mormituu ta'uun horataniin Siyaasa Itoophiyaarratti barruulee heedduu barreesaniiru.
Dhimmuma kana irrattis waltajjiiwwan adda addaa irratti ibsa kennuuf afeeramaniiru.
Hidhamuu isaaniin duras sadaasa bara 2016 affeerraa Paarlaamaa Awroopaatiin miseensota paarlaamaa Awurooppaaf haala siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru ilaachisee ibsa kennaniin labsii yeroo hatattamaa mootumman Itoophiyaa labse balaaleffatanii turan.