Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirna Gadaa Oromoo: Abbaan Gadaa gadoomarra jiru siyaasa paartii keessa seenuu danda’aa?
Abbaan Gadaa gadoomarra jiru siyaasa paartii keessa seenuun qooda fudhachuu danda'aa? Abbaan Gadaa Afran Qalloo Abbaa Gadaa Abdurazaaq Ahimad dhihoo filatamanii Caffee Oromiyaa seenan wanti dhorku akka hin jirre ibsu.
'Gadaan siyaasa mootummaa irraa bilisa' jedhu 'ilaalcha dogogoraati malee qajeeltoo sirna Gadaa miti' jechuun BBC'tti dubbatan.
Abbaa Gadaa Abdurazaaq Gosa Oromoo Baareentuu, Gadaa Afran Qallootti Abbaa Gadaati. Eega Baallii fudhatanii Abbaa Gadaa tahanii amma ganna afreessoo keessa jiru.
Afran Qallootti amma gadoomarra jiraatanii baalliin isaan harka jiraatullee karaa biraa ammoo filannoo biyyaalessaa jahaffaa Itoophiyaa A.L.I Waxabajjii bara 2014 taasifameerratti hirmaataniiru.
Paartii biyya bulchaa jiru, Paartii Badhaadhinaa, bakka bu'uunis aanaalee Meettaa fi Gooroo Muxii keessatti duula nafiladhaa taasisanii, filannoo buufata isaanii injifatanii miseensa Caffee Oromiyaa ta'aniiru.
Adeemsa isaanii kana garuu Abbaan Gadaa Tuulamaa Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa ni mormu.
Hayyuun seenaa Pirofeesar Tasammaa Taa'aa taateen akkanaa akka hin baratamne, ta'us sirni Gadaa sirna bulchiinsa ammayyaa waliin osoo diriiree jiraate akka mudachuu danda'u ibsu.
Seerri Itoophiyaa lammiileen mirga dimookiraatawaa isaanii fayyadamuun kallattiinis ta'e filatamanii mootummaa biyya isaanii keessa akka qooda fudhatan ni eeyyama yookiin dhorkaa kaa'u hin qabu.
Abbaa Gadaa Abdurrazaaq akkaataa itti gara dhaaba siyaasaa bakka bu'anii filannoof dorgomuu itti murteessan yoo himan:
"Karuma nuuf danda'ameen mootummaa Oromoo kana gadi dhaabuu danda'uu qabna. Sababa ijoolleen jijjiiramaa dhufte kanatti Gadaan keenya nuuf deebite.
''Warri Gadaan siyaasarraa bilisa jedhu waa'uma Gadaatuu hin beekani" jedhu.
Abbaa Gadaa ta'uu fi hirmaannaa siyaasaa…
Haala amma biyyattii keessa jiru wajjiin dhalli Oromoo kamuu karaa itti fakkaateen nagaa Oromiyaa tiksuufi Abbootiin Gadaas mootummaa wajjin waliigalanii hojjechuutu furmaata jechuunis himu.
Ilaalchi 'Gadaan siyaasa mootummaa irraa bilisa' jedhu ilaalcha dogoggoraati malee qajeeltoo Sirna Gadaa mitis jedhu Abbaa Gadaa Abdurazaaq Ahimad.
"Gadaa fi Mootummaan wajjiin hin deemaa warra jedhuuf sirritti kallattiidhaaan wajjin deema. Uummanni baayyeen Gadaa kana sirritti hin beeku akkanumatti yaa'a malee.
''Gadaan siyaasarraa bilisa warri jedhu kijiba. Namni siyaasa hin beekne akkamitti biyyaan deema" jechuun gaafatu.
"Ammoo namni hundi caffeef hin ta'u nama namni jaalatutu taha. Ana amma aanaa 47'tu gadaa tiyya jala jira. Namni nuuf falmu, nuuf dubbatu si'i jedhanii uummanni nadirqee filannootti nagalche.
''Ani dura hin beekunuu ture. kanuma Maqaan maxxanfamee bakka sana dhaqi jedhaniin arge" jedhan.
Ilaalchi Abbaan Gadaa filannoorraa maal godha jedhu 'Ilaalcha dhiphoo, kan maalummaa Gadaa beekuu dhabuurraa maddes' jedhu.
Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo, Goobana Hoolaa ammoo, yaada abbaan Gadaa kuni tarkaanfachiisan sirrii akka hin taane dubbatu.
"Dhugaa dubbachuuf gaafa Abbaan Gadaa osoo Gadaarra jiruu Filannoo dorgomee caffee seene jedhan nan nahe. Kana akka sirni Gadaa cabee fi gadi bu'etti ilaalle.
''Gochi kuni baadii hamaadha. Paartii inni bakka bu'e kanaafilleen badii hamaadha" jedhan.
"Gadaan hambaa addunyaa kan ta'e sirna dimokiraasii fi siyaasa paartii irraa bilisa ta'eeti. Amma namni kuni Abbaa Gadaas, miseensaa paartiis ta'ee yoo argamu naasuu fi gaddatu natti dhagahama" jedhan.
Abbaa Gadaa amma filannoo dorgomanii miseensa Caffee tahan kanaan alattis aanaalee fi godinaalee keessatti namootni hedduun maqaa 'Abbaa Gadaati' jedhu qabatanii hojii siyaasaa adeemsisaa oolan sirna Gadaa Oromootti qorumsa tahaa jirus jedhu.
"Warra duudhaa Gadaan ajajuun ala bahee siyaasaan walitti maku kana dhaabuuf nuti humna hin qabnu. Gadaan humni isaa ummata. Kanaaf nuti boonyeetumaa ummatatti himnee taa'aa jirra" jedhan.
'Yaa'iin Odaa Bultuum mari'achuu qaba'
Oromoodhaaf 'Gadaan' sirna sirnaa oliitii kan jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan, Paartiin siyaasaa yoo dhufee darbu Gadaan garuu dhalootaa dhalootatti kan darbudha kanaaf siyaasa paartii irraa bilisa ta'uu qaba dhaamsa jedhu qabu.
"Jaarraa 16ffaa keessa namuma aangoo fi humna qabutu 'anatu Abbaa Gadaati' jedhee of muudaa ture. Ammas rakkoo akkasiitu dhufe. Amma yaa'iin Odaa Bultum waan kanarratti walgahee mari'atee kallattii kaa'uu qabas."
Yunivarsitii Finfinneetti hayyuun seenaa Pirofeesar Tasammaa Taa'aa, seenaa keessatti Abbaan Gadaa si'a tokkoon Abbaa Gadaas ta'ee paartii siyaasaa keessa jiru mul'atee hin beeku jedhan.
Ta'us sirni Gadaa sirna bulchiinsa ammayyaa kana waliin karaa walqixaa fi walfudhatiinsa qabuun diriiree osoo jiraatee sirni walfaana adeemsisuu kuni uumamuu inuma dandaha ture jedhu.
"Abbaa Gadaa uummanni akka seeraa fi heera Gadaatti nagaggeessa jedheeti kan filatu. Mootummaan ammaa ammoo akka heera fi seera Gadaa kanatti miti kan bulchu. Garaagarummaa qaba" jedhan.
"Ummanni Abbaa Gadaa sana filate 'Ati Abbaa gadaa keenya, akka duudhaa fi heera Gadaatti si erganna dhaqiitii mootummaa keessatti naaf hirmaadhu seeraa fi heera keenya nuuf eegsisi' jechuu dandaha.
''Kana jechuuniin isaanii garuu mirkanaahuu qaba" jedhu.
Haala sirni Gadaa fi bulchiinsi biyyattii amma itti adeemaa jiruun garuu si'a tokkoon abbaa gadummaa fi siyaasa walfaana adeemsisuun qorumsa cimaa fi waan gochuun hin dandahamnedhas jedhan Pirofeesar Tasammaan.
Abbaa Gadaa Abdurazaaq Ahimad eenyu?
Abbaan Gadaa Abdurazaaq Ahimad ''gosti kiyya sirna duriirraa kaasuun Sirna Gadaa kana tursiisuuf warra aarsaa kanfaledha'' jechuun abaaabilee isaaniirraa kaasanii lakkaahan.
Isaan ammoo waggaa 12 erga biyya Kaanaadaa jiraataniin booda jijjiirama siyaasaaa biyyattii keessatti dhufee tureen gara biyyaatti deebi'uus himu.
Akkaataa itti biyyaa bahan yoo himanis, 'qabsoo sirna darbe keessatti taasisaa turreen waggaa dheeraa ergan mana hidhaa tureen booda gara biyya alaatti baqadhe.'
Dhaaba yookiin garee jala hiriiranii qabsaa'an garuu himuu hin feene.
Akkaataa itti biyyatti deebi'anii abbaa Gadaa tahan yoo himan ''Uummata kiyyatu aboo si abaarramoo si eebbisna, koottu ummatakee tajaajili jedhee nawaame" jedhan.
"Afran Qalloo Odaa Watarittin Abbaa Gadaa ta'ee Baallii fudhadhe. Afran Qalloo sangaa torba qalee baallii Gadaa naaf kenne.
''Gadaa Odaa Watar kana amata 224 booda deebisne. Kuni Waxabajjii 8, bara 2011 [A.L.I] jechuudha" Jedhan.