Naannoo Amaaraa: B/Janaraal Tafarraa Maammoo 'heera biyyattii humnaan diiguuf' yaaluun shakkamani - Abukaatoo

Torban kana gaafa Wiixataa magaalaa Finfinnee keessaa dhabamuun isaanii kan ibsame ajajaan duraanii humna Addaa Amaaraa 'sirna heeraa biyyattii humnaan diiguuf yaalaniiru' jedhamuun shakkamuu abukaatoon isaanii himan.

Birgaader Janaraal Tafarraa Maammoo guyyaa Jimaataa magaalaa Baahirdaar mana murtii waliigalaa Naannoo Amaaraatti dhihaachuu abukaatoon isaanii Obbo Shaggaaw Allabal ibsaniiru.

Qondaalli kun humnoota tikaan qabamanii helikoftaraan gara Baahirdaar geeffamuun isaanii ibsameera.

Gaafa Roobii ture Baahirdaar jiraachuu isaanii baruu maatiin kan BBC'tti himan. Qondaalli kun buufata poolisii sagalaffaa Baahirdar akka jiran ibsamee ture.

Guyyaa har'aa jecha isaanii poolisiif kan kennan yoo ta'u, ''sirna heeraa biyyattii humnaan diiguuf,'' shakkamuu itti himamuu abukaatoon dubbatu.

Dhaddacha har'aan B/Janaraal Tafarraan A.L.I Caamsaa 08, 2014 haala to'annoo jala oolan, 'reebicha irratti raawwate' mana murtiif ibsaniiru.

Magaalaa Baahirdaar irraa wal'aansaaf gara Finfinnee dhufuun isaanii kan ibsame janaraalichi, gaafa Wiixataa Finfinneetti qabamuu himu.

Hiriyyaa isaanii waliin turanii gara sa'aatii kudhanii osoo konkolaachisanii naannoo Bataskaana Yooseef gidduu daandii marfataa irratti fuulduraafi duubaan konkolaattonni akka isaan dhaabsisan himan.

''Osoo isaanitti hin bu'in konkolaataa nujalaa rukutte jedhanii akka dhaabsisaniifi eegasiis humnaan qabanii gara konkolaataa biraa akka galchan, galchuuf yeroo yaalaniis booksiin akka isaan rukutan,'' dubbachuu abukaatoon himu.

''Gara kam akka na geessan hin beekun ture,'' kan jedhan janaraalichi, 'laphee isaanii mirgaa gadiifi morma isaanii jala booksiin rukutamuu akkasumas ija isaanii bira rukutamu isaanii,' dubbatan jedhan.

Gocha kana kan raawwatan humnoota tikaa hidhataniifi hidhannoo hin qabne akkasumas lakkoofsaan hedduu ta'anidha jedhanidha.

Abukaatoon isaaniis har'a fayyini qaama isaanii gaarii akka ta'ee fi hanga kaleessatti adda isaanirra dhiitoon akka ture ibsaniiru.

Jalqabaratti eenyummaa namoota kanaa kan hin hubanne ta'us boodarra halkaniin gara kutaa lafa jala jiru keessatti yemmuu hidhaman, bilbila, herreega baankii fi konkolaataan qabatanii turan harkaa fudhatamuu himan.

Achis hilikooptaraan gara Baahir Daaritti waan isaan fidaniif, qondaaltota tikaa ta'uu isaani mirkaneessuu isaanii himu.

Mana hidhaa dukkanaa sanatti yeroo geeffaman, fuulli isaani haguugame akka hin agarree taasifamii akka turanii fi guyyaa lama achi keessa turuu isaani har'a dhaddachatti himaniiru.

Sana boodas gara Baahirdaaritti hilikooptaraan kan isaan fidan yoo ta'u, "maaliif gara Baahir Daaritti isaan fidani? Gaaffii nannoo Amaaraanidhaa?" jechuun BBC'n abukaatoo gaafateera.

Abukaatoon isaanii, naannichi isaan barbaada ykn hin barbaadu kan jedhu akka hin beekamneefi akka qorataa irraa dhaga'anitti, qorannoon kun kan eegalamee fi kan gaggeeffamaa jiru waliigaltee poolisoota federaalaa fi nannoon akka ta'e ibsaniiru.

Janaraalichi kanaan dura yaaddoo akkanaa qabu turee gaaffii jedhuuf, yakki raawwadheera jedhanii shakkan waan hin jirreef waan akkanaa na quunnama shakkii jedhu hin qaban ture jechuun abukaatoon dubbatu.

Dhaddacha har'aa irratti, poolisiin qorannoo akka hin jalqabne ibsuun, shakkamaa hasoofsiisuu isaa himuun beellamni yeroo akka eeyyamamuufiif gaafateera.

B/Janaraal Tafarraanis deebii kennaniin "kana waliin wal qabatee sababni shakkisiisaan hin jiru, ta'us garuu yoon shakkamellee ragaaleen haa dhiyaatan jedhaman walitti funaanuuf beellama yeroo kennuun barbaachisaa miti.

''Dhiyeenyas wal'aansaaf gara biyya alaatti imalan qabuufan gara finfinneetti dhufe, kunis yaadannoo keessa naaf haa galchamu" jedhaniiru jedhan.

Manni murtichi dhaddacha har'aa irratti, poolisiin qorannoo jira jedhe xumuree akka dhiyeessuuf Caamsaa 22'tti beellama kenneera.

B/J Tafarraan eenyudha?

B/J Tafarraan miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'un sadarkaa qondaala olaanaatti kan tajaajilan yoo ta'u, waggoota kudhan dura fonqolcha gaggeessuuf yaadaniiru jedhamanii namoota kaan waliin hidhaa turani.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti bahuu hordofee hidhaatii bahanii gahee garagaraarratti tajaajilaa turani.

Dhihoomallee humnoonni TPLF gara Amaaraafi Afaar seenuun haleellaa yeroo raawwatanitti humna addaa naannichaa ajajaa turani.

Baatii Guraandhala keessammoo hooggansa kanarraa akka ka'an taasifame. Achiis gorsaa nageenyaa bulchaa Naannoo Amaaraa akka ta'an muudamni kennameefi ture. Taatullee, fudhachuu didani.

Eega ajajaa humna addaarraa ka'anii booda miidiyaalee garagaraarratti dhihaachuun mootummaa federaalaafi naannichaarratti qeeqa dhiheessaa turani.