Awustiraaliyaan jeettiin waraanaa Chaayinaa xiyyaara kiyya fuldura 'sochii hamaa taasise' jechuun himatte

Madda suuraa, Getty Images
Awustiraaliyaan naannawa Galaana Kibba Chaayinaatti balaliisaan jeettii waraanaa Chaayinaa xiyyaara ishii biratti sochii hamaa taasise jechuun himatte.
Akka Awustiraaliyaan jettetti jeettiin Chaayinaa xiyyaara Awustiraaliyaa haala naannichaa to’atu biratti ifa tasaa gadhiiseera.
Achiitii meeshaa farra raadaarii gadhiisuu, caccabaan aluminiyeemii kunis motora xiyyaaraa Awustiraaliyaa seenuu ibsite.
Dhimma kana irratti Chaayinaan waan jette hin qabdu.
Chaayinaan bakki naannichaa gara caalu kiya jetti. Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaniis taateen kuni Caamsaa 26 raawwatuu himan.
Taateen raawwate xiyyaara Humna Qilleensaa Awustiraaliyaa P-8 jedhamuufi hojjettoota balaarra kan buuse ta’u ibsan.
Badii kanaaf jeetti Chaayinaa J-16 jedhamu himatan.
Ministirri Ittisaa Richaard Maarles jeettiin Chaayinaa fuuldura xiyyaara Awustiraaliyaatti dhihaatee balali’uun caccabaa aluminiyeemii itti gadhiisuu himan.
‘’Kuni hamaadha,’’ jechuun televizhinii ABC’f himani.
Ministeerri Ittisaa Awustiraaliyaa ibsa baasen naannichatti waggoota kurna hedduuf haala jiru hordofuu isaafi kanas seera idil-addunyaa bu’uura godhachuun ta’uu ibse.
Chaayinaan naannichatti erga yeroo dhihootii bu’uuraalee waraanaaf tolan ijaaraa jirti. Ameerikaafi biyyoonni ollaa biroo Awustiraaliyaa dabalatee sochii ishee kana mormu.
Guraandhala darbe Awustiraaliyaan dooniin Chaayinaa xiyyaara waraanaa isheerratti balaqqistuu gadhiisuun himachuun ishee ni yaadatama.













