Lammiin Ertiraa gammachuu injifannoo dorgommii bishikileetii Grand Tour'n miidhame morkii ittaanurraa hafe

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Ertiraa dogommii bishikileetii Grand Tour mo'achuun Afirikaarraa nama jalqabaa ta'e wayita gammachuu isaa ibsachaa jiru shaampaanyiin ija isaa waan miidheef dorgommii biraa Giro d'Italia jedhamu irraa hafuuf dirqameera.
Dorgommii bishikileetii sadarkaa idil-addunyaatti guddaafi maqaa gaarii qabu Grand Tour mo'achuun seenaa addaa kan Biniyaam Girmaay, dorgommii itti aanu marsaa 11ffaa Giro d'Italia irraa hafeera.
Dogommii kana irraa hafuun isaa ammoo Kibxata marsaa 10ffaa isaa erga mo'ateen booda yeroo gammachuu isaa garee isaa waliin ibsataa turetti miidhaa shampaanyiin ija isaarraan gaherraa kan ka'eenidha.
Miidhaa irra gahe irraa kan ka'een hospitaalatti wallaansa argatee foyyaa'uun gara hiriyyoota garee isaa waliin gammachuu ibsachuutti deebiyullee, dorgommii Roobii har'aa gaggeeffamu kanaaf garuu qaqqabuu hin dandeenye.
Haalli fayyaa ija isaa kun "amma foyyaa'eera" garuu amallee sirriitti fayyuu isa barbaachisa jedhameera.
"Shaampaanyii kanaan walqabatee wanti ta'e xiqqoo na gaddisiiseera, hiriyyoonni koo garee keenya keessa jiran xiqqoo sodaataniiru," jedhe Girmaay.
"Haata'u malee, ani har'a dorgomicha hin jalqabu sababiin isaa ammoo ija kootiif boqonnaa na barbaachisa.
"kaleessa ergan hospitaalaa deebiyee injifannoo argadhe hiriyyoota kiyya waliin gammachuu ibsachaa turre.
"Ani amma nagaadha. Namoonni na deeggartan martinuu galatoomaa."
hakiimni garee isaa doktor Piet Daneels qorannoon fayyaa taasifame iji Girmaayee inni bitaan akka malee diimatee waan mul'isuuf dhukkubbiin isaa akka caalaa itti hin hammaanneef jecha dorgommii keessaa akka bahu murtaa'eera jedhan.
Dorgomaan bishkileetii umuriin isaa waggaa 22 ta'e kun dorgomaa cimaa Maatiwu Vaan Dar Pool jedhamu toora dhumaa irratti bira darbuudhaan dorgommii marsaa 10ffaa mo'ateera.
Girmaay injifannoo isaa kana "waan amanuu hin dandeenyedha" jedhe xumura dorgommichaa irratti. Haata'u malee, waan hospitaala deemeef ibsa dorgommii booda kenname irratti hin argamiin hafeera.
"Hunda dura garee kiyya hunda, hojjetootaafi nama kamiiniyyu galatoomaa," jedhe Girmaay.
"Ani hojiin gareen kun hojjetaniin baayyee gammadeera. Dorgomichi osoo hin jalqabiin dura irraa kaasee hundumtuu hanga dhumaatti hamilee kiyya baayyee na cimsaa jiru.













